1
Seera Uumamaa 15:6
Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo
Abraam Waaqayyotti amane, inni immoo qajeelummaatti in lakkaa'eef*.
Thelekisa
Phonononga Seera Uumamaa 15:6
2
Seera Uumamaa 15:1
Kun erga ta'ee booddee, Waaqayyo mul'ata keessa gara Abraam dhufee, <<Yaa Abraam, hin sodaatin! Ani gaachana kee ti, gatiin kee baay'ee guddaa in ta'a>> jedheen.
Phonononga Seera Uumamaa 15:1
3
Seera Uumamaa 15:5
Abraamin alatti gad baasees,<<Gara bantiiwwan waaqaa ol ilaali, urjootas yoo lakkaa'uu dandeesse lakkaa'i!>> jedheen; kana booddee immoo,<<Sanyiin kees akkasuma in ta'a!>> jedheen*.
Phonononga Seera Uumamaa 15:5
4
Seera Uumamaa 15:4
Yommus dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee,<<Namichi kun si hin dhaalu, ilma ofii keetii dhalchitutu si dhaala>> jedheen.
Phonononga Seera Uumamaa 15:4
5
Seera Uumamaa 15:13
Waaqayyo yommus Abraamiin,<<Sanyiin kee biyya kan isaanii hin ta'in keessatti galaa ta'uuf, achittis garbummaatti hojjechuudhaaf, waggaa dhibba afur cunqurfamuuf akka jiran dhugaa isaa beeki*!
Phonononga Seera Uumamaa 15:13
6
Seera Uumamaa 15:2
Abraam garuu,<<Yaa Waaqayyo gooftaa, utuu ani dhala dhabee jiruu, maal anaaf kennuuf jirta>> Namni mana koo dhaalus Elii'ezaar nama Damaasqoo kana>> jedhe.
Phonononga Seera Uumamaa 15:2
7
Seera Uumamaa 15:18
Waaqayyo gaafas Abraamii wajjin kakuutti galee,<<Ani biyya kana laga Gibxii jalqabee hamma laga guddichaa laga Efraaxiisitti sanyii keetiif nan kenna*!
Phonononga Seera Uumamaa 15:18
8
Seera Uumamaa 15:16
Yakki warra Amoorotaa amma iyyuu safara isaa guutee waan hin raawwataminiif, sanyiin kee immoo dhaloota afuraffaatti deebi'anii in dhufu>> jedhe.
Phonononga Seera Uumamaa 15:16
Ekuqaleni
IBhayibhile
Izicwangciso
Iividiyo