Wongeela Maatewos 17

17
Jijjiiramuu Bifa Yesusii
(Mar 9:2-13; Luq 9:28-36)
1Guyyaa jahaan duubatti Yesus Phexirosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaanisiin qofa fudhatee, adduma isaa gara gaara ol fagaatuu tokkoo, irra ni bayan. 2Achitti isaanuma duranatti bifitti isaa ni jijjiirame, fuulli isaa'llee akka adu'uu titti ni ife, uffanni isaa'llee adii ta'ee akka ifaa titti ni calaqise. 3Kunoo, Muse'ee fi Eliyaas Yesusiin woliin yoo dubbatan isaanitti ni mulidhatan. 4Yeroo sanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Asi uduu jiraannee nuuf misha'a! Kanaaf yoo eeyyamtte tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an, daaseewwan sadihii haa ijaaru» jedheen.
5 # Mat 3:17; 12:18; Mar 1:11; Luq 3:22. # 2Phex 1:17, 18. Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi ifaan isaan ni dayeesse, duumessa keessaa'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhuu fi itti gammadu'llee kana, isa dhagayaa!» qooniqqi jedhu, ni dhufe.
6Barattoonni isaa'llee qoonqqa kana yeroo dhagayanitti haalaan waan nayaniif, kallacha isaaniitiin lafa irratti ni gonbbifaman. 7Yesus garuu gara isaanii dhiyaatee harka isaatiin isaan qaqabeeti, «Ka'aa, hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. 8Isan'llee ol jedhanii yoo laalan, Yesusiin malee eennuun'llee hin argine.
9Gaara irraa'llee uduma bu'aa jiran Yesus, «Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, barattoota isaa ni ajaje.
10Barattoonni isaa'llee, «Eegaa barsiisonni seeraa durissee ka dhufuu qabu Eliyaas maali'iif jedhan?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafataniin.
11Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Sirri'i, Eliyaas durssee ni dhufa, inni'llee waan maraa ni sirreessa. 12#Mat 11:14.Garuu Eliyaas durumaanuu dhufee jira isiniin jedha, namoonni garuu hin beekinneen, kanaaf waan barbaadan maraa isa irratti ni raawwatan. Akkuma kana ammoo Ilmi Namaa harka isaanii titti, rakkinna fudhachuu ni qaba.» 13Yeroo sanitti barattoonni isaa Yesus wonitti dubbate, waayee Yohaanisii cuupha'aa ta'uun, isaa isaaniif ni gale.
Yesus Mucaa Jinniin Irra Bule Fayyisuu Isaa
(Mar 9:14-29; Luq 9:37-43)
14Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gara ummataa yeroo deebi'anitti, naminni tokko gara Yesusii dhufee miila isaa jalatti jilbbiiffateeti akkana ni jedhe, 15«Yaa Gooftaa! Yabo'oo mucaa kiyyaa garaa laafiif, Dhukkubnni kuffisu ka jinni'ii qabeenii akka malee ni makkaraarssaan, ibidda irrattii fi bishaan keessatti'llee yeroo baayi'ee ni kufa. 16Gara barattoota keetii'llee fideenii ture, garuu fayyisu'uuniif isaan hin danddeenne.»
17Yesus'llee, «Isin ka hin amanne dhaloota dabaa nana! Haga yoomii titti isiniin woliin jiraadhaa? Haga yoomii titti'llee isinii obissaa? Mee mucaa gara kiyya fida'aanii!» isaaniin jedhe. 18Yesus jinni'itti ni baanate, jinniin'llee mucaa keessaa ni baye, mucaan'llee yeroma sanitti ni fayye.
19Kanaan duubatti barattoonni isaa adda isaa uduu inni jiru gara Yesusii dhufanii, «Nu'u jinnii kana baasu'uuf ka dadhabine maali'iitiif?» jechu'uun, ni gaafataniin.
20 # Mat 21:21; Mar 11:23; 1Qor 13:2. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Amantiin keessan dhidhuu waan ta'eef, dhugamaan isiniin jedha, amantii firii suuniffa'aa geetu uduu qabatanii gaara kanaan, ‹asii ka'iitii garasi deemi!› uduu jettaniinii ni deema, wonitti isin hin danddeenne tokko'llee hin jiraatu. [ 21Jinniin akkanaa kun garuu, kadhanna'aa fi soomaan yoo ta'e malee, gonkumaa hin bayu.»]
Yesus Waayee Du'a Isaatii fi Du'aa Ka'iinssa Isaa Yeroo Lammaffa'aatiif Akka Dubbate
(Mar 9:30-32; Luq 9:43-45)
22Barattoonni isaa Galiila'atti yeroo wolgayanitti akkana isaaniin jedhe, «Ilmi Namaa harka namootaa titti dabarffamee ni kennama, 23Isaan'llee ni ajjeesaniin, garuu guyyaa sadaffaa titti, du'aa ni ka'a.» Barattoonni isaa'llee waan kanaan haalaan ni gaddan.
Gibira Mana Waaqeffanna'aa Waayee Kafalu'uu
24Yesusii fi barttoonni isaa gara Qifirnaahoomii yeroo gayanitti, worra gibira Mana Waaqeffanna'aa wolitti qaban gara Phexirosii dhiyaataniiti, «Barsiisaan keessan gibira Mana Waaqeffanna'aa hin kafalu moo?» jechu'uun, ni gaafataniin.
25Phexiros'llee, «Ni kafala» isaaniin jedhe. Phexiros gara manaa yeroo aseenetti Yesus durssee, «Yaa Simoon Phexiros! Maal sitti fakkaata? Mootonni arddii tanaa gibraa fi ashuraa ka fudhatan, eennuun irraayyi? ijoollee isaanii irraayyi moo, yookiin namoota biyya alaa irraayyi?» jechu'uun ni gaafateen. 26Phexiros'llee, «Namoota biyya alaa irraayyi» jechu'uun, ni deebise. Yesus'llee akkana ni jedhe, «Eegasuu ijoolleen isaanii gibira kafaluu irraa bilisa jechu'uu kaa? 27Garuu gufuu akka isaanitti hin taaneef gara garba ciisa'aa deemiitii, hookkoo qurxummi'iin qaban darbadhu, qurxummii jalqabatti bayu qabi, afaan isaa'llee yeroo banittu keessatti qarshii ni argatta, qarshii san'llee fiddiitii waayee kiyyaa fi keetiitiif kafali.»

Áherslumerki

Deildu

Afrita

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in