Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 14

14
Yesuus Namicha Dhibameeru Tokko Fayyise
1Guyyaa Sambataatiin Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo hennaa dhaqe; worri isa gaadu ijaan eega'aa turan. 2Hennaa san namichi garaan#14:2garaankitaabonni gari gariinnafa jedhan bokoke tokko isa afoo ture. 3#6:9 Yesuus deebisee, «Guyyaa Sambataatiin nama fayyisuun eeyyamameera mo'o hin eeyyamamne?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisota gaafate. 4Isaan ammo hin cadhisan. Innillee namicha qabee fayyisee geegesse. 5#13:15; Mat. 12:11 «Isin keessaa namni harreen yookaan qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennu?» isaaniin jedhe. 6Isaan ammo isaa deebii kennuu hin dandeenne.
Keessummaa Simachu'uu fi Kasoo Ta'uu'u
7 # Mat. 23:6 Inni worri waamaman hulee kabajja'aa akka filatan argee, mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. 8#Mam. 25:6-7 «Eennullee yoo cidha si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf. 9Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gad dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gad dhiiftee bakka gad aanaa teetta. 10Hennaa waamamte ka si waame ammo dhufee, ‹Jaalalloo kiyya! ol siiqi› akka siin jedhu ati ammo hulee gad aantu taa'i. Hennaa san worra si woliin taa'an san maraa afo'otti ulfinna sii ta'a. 11#18:14; Mat. 23:12 Ka ol uf qabu maruu hin salphata; Ka gad uf qabu ammo hin kabajjama.»
12Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedhe, «Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin. 13Hennaa affeerrii goote ammo hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi worra ijaan hin argine waami. 14#Yoh. 5:29 Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a.»
Mammaaka Waan Sirnya Gudda'aa
(Mat. 22:1-10)
15 # 13:29 Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaata nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen. 16Inni ammo akkana jedhe, «Namichi tokko hurbaata guddaa qopheessee namoota hedduu waame. 17Worra sa'aatii hurbaata'aatitti waamamaniin, ‹Kunoo wonti maruu qophaayeera koottaa'a› jedhee akka waamuuf garbicha ufii erge. 18Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera; deemee laalladhaa dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. 19Ka biraa, ‹Qotilee morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. 20Ka biraallee, ‹Ani waan dhiyoo fuudheef idaayya'a, dhufuu hin danda'u› jedheen. 21Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi worra ijaan hin argine waami!› jedheen. 22Hojjataan sunillee, ‹Akka ati na ajajje godheera; ammallee huleen hin jirti!› jedheen. 23Gooftaanillee garbicha ufiitiin manni kiyya akka guutu, ‹Gara karaa badha'aa fi xurree baadiyya'atti baasuu bayiitii akka seenan godhi! 24Ani akkana isiniin jedha, worra waamaman sanniin keessaa namni tokkollee hurbaata kiyya afaaniinillee hin qabu!› jedhe» jedheen.
Yesuusiin Faanaa Deemuun Gatii Kaffalchiisa
25Gumiin hedduu uduu isa woliin deema'aaru Yesuus gara isaanii garagalee akkana isaaniin jedhe, 26#18:29; Kes. Deb. 33:9; Yoh. 12:25 Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate abba'aa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, ilmaan haadhaa, intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine darasaa kiyya ta'uu hin danda'u. 27#9:23; Mat. 16:24; Mar. 8:34 Eennullee fannoo ufii baadhatee yoo na faanaa hin deemne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.
28«Isin keessaa namni mana dhaga'aan ijaaruu barbaadu, duraan dursee waan hujii san ittiin raawwatu ka taa'ee gatii hin herrenne eennu? 29Yookaan ammo jalqabee fixuu yoo dadhabe namoonni argan maruu, 30‹Ila kunoo! namichi kun ijaarsa jalqabee fixuu dadhabee› jedhanii itti baldan. 31«Yookaan mee mootiin tokko mootii biraatiin loluuf dhaqa haa jennuu; mootii loltoota kumaatama qabu tokko mootii loltoota kumaatamaan caalu qabu woliin lolu'uuf duulu tokko duraan dursee gad taa'ee ka hin mari'anne eennu? 32Yoo ka hin dandeenne ta'e ammo mooticha isaan lolu'uuf ta'u saniin fagoo uduu jiru namoota ufii itti ergee araara kadhata. 33Akkasuma eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe.
Sooqqidda Kuraa Uf Keessaa Hin Qabne
(Mat. 5:13; Mar. 9:50)
34«Sooqqiddi waan misha'a; inni garuu yoo mi'aa uf keessaa hin qabaanne maali'iin mi'aaya ree? 35#Mat. 11:15; Mar. 4:9 Faayidaa biraa hin qabu; lafaafillee kosii hin ta'u; gara raasa'aa gatama. Kanaafuu namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe.

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan