YouVersion Logo
Search Icon

Seera Uumamaa 14

14
Abrahaam Harka Diinaa Keessaa Looxin Baafachuu Isaa
1Bara sanatti Amraafel mootiin biyya Shiinaar, Aryook mootiin biyya Elaasaar, Kador-Laa'omer mootiin biyya Elaam, Tidaal mootiin biyya saba baay'ee mootummaa irra turan. 2Isaan Beraa mootii Sodoom, Birishaa mootii Gomoraa, Shanaab mootii Aadimaa, Shemeber mootii Zebo'iim, mootii Belaa, mandara isa <<Zo'aar>> jedhamee beekame sanaa loluudhaaf ba'an. 3Warri booddee kanaa shanan dachaa Siidiim isa amma <<Galaana soogiddaa>> jedhamee beekamutti wal ga'anii walitti hidhatan. 4Kador-Laa'omerin waggaa kudha lama gabbaranii, waggaa kudha sadaffaa keessa immoo isa irratti in ka'an. 5Kador-Laa'omer, mootonni isaa wajjin turanis waggaa kudha afuraffaatti dhufanii warra Refaa'iim iddoo <<Ashtaarot-Karnaayim>> jedhamutti, warra Zuziim iddoo <<Ham>> jedhamutti, warra Emiimis bakkee Kiriiyat-Aayimitti rukutan. 6Warra Hooris roga tulluu Se'iir irraa kaasanii hamma El-Phaaraan isa daarii lafa onaatti duukaa bu'anii in rukutan. 7Isa booddee immoo deebi'anii gara En-Miishphaat isa <<Qaadesh>> jedhamee beekamu dhufanii, biyya warra Amaaleqootaa, Amoorota warra Haazezon-Taamaar jiraatanis in balleessan. 8Kana irratti mootiin Sodoom, mootiin Gomoraa, mootiin Aadimaa, mootiin Zebo'iim, mootiin Belaa isa <<Zo'aar>> jedhamu, ba'anii isaan loluudhaaf dachaa Siidiim keessa in dhaabatan. 9Warri isaan itti duulanis, Kador-Laa'omer mootii biyya Elaam, Tidaal mootii biyya saba baay'ee, Amraafel mootii biyya Shiinaar, Aryook mootii biyya Elaasaar turan; mootonni warri duraa shan ta'anii isaan kana arfanitti duulan.
10Dachaan Siidiim boolla suphee gurraachaatiin guutuu ture; mootiin Sodoomii fi mootiin Gomoraa utuu baqatanii boollatti kukkufan; warri hafan immoo gara tulluutti baqatan. 11Warri isaan ari'an sunis, qabeenya warra Sodoomii fi Gomoraa, midhaan isaanii hundumaas fudhatanii adeeman. 12Loox ilma obboleessa Abraam isa Sodoom keessa jiraachaa tures qabeenya isaa wajjin fudhatanii adeeman*.#12 13:10-12
13Namni baqatee ba'e tokko, Abraam Ibricha bira dhufee kana itti hime; yommus Abraam mukkeetii qilxuu Mamree Amorichaa bira in jiraata ture; Mamreen immoo obboleessa Eshkolii fi Aner ture; isaan kun kakuudhaan Abraamii wajjin walitti hidhatanii turan. 14Abraam booji'amuu ilma obboleessaa isaatii yommuu dhaga'e, namoota dhibba sadii fi kudha saddeet warra mana isaatti dhalatanii lolaaf ga'an birmachiisee, warra booji'e sana hamma Daanitti hordofe*. 15Namoota isaa warra gargar hire adeemsisuu wajjinis, halkaniin jara sana irra ba'ee isaan rukutee, hamma Hobaa isa Damaasqoo irraa gara harka bitaa jirutti isaan ari'e. 16Qabeenya isaan fudhatanii turan hundumaa, Loox ilma obboleessa isaa, qabeenya isaa, dubartoota, namoota warra kaanis deebisee in galche.#14 Iya 19:47; Abo 18:29
Malkiisedeq, Abrahaamin Eebbisuu Isaa
17Abraam Kador-Laa'omerii fi mootota isaa wajjin turan rukutee utuu deebi'aa jiruu, mootiin Sodoom dachaa Shaawwee isa <<Dachaa mootii>> jedhamutti itti adeemuudhaaf ba'e. 18Malkiisedeq mootiin Saalem lubni Waaqayyo isa hundumaa gara irraa jiruus, Abraamiif buddeenaa fi daadhii waynii fide; 19isa eebbisees,
<<Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru, inni waaqaa fi lafa uume, Abraamin haa eebbisu!
20Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru, inni diinota kee harka kee keessa buuse, haa jajamu!>> jedhe.
Abraam immoo wanta hundumaa irraa kudhan keessaa tokko isaaf in kenne*.#18-20 Far 110:4; Ibr 7:1-10
21Mootiin Sodoomis Abraamiin,<<Namoota booji'amanii turan deebisii anaaf kenni, qabeenya kan ta'e immoo ati fudhadhu!>> jedhe. 22Abraam garuu mootii Sodoomiin,<<Ani harka koo gara Waaqayyo gooftaa isa hundumaa gara irraa jiruu fi isa waaqaa fi lafa uumetti ol nan kaasa; 23kanaanis ati,<<Anatu Abraamin sooromse>> akka hin jenneef, waanuma kan kee ta'e keessaa fo'aa yookiis teepha ittiin kophee hidhatan illee akkan hin fudhanne kakadhee sitti nan hima. 24Kan koo haa hafu, garuu wanti namoonni koo nyaatan, ga'aan Aner Eshkolii fi Mamree warra anaa wajjin dhaqanii haa kennamuuf; isaan ga'aa isaanii haa fudhatan!>> jedhe.

Currently Selected:

Seera Uumamaa 14: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in