Innillee xurqaayyee dhayatee sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran gara galchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse. Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.