Wongeela Maatewos 20
20
Fakkeenna Mindeeffama Hojjattoota Bakka Biqilttuu Woyiinni'ii
1«Mootummaan Sami'ii titti hojjattoota bakka biqilttuu woyinni'ii keessa hojjatan mindeessu'uuf, ganama obboro'oon ka baye abbaa bakka biqilttu'uu fakkaatti. 2Inni'llee tokko tokkoofuu guyya'aan dinaara tokko isaa kafalu'uuf wolii galee, hojjattoota gara bakka biqilttuu woyinni'ii titti ni erge. 3Gara saa'aatii sadihii titti bayee, hujii malee bakka yaa'ii worra dhaabatan namoota bira'aa ni arge, 4‹isin'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii deema'aatii hojjadhaa, herreega isinii malu'llee isinii ni kafala› isaaniin jedhe. 5Isaan'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii ni deeman, dabalee'llee saa'aatii jahaa fi gara saa'aatii sagalii titti'llee bayee akkuma kana ni raawwate. 6Gara saa'aatii kudha tokkoo titti'llee bayee namoonni bira'aa'llee dhaabatanii isaan argateeti, ‹isin hoo guyyaa guutuu hujii malee asi ka dhaabattan, maali'iif?› jechu'uun, isaan ni gaafate. 7Isaan'llee, ‹nama nu mindeessu dhabinneeti› jedhaniin, inni'llee, ‹eegasuu isin'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii deema'aatii hojjadhaa!› isaaniin jedhe.»
8«Yeroo dhiyetti'llee abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii itti gaafatamaa huji'iitiin, ‹hojjattoota waamiitii worra muummee irratti mindeeffaman irraa jalaqabddee, haga worra duran mindeeffamanii titti, gatii hujii isaanii kafali!› ni jedheen. 9Kanaaf worri sa'aatii kudha tokkotti mindeeffaman dhiyaatanii, tokko tokkoon isaanii dinaara tokko ni fudhatan. 10Worri jalqaba mindeeffaman yeroo dhiyaatanitti caala'atti waan isaanii kafalu isaanitti fakkaatee, ture, garuu isaan'llee tokko tokkoon isaanii qarshii kudha shanii, ni fudhatan. 11Qarshii fudhataniiti abbaa bakka biqilttuu woyinni'ii irratti akkana jechu'uun, ni guunguman, 12‹isaan kunniin muummee irraan dhufanii ka hojjatan saa'aatii tokko qofaaf, garuu guyyaa guutuu oo'a adu'uutiin gubata'aa, nu'u worra huji'iin dadhaba'aa oolleen woliin, wol qixa isaan taasftte.›
13«Abbaan biqilttuu woyinni'llee hojjattoota keessaa tokkoon akkana jechu'uun ni deebiseef, ‹yaa waahela kiyya! Womaayyuu si hin miine, ka wolii galle guyya'aan dinaara tokko si kafalu'uufii mitii ree? 14Kanaaf, gayaa kee fudhadhuutii deemi, waan haga si'iif kennee kana ka duuba irraatiif'llee kennu'uuf ni eeyyame. 15Qabeenna mataa kiyyaatiin waan barbaade raawwachu'uuf mirga hin qabu moo? Yookiin ani arjjoomaa waan ta'eef, ati ni hinaafttaa moo?› »
16 #
Mat 19:30; Mar 10:31; Luq 13:30. Kanaan duubatti Yesus, «Akkuma kana worra duuba irraa durssitoota, durssitoota ka ta'an'llee worra duuba irraa ni ta'an» jedhe.
