Seera Uumamaa 19

19
Cubbuun Warra Sodoom Sodaachisaa Ta'uu Isaa
1Ergamoonni Waaqayyoo lamaan galgala gara Sodoom in dhufan; Looxis karra kellaa Sodoom dura in taa'a ture; Loox yeroo isaan arge, simachuudhaaf ka'ee itti adeemee, hamma mataan isaa lafa ga'utti qoomma'eefii, 2<<Gooftolii koo, gara mana garbicha keessaniitti as gortanii, miilla keessan dhiqattanii akka bultaniif isinan kadhadha! Bariidhaanis kaatanii karaa keessan irra in buutu>> jedhe; isaan immoo,<<Hin ta'u, nuyi bakkee kana in bulla!>> jedhan. 3Inni garuu cimsee waan isaan giddisiiseef, gara mana isaatti in goran; inni immoo buddeena caariggii tolchisiisee irbaata isaaniif in qopheessise, isaanis in nyaatan.
4Utuu isaan gad hin cicciisin dura, kunoo warri mandara sanaa, namoonni Sodoom, dargaggoonni, jaarsoliinis hundinuu tokko illee utuu hin hafin, dhufanii manicha in marsan. 5Jarris Looxin waamanii,<<Namoonni galgala kana gara kee dhufan meerree>> Akka isaan gadheessinutti gara keenyatti gad baasi!>> jedhanii in wacan*. 6Yommus Loox gara jaraatti gad ba'ee balbalas of duubaan in cufe; 7jaraanis,<<Hadaraa yaa obboloota ko, waan jal'aa akkasii hin hojjetinaa! 8Kunoo, ani durba lama warra kanaan dura dhiirri bira hin ga'in qaba, isaan gad isiniif nan baasa, waan gaarii ta'ee isinitti mul'atu isaan irratti raawwadhaa! Namoonni kun garuu bantii mana koo jalatti waan dheessaniif, waan tokko illee isaan hin godhinaa!>> jedhe*. 9Jarri garuu,<<Asii badi!>> jedhaniin; itti dabalaniis,<<Namichi tokkichi galaa ta'ee as dhufe kun, dubbii keenya keessa lixee seera nuuf baasaa ree>> Amma immoo isaan sana caalaa si irratti hamaa in hojjenna>> jedhaniin; yommus Looxin humnaan walitti cafaqanii, balbalicha cabsuu bira ga'an. 10Garuu namoonni warri keessummoonni sun harka isaanii gad baasanii, Looxin gara isaaniitti ol galchanii, balbalicha cufan. 11Jarreen ala turan sana immoo isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti dha'ichaan jaamaa isaan in godhan; jarris balbalicha barbaachaan of in dadhabsiisan*.#5 Lew 18:22 6-8 Abo 19:22-24; Rom 1:27 11 2Mot 6:18
Loox Sodoomii Ba'uu Isaa
12Kana booddee namoonni warri keessummoonni sun Looxiin,<<Addanaa nama kan biraa qabdaa>> Ati soddoota kee, ilmaan kee, intaloota kee, mandara kana keessaa kan kee kan ta'an hundumaa iddoo kanaa baasi! 13Nuyi iddoo kana balleessuuf jenna; iyyanni warra iddoo kana jiraatan irratti gara Waaqayyootti dhi'aate guddaa waan ta'eef, Waaqayyo mandara kana akka balleessinuuf nu ergeera>> jedhan*. 14Yommus Loox dhaqee, soddoota isaa warra intaloota isaa fuudhuuf jiranitti dubbatee,<<Ka'aa, Waaqayyo mandara kana balleessuuf jedhaa, iddoo kanaa ba'aa!>> jedheen; soddoota isaatti garuu waan inni taphaaf isaanitti dubbate itti fakkaate*.#12-13 18:20; 2Phe 2:6-8 14 Lak 16:21
15Yommuu boruun baqaqes ergamoonni sun Looxiin,<<Ka'i, mandara cubbuu isheetiif adabamtu keessatti akka hin balleeffamneef, haadha manaa kee, intaloota kee warra addana jiran lamaanis fudhadhuu ba'i!>> jedhanii lubbuutti qaban. 16Inni garuu qaqqabachaa ture; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo waan isa baraareef, namoonni sun isa, haadha manaa isaa, intaloota isaa lamaanis harka qabanii baasanii mandarattii duubaan in ga'an; 17erga gad isaan baasaniis, inni tokkoo,<<Lafa lubbuu kee oolfatutti baqadhu, of booddee hin mil'atin; naannoo kana keessaas iddoo tokko illee hin dhaabatin! Ati akka hin balleeffamnetti, gara roga tullootaatti ol baqadhu!>> jedheen*. 18Loox immoo,<<Achi miti, yaa gooftaa ko! 19Kunoo, garbichi kee fuula kee duratti ayyaana argateera, lubbuu koo oolchuudhaanis gaarummaa guddaa ana argisiifteetta; garuu ani gara roga tullootaatti baqadhee jalaa ba'uu waanan hin dandeenyeef, wanti balleessu kun karaatti na qaqqaba, anis nan du'a; 20kunoo, mandarri fuullee jirtu kun itti baqachuudhaaf dhi'oo dha, xinnoo dhas, isheen xinnoo dha mitii ree>> Achitti baqadhee lubbuun koo akka oolu anaaf godhi!>> jedhe. 21Ergamichis,<<Kunoo, ani isa kanaafis faara sitti nan tola, mandara ati waa'ee ishee dubbattu kanas gara hin galchu. 22Hamma ati achi geessutti, ani waanan ergameef sana gochuu hin danda'u; ariifadhuu achitti baqadhuu jalaa ba'i!>> jedheen; mandarattiin immoo xinnoo waan taateef, maqaan ishee<<Zo'aar>> jedhame.#17 Mat 24:16
Balleeffamuu Mandaroota Sodoomii fi Gomoraa
23Akkuma aduun lafa irratti baateen, Loox mandara Zo'aar in ga'e. 24Yommus Waaqayyo bantii waaqaa keessaa dhagaa boba'u, ibiddas mandaroota Sodoomii fi Gomoraa irratti gad in roobse*. 25Inni mandaroota sana, guutummaa lafa naannoo sanaa, warra mandaroota sana keessa jiraatan hundumaa, wanta lafa sana irratti biqilus in barbadeesse. 26Haati manaa Loox garuu dugda isaa duubaa gara booddee ishee mil'attee, utubaa soogiddaa taate*.#24 Kes 29:22-23; Far 11:6; Luq 17:29-30 26 Luq 17:32
27Abrahaam ganama bariidhaan ba'ee, lafa itti fuula Waaqayyoo dura dhaabatee ture sana in dhaqe. 28Inni gara mandaroota Sodoomii fi Gomoraa, gara guutummaa lafa naannoo sanaa ilaalee, kunoo, aarri akka aara iddoo ibiddaa irraa ka'utti lafaa utuu ol aaruu in arge. 29Waaqayyo mandaroota lafa naannoo sanaa in balleesse; Waaqayyo yeroo mandaroota Loox keessa jiraachaa ture barbadeessetti Abrahaamin yaadatee, Looxin gara-gaggaluu sana keessaa in baase.
Ka'a Mo'aabotaa Fi Amoonotaa Isa Jalqabaa
30Loox amma Zo'aar keessa jiraachuu waan sodaateef, intaloota isaa lamaan fudhatee Zo'aar keessaa gara tullootaatti ol ba'e; achitti intaloota isaa wajjin holqa keessa in taa'e.
31Gaaf tokkos intalli isaa isheen angafni ishee quxisuudhaan,<<Abbaan keenya dulloomaa dha, akkuma guutummaa biyya lafaatti ta'utti, namni nu bira ga'u immoo tokko illee biyya kana hin jiru; 32kanaaf amma kaanee abbaan keenya daadhii waynii akka dhugu goonee, sanyiin abbaa keenya irraa godhannu lafa irratti akka hafu gochuudhaaf isaa wajjin in ciifnaa!>> jette. 33Gaafuma sana galgala abbaa isaanii daadhii waynii obaasanii, intalli isheen angafni ol galtee abbaa ishee wajjin in ciifte; inni immoo yeroo isheen dhaqxee ciifte, yeroo isheen kaates hin beekne. 34Guyyaa lammaffaatti immoo intalli isheen angafni ishee quxisuudhaan,<<Kunoo ani eda abbaa koo wajjin nan ciise, har'a galgalas immoo daadhii waynii isa in obaafna; sanyiin abbaa keenya irraa godhannu lafa irratti akka hafu gochuudhaaf, atis ol galii isaa wajjin ciisi!>> jette. 35Isaan galgala sanas abbaa isaanii daadhii waynii in obaasan; intalli isheen quxisuun immoo kaatee dhaqxee isaa wajjin in ciifte; inni garuu yeroo isheen dhaqxee ciifte, yeroo isheen kaates hin beekne. 36Akkasitti intaloonni Loox lachuu abbaa isaaniitiif in ulfaa'an. 37Isheen angafni ilma deessee, maqaa isaa <<Mo'aab>> jettee moggaafte; inni abbaa Mo'aabota ammaa kana in ta'e*. 38Isheen quxisuunis ilma deessee, maqaa isaa <<Ben-Amii>> jettee moggaafatte; inni immoo abbaa Amoonota ammaa kana in ta'e*.#37 Kes 2:9 38 Kes 2:19; 23:3-4

Currently Selected:

Seera Uumamaa 19: MacQul

Qaqambisa

Share

Copy

None

Ufuna ukuba iimbalasane zakho zigcinwe kuzo zonke izixhobo zakho? Bhalisela okanye ngena