1
Yohannis 1:12
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
Paghambingin
I-explore Yohannis 1:12
2
Yohannis 1:1
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
I-explore Yohannis 1:1
3
Yohannis 1:5
Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.
I-explore Yohannis 1:5
4
Yohannis 1:14
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
I-explore Yohannis 1:14
5
Yohannis 1:3-4
Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru. Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture.
I-explore Yohannis 1:3-4
6
Yohannis 1:29
Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
I-explore Yohannis 1:29
7
Yohannis 1:10-11
Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne. Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne.
I-explore Yohannis 1:10-11
8
Yohannis 1:9
Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture.
I-explore Yohannis 1:9
9
Yohannis 1:17
Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
I-explore Yohannis 1:17
Home
Biblia
Mga Gabay
Mga Palabas