Wongeela Maarqoos 3

3
Yesus Namicha Harka Naafttichaa Fayyisuu Isaa
(Mat 12:9-14; Luq 6:6-11)
1Yesus'llee deebi'ee gara bakka woligayii isaanii ni aseene, achi'llee nama harki isaa naafaa tokkotu jira ture. 2Yesusiin himachu'uuf namoonni barbaadan, «Guyyaa Sanbbataatiin ka fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu!» jedhanii, ni eegganiin ture. 3Yesus'llee namicha harka naafaatiin, «Koottuutii jidduu dhaabadhu!» jedheen. 4Achiin duubatti'llee, «Haa ta'u malee guyyaan Sanbbataatiin ka eeyyamame, waan mishaa raawwachu'u moo yookiin hama'a? Lubbuu fayyisu'uu moo yookiin balleesu'u?» jedhee isaan ni gaafate. 5Yesus'llee waayee haddooddii onnee isaaniif gaddee, naannoo isaa worra jiran laaleeti namichaan, «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirsetti, harki isaa ni fayyeef. 6Bakkumatti Fariisonni bayanii attami taasisanii Yesusiin akka balleessaniin, namoota Heerodisii woliin ni mari'atan.
Ummanni Garba ciisaa Biratti Bakka Yesusii Jirutti Akka Woligayan
7Yesus barattoota isaa woliin gara garba ciisaa Galiila'aa ni deeme. Galiila'aa fi Yihuda'aa'llee namoonni baayi'een ni horddofaniin. 8Ni taasisa waan ture mara'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een isa ni horddofaniin, isaan'llee Galiila'aa, Yihuda'aa, Yerusaalemii, Edomiyaas, Yordaanosiin gama biyya jiruu'llee, akkuma kana magaalota Xiiroosii fi Sidoonaatti'llee ka dhufan ni jiran ture. 9#Mar 4:1; Luq 5:1-3.Baayi'nna ummataa irraa kan ka'een akka isa hin haccuu'cineef, hoboloo qopheessanii akka dhiyeessaniif, barattoota isaa ni ajaje. 10Namoota baayi'ee dhukkuba isaanii irraa, isaan fayyisee waan tureef, worri dhukkubaan makkaraaran marrinuu harka isaaniitiin isa tuqu'uuf barbaadanii, ni haccuucaniin ture. 11Hafuuronni battiiwwan'llee yeroo isa arganitti isa duranatti kufa'aa, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa, ni iyyan ture.
12Inni garuu eennummaa isaa akka hin ibisineef, ciminnaan isaanitti ni baanate.
Yesus Ergamittoota Isaa Kudha Lamaan Filachuu Isaa
(Mat 10:1-4; Luq 6:12-16)
13Yesus gara gaaraa yeroo bayetti isaan worra barbaade sanniin gara isaa ni waame, Isaan'llee gara isaa ni dhiyaatan. 14Isa woliin akka ta'anii fi haa barsiisaniif'llee akka isaan ergu kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase. 15Jinniiwwan akka baasaniif'llee aangoo isaaniif ni kenne.
16Ergamittoonni filataman kudha lamaan'llee kanniin, Phexiros jedhee ka moggaase Simooniin, 17Bo'anergees yookiin ijoollee hangaasu'uu jedhee ka moggaase, ijoollee Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisiin, 18Indriyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Taadewosii fi Simoonii hinaafticha. 19Yesusiin'llee dabarssee ka kenne, Yihudaa nama biyya keriyoot.
Yesusii Fi Bi'el Zebuliin
(Mat 12:22-32; Luq 11:14-23; 12:10)
20Kanaan duubatti'llee Yesus gara manaa ni aseene. Yesusii fi barattoonni isaa nyaatuma'llee nyaachuu haga dadhabanitti, deebi'ee namoonni baayi'een wol ni gayan. 21«Yesus maraatee jira!» yoo jedhamu dhagayuu isaaniitiin worri isaa isa qabu'uuf, gara isaa ni dhufan.
22 # Mat 9:34; 10:25. Barsiisonni seeraa worri Yerusaalemii bu'an, «Inni Bi'el zebuliin qaba! Jinniiwwan'llee ka baasu, itti gaafatamaa jinniiwwanii ka ta'e, Bi'el zebuliii kanaan!» jedha'aa ni odeessan.
23Yesus'llee isaan gara isaa waamee fakkeennaan akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni attamitti sheexana baasu'uuniif danda'a? 24Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun jabaatee dhaabachu'uuf hin danda'u. 25Akkuma kana maatiin tokko ufii isaatii yoo gargar fooyamee, jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u. 26Kanaaf Sheexanni ufii isaatii gargar yoo fooyyaye ni bada malee, jiraachuu hin danda'u.»
27«Akkuma kana gara mana nama jabaa tokkoo aseenee, durssee nama jabaa san uduu hin hidhin, qabeenna isaa saamu'uuf ka danda'u hin jiru.
28«Dhugamaan isiniin jedha, cubbuun namoonni hojjatanii fi dubbiin arrabaa ka dubbatan maraafuu, dhiifaminni ni taasfamaaf. 29#Luq 12:10.Garuu Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu marrinuu, liqaa bara baraa itti ta'a malee, gonkumaa cubbuu isaatiif dhiifamnni hin taasfamuuf.» 30Yesus kana ka dubbateef, «Hafuura batti'iitu isa keessa jira» jechuu, isaaniitiin ture.
Haadha Yesusiitii Fi Obboleeyyan Isaa
(Mat 12:46-50; Luq 8:19-21)
31Haati yesusiitii fi obboleeyyan isaa gara isaa ni dhufan, ala'llee dhaabatanii gara isaa nama erganiiti, ni waamsisaniin. 32Namoonni naannaya ta'anii jiran turan'llee, «Kunoo! Haatetii fi obboleeyyan kee, ala dhaabatanii si barbaadan» jedhanii, itti himan.
33Inni'llee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan kiyya hoo eennuun fa'a?» jechu'uun, ni deebise. 34Gara worra naannaya isaa ta'anii jiran turanii laala'aa, «Kunoo! Haati tiyyaa fi obboleeyyan kiyya'llee kanniin! 35Fedhii Waaqaa ka raawwatu marrinuu, inni obboleesa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya'lle'e» jedhe.

Kleurmerk

Deel

Kopieer

None

Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan