Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 12

12
Yesuus Dhara Fariisotaa Irraa Uf Eeggachiise
(Mat. 10:26-27)
1 # Mat. 16:6; Mar. 8:15 Hennaa san namoonni kuma heddutti laakkayaman haga wol irra dhaabatanitti uduu wol gayanii jiran Yesuus darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, «Duraan dursa'aatii raacitii Fariisotaa, jechuun uf tuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a. 2#8:17; Mat. 10:26; Mar. 4:22 Haa ta'uu ammo wonti golgame uduu hin mudhanne; wonti dhokatellee uduu hin beekkamne hafu hin jiru. 3Kanaafuu ka dukkana keessatti dubbattan maruu ifatti dhagayama, ka gola keessatti gurratti hasaaftan raasaa irratti lallabama.
Eennuun Sodaachuu Akka Nu Barbaachisu
(Mat. 10:28-31)
4«Isin jaalalloota tiyya akkana isiniin jedha, worra isin ajjeesan san caalaa ammo worra womaa godhuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. 5Ani ammo waan sodaattan isinitti hima. Rabbii haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a!
6Handariin shanii saantibii kudhanitti gurguramtii mii? Isaan keessaa tokkottiinillee Rabbiin afo'otti hin irraanfatamtu. 7#21:18; Hu. Er. 27:34 Rifeensi mataa keessaniituu uduu hin hafin laakkayameera. Maarre handarii hedduu san waan caaltaniif hin sodaatinaa'a!»
Waan Kiristoosii ragaa Bayuu
(Mat. 10:32-33; 10:19-20)
8«Ani akkana isiniin jedha, ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, Ilmi namaallee maleekkota Rabbii afo'otti ragaa bayaaf. 9#9:26 Ka nama afo'otti na ganu, maleekkota Rabbii afo'otti hin ganama. 10#Mat. 12:32 Nama Ilma namaa arrabse maraafuu hin dhiifama. Ka Ayyaana Woyyuu arrabsee ammo hin dhiifamu.
11 # 21:12-15; Mar. 13:11 Hennaa gara mana sagada Yihuudotaa, gara ajajootaa fi bulchootaa isin harkisan, attamitti yookaan maal akka deebiftaniif hin yaadinaa'a. 12Ayyaanni Woyyuun hennama san waan dubbatuu qabdan isin barsiisa» jedhe.
Gowwummaa Namicha Dureessa Tokkoo
13Gumii keessaa namni tokko Yesuusiin, «Barsiisaa'a! dhaala abbaa keennaa akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen.
14 # Ser. Ba'u. 2:14; Hu. Er. 7:27 Yesuus deebisee, «Namicha nana! isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen.
15 # Xim. 1ffaa 6:9-10 «Jireenni namaa guddinna qabeennaatiin waan hin taaneef uf eeggadhaa'a; dharraa maraa irraa uf eegaa'a!» isaaniin jedhe. 16Achiin maayessa Yesuus isaanitti mammaakee, «Qonni namicha dureessa tokkoo sanyiin isaa guddisee toleef. 17Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade. 18‹Akkana godha› ‹Gootaraa kiyya diigee ka biraa ka caalu ijaara. Achitti eebba kiyyaa fi midhaan kiyyallee galfadha. 19Achiin maayii ufiin, ‹ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf hara baafadhu! nyaadhu! dhugi! gammadi› jedha. 20Rabbi ammo, ‹Ati ceem'aaleessa nana, halkan kana lubbuu tee si keessaa fuudhu'uuf soqa'aaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen. 21#Mat. 6:20; Xim. 1ffaa 6:17-19 Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.»
Rabbiin Abdii Godhachuu
(Mat. 6:25-34)
22Kanaan maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna, yookaan nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a. 23Jireenni nyaata irra, naftillee uffata waan caaluuf. 24#Far. 147:9 Harraageyyii laalaa'a; hin facaafatan, hin haamatan, mi'a manaa yookaan gootaraa hin qaban. Rabbi ammo isaan hin nyaachisa. Isin hoo simbirran hin caaltanii? 25Isin keessaa yaaddayee hojjaa ufii irratti ka ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu? 26Eegasuu waan diqqoo tana ka hin dandeenne yoo taatan maaf waan biraatiif yaaddoftan? 27#Mot. 1ffaa 10:4-7; Sen. 2ffaa 9:3-6 Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa'a. Hin dadhaban; jirbii hin fooyan. Haa ta'uu ammo Solomoonuu, uduu ulfinna san maraa qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne. 28Rabbi ammo abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibiddaatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantii dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree?
29«Isin, ‹Maal nyaanna? Maal dhunna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a. 30Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif Abbaan keessan ka samii jiru kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka. 31Irra caalaa ammo jeennata Rabbii soqaa'a, kun maruu isinii eda'amaa.»
Durummaa Sami'ii
(Mat. 6:19-21)
32 # 22:29; Isa. 41:14; Dan. 7:27 Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii isaa mishaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a. 33#18:22; Mat. 19:21; Mar. 10:21 Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaannee fi bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a. 34Hulee qabeenni keessan jiru yaanni keessanillee achuma waan jiraatuuf.
Dammaquu Hojjattootaa
(Mat. 24:45-51)
35 # Mat. 25:1-13 Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Isin mudhii keessan hidhadha'aatii huji'iif qophaayaa'a; worra ibsaan isaanii ifu ta'aa'a. 36Akkaataa kanaan hojjattoota gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee hennaa balbala dhadhayu, akkuma inni balbala dhadhayeen isa jalaa banu'uuf qophaayanii isa eegan sanniin fakkaadhaa'a. 37#17:7-8; Yoh. 13:4 Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan arguun isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise. 38Hojjattoonni hennaa gooftaan isaanii halkan qixxee dhufee, isaanii dammaqaniiranii isaan argu sunniin worra eebbifame. 39#Tas. 1ffaa 5:2 Kana ammo beekaa'a; abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuftu uduu beekee silaa hattuun mana isaa akka qottu itti hin dhiisu. #Mat. 24:43-44 40Isin ammo Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf qophaaya'aa jiraadhaa'a.»
Hojjattaa Amanama'aa Fi Ka Hin Amanamne
(Mat. 24:45-51)
41Pheexroos, «Gooftaa kiyya! mammaaka kana nuuf moo yookaan maraafuu dubbata'aarta?» jedhee gaafateen. 42Gooftaan akkana jedhee deebiseef, «Eegasuu hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu? 43Hojjataan hennaa gooftaan isaa deebi'ee dhufu uduu hojjatu arguun sun eebbifama'a. 44#Mat. 25:21,23 Ani dhugamaan isiniin jedha waan qabu maraa irratti isa muuda. 45Garuu yoo hojjataan sun yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya dafee hin dhufu› jedhee yaadee nyaata'aa, dhuga'aa machaaya'aa, hojjattoota dhiiraatii fi dubartoota isa woliin hojjatan tumuu jalqabe, 46Gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eeggannee fi hennaa inni hin beennetti dhufa. Bakka lamatti isa baqqassa; hiree isaallee worra hin amanamne woliin taasisa. 47#Yaq. 4:17 Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee hin qophoofnee fi akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama. 48Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammo uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan gudda'atu barbaadama; Ka yaboon guddaan itti kenname irraallee waan gudda'atu barbaadama» jedhe.
Namoonni Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayan
(Mat. 10:34-36)
49«Ani lafa irratti ibidda buusu'uuf dhufeera Amumaa uduu daddafee naa qabatee attam natti tolaa! 50#Mar. 10:38 Haa ta'uu ammo cuuphaa cuuphamuu na baarbachisu tokkotu jira; haga inni raawwatamuuf akka malee dhiphadha. 51Isin waan ani lafa irratti nagaya fidu'uuf dhufe isinitti fakkaataa? Akkasii miti; gargar bayiinsa fidu'uuf dhufe malee. 52Amma irraa jalqabee mana tokko keessatti maatii shantu jiraata. Sadiin lama irratti, lamaan sadiin irratti ka'anii addaan fooyaman. 53#Mik. 7:6 Abbaan ilma ufii irratti, ilmi abbaa ufii irratti, haati intala ufii irratti, intalti haadha ufii irratti, soddaatiin intala ilmaa irratti, intalti ilmaallee soddaatii irratti ka'anii gargar bayan» jedhe.
Hennaa Beekuu
(Mat. 16:2-3; 5:25-26)
54Yesuus banii saniin deebi'ee akkana jedhe, «Hennaa duumessi dhiyaa bayu yoo argitan yoma san, ‹Roobni hin rooba› jettan; akkasuma hin rooba. 55Bubbeen gara bita'aatii yoo bubbise, ‹Bona ta'a› jettan; akkasuma hin bona. 56Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haa ta'uu ammo maaf hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdan ree?»
Nama Woliin Araaramuu
(Mat. 5:25-26)
57«Isin wonti qajeellumma'aan hin murteessineef maali'ii? 58Ka si himate woliin hennaa gara mana murti'ii deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne, abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine, worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha. 59Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu si irratti hin hafne haga kaffaltutti achii horomaa hin baatu.»

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan