1
Seera Uumamaa 27:28-29
Kitaaba Woyyuu
Rabbi Samii irraa copha si jiisu sii haa kennu! lafa teellee sii haa lalisiisu! midhaanii fi woyiniillee guddisee sii haa kennu! ormi maruu sii haa ajajamu; baniin maruu sii haa sagadu; ati mootii obboleewwan teetii ta'i; ilmaan haatetii sii haa sagadan; ka si abaaru haa abaaramu; ka si eebbisu haa eebbifamu» jedhee eebbise.
సరిపోల్చండి
Explore Seera Uumamaa 27:28-29
2
Seera Uumamaa 27:36
Eesawullee, «Inni hennaa lammataatiif waan na gufachiiseef Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura hangafummaa kiyya na irraa fudhate; amma ammo eebba kiyya na jalaa fudhate; Aabba amma eebba naa hin hambifnee?» jedheen.
Explore Seera Uumamaa 27:36
3
Seera Uumamaa 27:39-40
Abbaan isaa Yisaaqillee deebisee «Huleen ati jiraattu ka lafa gabbate irraa fagaatee fi ka rooba Sami'ii hin arganne; Ati woraanaan jiraatta; Hojjataa obboleessa keetii taata; hennaa aartee itti kaate ba'aa san uf irraa buufta» jedheen.
Explore Seera Uumamaa 27:39-40
4
Seera Uumamaa 27:38
Eesawullee abbaa ufiitiin, «Aabba! eebbi kee takkattimaa? yabo'oo anallee eebbisi» jedhee laagaa ol qabatee booye.
Explore Seera Uumamaa 27:38
హోమ్
బైబిల్
ప్రణాళికలు
వీడియోలు