Yesus Waayee Du'a Isaatii fi Du'aa Ka'uu Isaa Yeroo Sadaffaatiif Dubbachuu Isaa
(Mar 10:32-34; Luq 18:31-34)
17Kanaan duubatti Yesus gara Yerusaalemii ni deema ture, karaa irra uduma jiran'llee barattoonni isaa kudha lamaan, adda isaaa titti gara ufii fudhatee akkana isaaniin ni jedhe, 18«Kunoo, amma gara Yerusaalemii deemuu keenna, achitti'llee Ilmi Namaa itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraatiif dabarffamee ni kennama, isaan'llee murtii du'aa itti ni murtteessan. 19Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarsanii ni kennaniin, isaan'llee itti ni baldan, ni dhaananiin, ni fannisaaniin'lle'e, garuu guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a.»
Kadhaa Haadha Ilmaan Zebdiwoosii
(Mar 10:35-45)
20Kanaan duubatti haati ilmaan Zebdiwoosii ijoollee isi'ii woliin gara Yesusii dhiyaatteeti, isa duranatti'llee jilibbiiffattee waan tokko akka isi'ii taasisuuf ni gaafatteen.
21Yesus'llee, «Maal barbaadda?» isi'iin jedhe. Isiin'llee, «Mootummaa kee titti ijoollee tiyya kanniin lamaan, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka naa taa'an taasisi!» jetteen.
22Yesus garuu, «Isin waanuma kadhatanuu hin beekittan, ani yeroo dhiyo'otti ka dhugu duloo rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee ni dandeenna!» jedhan.
23Yesus'llee, «Qajeelumaan duloo ani dhugu ta rakkinnaa ni dhugiddan, garuu namoota mirga kiyyaa fi bitaa kiyyaan akka taa'an ka taasisu anaa miti, bakkeen kun ka kennamu namoota Abbaan kiyya isaanii qopheessef.»
24Barattoonni kuunniin kudha lamaan kadhata kana yeroo dhagayanitti, obboleeyyan lamaantti ni dallanan. 25#Luq 22:25, 26.Yesus garuu mara isaaniituu waamee akkana isaaniin jedhe, «Itti gaafatamoonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee bittoota ummata isaaniiti, durssitoonni isaanii'llee isaan irratti aangoo akka qaban ni beekittan. 26#Mat 23:11; Mar 9:35; Luq 22:26.Isin jiddu'utti akkana ta'uun hin malu. Isin jiddu'utti garuu hangafa ta'uu ka barbaadu tajaajilaa keessan haa ta'u. 27Akkuma kana isin keessaa ol aanaa ta'uu ka barbaadu, garbcha keessan haa ta'u. 28Ilmi Namaa'llee tajaajilu'uuf fi baayi'eewwan fayyisu'uuf lubbuu isaa dabarssee kennu'uuf dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufinne.»
Yesus Ijaan Jaamota Lamaa Fayyisuu Isaa
(Mar 10:46-52; Luq 18:35-43)
29Kanaan duubatti Iyyaarikoo bayanii yeroo deemanitti, ummanni baayi'een Yesusiin ni horddofaniin. 30Kuunoo, karaa bira ka taa'an jaamonni lamaan karaa saniin ka dabrru Yesusiin ta'uu yeroo dhagayanitti, «Gooftaa yaa Ilma Daawiitii! yabo'oo nu marri!» jedha'aa ni iyyan.
31Ummanni'llee «Caldhisaa! jedhanii isaanitti ni baanatan, isaan garuu yaa Ilma Daawiitii Gooftaa! yabo'oo nu marri! jedha'aa, baayi'isaanii ni iyyan.»
32Yesus'llee dhaabatee isaan waameeti, «Maal akka isiinii taasisuuf barbaaddan?» isaaniin jedhe.
33Isan'llee, «Yaa Gooftaa! Ijji keenna akka nuuf banamu taasis!» jedhaniin.
34Yesus'llee, isaanii garaa laafeeti ija isaanii ni qaqabe, bakkumatti ijji isaanii ni argite, isaan'llee Yesusiin ni horddofan.
Tans Gekies:
Wongeela Maatewos 20: ArsiDNT
Kleurmerk
Deel
Kopieer
Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan