Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 3
3
Yesuusii Fi Niqoodimoos
1Namicha gosa Fariisotaa bulchaa Yihuudotaa ka maqaan isaa Niqoodimoos jedhamu tokkotu ture. 2#9:16,33; Mat. 22:16; Hu. Er. 10:38 Inni halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! yoo Rabbi isa woliin ta'e malee ka maalalee ati hojjattu kanniin hojjatuu danda'u waan hin jirreef barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.
3 #
1:13; Phex. 1ffaa 1:23; Yoh. 1ffaa 3:9 Yesuus deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha namni yoo lammeessoo deebi'ee dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.
4 #
Qor. 2ffaa 5:17
Niqoodimoos, «Namni haga jaareen maayessa deebi'ee attamitti dhalatuu danda'a? lammata hormaata haadhaatitti deebi'ee dhalatuu danda'aa?» jedheen. 5#His. 36:25-27; Efe. 5:26; Tit. 3:5 Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni yoo bisaanii fi Ayyaana irraa dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u. 6#1:13; Qor. 1ffaa 15:50 Ka foon irraa dhalate foon; Ka Ayyaana irraa dhalate Ayyaana. 7Waan ani ‹lammeessoo dhalachuu isin barbaachisa› jedheef hin maalalfatin. 8Bubbeen gara fedhe bubbisa; ati huursaa isaa dhageetta malee, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettu. Namni Ayyaana irraa dhalate maruu akkasuma.» 9Niqoodimoosillee deebisee, «Kun attamitti ta'uu danda'a?» jedheen. 10Yesuus deebisee akkana jedheen, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee kana hin beettuu? 11Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha; nu waan beennu dubbanna; waan arginellee ragaa baana; isin garuu ragaa keenna hin fudhattan. 12Hennaa ani waan lafaa isinitti hime yoo hin amanne, waan sami'ii yoo isinitti hime attamitti amantan ree? 13#Mam. 30:4; Rom. 10:6; Efe. 4:9; Hu. Er. 2:34 Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Inni Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu. 14#Ser. Lak. 21:9; Yoh. 8:28; 12:32-34 Akkuma Muuseen lafa udume'ee keessatti bofa fannise, akkasuma ilmi namaa fannifamuu barbaachisa. 15Kun akka worri isatti amanu maruu jeennata galuuf. 16#Rom. 8:32; Yoh. 1ffaa 4:9-10; Yoh. 3:36 Wonti Rabbi adunyaa tana akkanumaan jaalatee tokkicha ilma ufii kenneef, namni isatti amanu maruu akka hin bannee fi akka jeennata galuuf. 17#12:47; Luq. 19:10 Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf. 18#5:24; Tas. 2ffaa 2:12 Nama isatti amanu itti hin murtaayu; Ka isatti hin amanne ammo maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera. 19#1:5,9-11; 8:12; 9:5; 12:48 Murtiin sunillee kana. Ifni gara biyya lafaa dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii waan hamaa ta'eef ifa caalaa dukkana jaalatan. 20#7:7; Efe. 5:11-13 Namni hamaa hojjatu maruu ifa jibba. Hujiin isaa akka jalaa ifa hin baaneef gara ifaa hin dhufu. 21#Mat. 5:16; Yoh. 1ffaa 1:6-7 Namni dhugaa hojjatu ammo hujiin isaa akka ajaja Rabbiititti hojjatamuun isaa akka mudhatuuf gara ifaa dhufa.»
Yohaannisiin Cuuphaan Waan Yesuusii Ragaa Baye
22Achiin maayessa Yesuus darasoota ufii woliin gara biyya Yihuuda'aa dhaqe. Achitti isaan woliin taa'ee cuupha'aa ture. 23Yohaannis akkasuma naannoo Saaleemii bakka Heenoon jedhamtutti bisaan guddaan waan jiruuf achitti cuupha'aa ture. Namoonni achi dhaqanii cuuphaman. 24#Mat. 14:3; Mar. 6:17; Luq. 3:19-20 Wonti kun uduu Yohaannis hin hidhamne ta'e. 25Kanaafuu darasoota Yohaannisiitii fi Yihuudota jiddu'utti waan qulqullumma'aatiif mormiin ka'e. 26#1:25-34; 4:1-2; Mat. 3:11,13 Isaan gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a! namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun waan cuupha'aa jiruuf namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan. 27#19:11; Qor. 1ffaa 4:7; Ibr. 5:4 Yohaannis deebisee akkana isaaniin jedhe, «Yoo samii irraa kennameef malee namni waan tokkollee argatuu hin danda'u. 28#1:20,23; Luq. 3:15-17 ‹Ani Kiristoosii miti; haa ta'uu ammo isaan dura ergameera› akka ani jedhe isinuu ragaa naa baatan. 29#15:11; 17:13; Mat. 9:15 Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame. 30Inni guddatee; ani diqqaachuu woyya.»
Ka Samii Gubba'aa Dhufu
31 #
8:23; Qor. 1ffaa 15:47; Yoh. 1ffaa 4:5 Ka olii dhufu maraa caala. Ka lafaa ammo kama lafaati. Woma lafaa dubbata; ka sami'ii dhufu maraa caala. 32Inni waan argee fi waan dhagaye ragaa baya; ka ragaa isaa dhagayu ammo hin jiru. 33#Yoh. 1ffaa 5:10 Namni ragaa kana dhagayu ammo akka Rabbi dhugaa ta'e dhugoomse. 34#1:16,33-34; Qol. 1:19 Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef 35#5:20; 17:2; Mat. 11:27; Luq. 10:22 Abbaan Ilma ufii hin jaalata; waan maraa isatti kenneera. 36#3:15-18; Yoh. 1ffaa 5:12-13; Efe. 5:6; Ibr. 3:18-19; Rom. 11:20,30-32 Namni Ilma isaatitti amane jeennata argata. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jeennata hin argatu» jedhe.
Tans Gekies:
Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 3: KitWoy
Kleurmerk
Deel
Kopieer
Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan