Wongeela Maatewos 11
11
Yohaannisii Cuuphaa Biraa Gara Yesusii Ergamoota Ergaman
(Luq 7:18-35)
1Yesus ajajoota kanniin barattoota kudha lamaanii eega kenneen duubatti bakka san dhiisee, gara magaalota dhiyeennaitti argamanii, lallabu'uu fi barsiisu'uuf ni deeme.
2Yohaannisiin cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru, waayee hujii Kristosii dhagayuu isaatiin barattoota lama ergee, 3«Masihichi ni dhufa jedhame sun si'i moo? Yookiin ka bira'aa haa eeginnu?» jedhanii, Yesusiin akka gaafataniin ni taasise. 4Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Deema'aatii waan argitanii fi waan dhageettan maraa, Yohaannistti himaa. 5Kunoo, jaamonni ni argan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeeyyi'iif'llee wongeelli ni lallabama, 6Waayee kiyyaan ka hin shakkine, ka eebbifame.»
7Ergamoonni Yohaannisii eega deemaniin duubatti, Yesus waayee Yohaannisii akkana jechu'uun dubbachuu jala ni qabe, «Haa ta'u malee maal laalu'uuf gara gammoojji'ii baatan? Ooyyaa leemmanii ka bubbe'een sosocho'u laalu'uuf moo? 8Akkuma kana maal laalu'uuf baatan? Uffata bareede nama uffata laalu'uuf moo? uffata bareede worri uffatan ammoo mana nugusotaa titti ni argaman. 9Eegaa waayee maali'iitiif baatan ree? Nabiyyii laalu'uuf moo? Ee, gonkumaa ka nabiyyii haalaan caalu laalu'uuf isiniin jedha. 10Inni ‹kunoo dura dura keetiin deema'aa, karaa kee ka si qopheessu ergamaa kiyya si duranatti ni erga› jedhamee, ka barreeffameef. 11Dhugamaan isiniin jedha, namoota dubarttoonni dayan jiddu'uu, Yohaannisii chuuphaa ka caalu hin muldhanne. Garuu Mootummaa Sami'ii titti, ka isa irra diqqa'aatutu isa caala. 12#Luq 16:16.Bara Yohaannisii cuupha'aatii jala qabee haga adhaa titti Mootummaan Sami'ii haalaan ni dhiibamitti,#11:12 Ni dhiibamitti:- Ni jibbamtti, yookiin akka baddu ni taasfamtti. worri ciminnaan woldhaanan'llee ni argataniin.»
13«Barsiifnni nabiyyootaa marrinii fi seerri harka Muse'eetiin kenname'llee haga Yohaannisii chuupha'aa titti, raaga dubbatanii jiran. 14#Mat 17:10-13; Mar 9:11-13.Eega waan isaan dubbatan fudhachu'uuf yoo eeyamttan, Eliyaasiin ni dhufa jedhame sun kunoot, Yohaannis kana.» 15Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!
16«Garuu namoota bara kanaa maaliin wolitti isaan fakkeesina? Bakka yaaii'ii ta'anii waahellan isaanii waama'aa, 17‹ulullee isinii ni afuufinne, isin hin sirbine! Faaruu booyaa isinii ni baafinnee, isin hin boonne!› ijoollee jedhan fakkaatan. 18Akkuma kana Yohaannisiin cuuphaan yeroo dhufetti, midhaan uduu hin nyaatnii fi daadhii woyinni'llee uduu hin dhugin dhufinnaan, ‹kana jinni'itu keessa jira!› ni jedhaniin, 19Ilmi Namaa ammoo nyaata'aatii fi dhuga'aa dhufinnaan, ‹kunoo, kun ammoo nyaataa fi dhugaatii ka jaalatu! Waahela qaraacotaatii fi cubbamoota'llee!› jedhaniin. Sirrii ta'uun ogumma'aa garuu, hujii isi'iitiin ni mirkanaaya.»
Amanuu Dhabuu Isaaniitiin Magaalota Komataman
(Luq 10:13-15)
20Itti aansee'llee Yesus kaanniin caala'atti baasa baayi'ee magaalonni keessatti taasise, dhiifamaan gara Waaqaa titti waan hin deebi'niif, akkana jechu'uun isaan gilndisuu jala ni qabe. 21«Si'ii uunsha'a Koraazii! Si'ii uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, magaalota Xiiroos fi Sidoonaa titti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi jiraatan turan uffata gaddaa uffataniitii fi daaraa ufi irratti firfirssanii duraan, gara Waaqaa ni deebi'an turan! 22Kanaaf Guyyaa murti'ii titti, isin irra Xiiroosii fi Sidoonaa ni jiraatan worra turaniif, adabbiin isaanii ni salphata isiniin jedha. 23Ati'llee ta haga sami'ii titti ol jette Qifirnaahoom! Gara sioolii gad ni buuta! Baasonni si keessatti taasfaman, Sidoomtti taasfamanii uduu jiraataniitii, magaalattiin sun uduu hin badin, haga adhaa titti ni jiraatti turte! 24#Mat 10:15; Luq 10:12.Kanaaf dhugamaan siin jedha, Guyyaa murti'ii titti si irra, Sodoomii adabbiin ni salphataaf!»
Kristosiin Boqannaa Argachuu
(Luq 10:21-22)
25Yeroo sanitti Yesus akkana ni jedhe, Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhositee worra waa hin beekinnee waan ibisiteef, si galateeffadha. 26Ee, yaa Abbaa, kana raawwachu'uuf fedhii kee mishaa, ta'ee jira.
27 #
Yoh 1:18; 3:35; 10:15. Abbaan kiyya waan maraa naaf kennee jira, Waaqa Abbaa malee Ilma ka beeku eennu'llee hin jiru. Akkuma kana Ilma malee Waaqa Abbaa ka beeku hin jiru, eennu'llee Ilmi yoo isaa ibiseef malee Waaqa Abbaa beeku'uuf hin danda'u.
28«Isin worri hujii huminnaatiin dadhabiddan nana! Ba'aan'llee ka isinitti ulffaate marrinuu gara kiyya koottaa! Ani'llee boqannaa isinii ni kenna. 29Qambara kiyya ufi irratti baadhadhaa, ana irraa'llee baradhaa, ani'llee gara laafessaa fi kaso'o, lubbuu teessaniif'llee boqannaa ni argattan. 30Qambarri kiyya laafa'a, ba'aan kiyya'llee salpha'a.»
Tans Gekies:
Wongeela Maatewos 11: ArsiDNT
Kleurmerk
Deel
Kopieer
Wil jy jou kleurmerke oor al jou toestelle gestoor hê? Teken in of teken aan