Seera Uumamaa 16

16
Aggaarii Fi Ismaa'el
1Haati manaa Abraamii Sooraan ammo Abraamii finna hin deenne turte; isiin garbittii biyya Misirii ta Aggaar jedhamtu qabdi. 2Sooraan Abraamiin, «Kunoo ani akka hin deenne Rabbi gadaamessa kiyya cufeera, maal laataa karaa finna isiin deettuun finna argadhaa isii bira gayi» jetteen. 3Abraamillee waan Sooraan jetteen dhagaye; inni biyya Kana'aanii woggaa kudhanii haga jiraateen maayessa haati manaa Abraamii Sooraan garbittii ufii ta biyya Misiriitii abbaa worraa ufii Abraamiif haadha manaa akka taatu kenniteef. 4Innillee Aggaariin bira gaye isiinillee hin ulfoofte; isiin akka ulfoofte haga beette giiftii ufii tuffatte.
5Sooraan Abraamiin, «Dhiibbaa na irratti hojjatte kanaaf jasaa hin argatta; ani garbittii tiyya fuudhee sii kenne; isiin haga akka ulfoofte uf argite na tuffatte; Rabbi anaa fi si'i jiddu'utti haa murteessu» jetteen. 6Abraamillee Soora'aan «Garbittiin tee kunoo si harka jirtii akka feete isii godhi» jedheen; Aggaar haga Sooraan rakkifteen mana isi'iitii baatee badde.
7Maleekkaan Rabbii Aggaariin burqaa bisaanii ka lafa gammooji'ii biratti arge; burqaan sun karaa gara Suurii fidu bira jira. 8Maleekkaan sun garbittii Soora'aa Aggaariin «Eessaa dhufte? Eessa deemta?» isi'iin jedhe; isiinillee «Ani giiftii tiyya Sooraa jalaa baqata'aara» jetteen.
9Maleekkaan Rabbii «Gara giiftii teetii deebi'ii isi'ii ajajami» jedheen. 10Maleekkaan Rabbii deebisee «Hortee kee guddisee waan baay'isuuf laakkayamuu hin danda'amu;
11Ati kunoo ulfoofteerta; ilma dhiiraa hin deetta;
maqaa isaa Ismaa'el jettee itti baafta;
Rabbi waan rakkinna kee dhagayeeruuf. #16:11 Ismaa'el Afaan Ibraayisxiitiin «Rabbi hin dhagaya» jechu'u.
12Innillee akka harree diidaatitti jiraata;
nama maraa hin morma;
Namoonnillee isa morman;
inni obboleewwan ufiitiin jibbama'aa jiraata» jedheen.
13Aggaar ammo, «Dhugamaan ani Rabbii na arge san ijaan argee lubbu'uun jiraadhaa?» jettee Gooftaa isii qaasseen «El Roo'i» jetteen. El Roo'i jechuun «Waaqa na argu arge» jechu'u. 14Kanaaf maqaan bisaan boolla sanii «Bi'eerla hayiro'i#16:14 Bi'eerla hayiro'i Bi'eerla hayiro'i jechuun «Bisaan boollaa ka Waaqa jiraataa na laaluu» jechu'u.» jedhame; innillee Qaadesii fi Baarediin jidduu jira.
15Aggaar Abraamii ilma dhiiraa deette; Abraam ilma Aggaar deetteef san «Ismaa'el» jedhee maqaa itti baase. #Gal. 4:22 16Aggaar hennaa Abraamii Ismaa'eliin deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jahaa ture.

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan

Video vir Seera Uumamaa 16