Wongeela Maatewos 14
14
Du'a Yohaannisii Cuupha'aa
(Mar 6:14-29; Luq 9:7-9)
1Yeroo sanitti bulchaan kutaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waayee gurroo Yesusii ni dhagaye. 2Tajaajilttoota isaatiin, «Kun Yohaanisii cuupha'aa, inni'llee du'aa ka'ee jira, wonittoonni baasaa kunniin karaa isaatiin ka raawwataman kanaaf» isaaniin jedhe.
3 #
Luq 3:19, 20. Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin. 4Yohaannis Heerodisiin, «Haadha worraa obboleessa keetii akka fuutuuf seerri siif hin eeyyamu!» jedheenii jira ture. 5Kanaaf Heerodis Yohaannisiin ajjeesu'uuf ni barbaadaan ture, garuu ummanni Yihudotaa akka nabiyyi'ii titti ni laalaniin waan tureef, ummata ni sodaate. 6Guyyaa dhaloonni Heerodisii itti kabajamutti intaltti Heerodiyaasii dhufittee, worra afeeramttoota duranatti sirba'aa, Heerodisiin ni gammachiiftte. 7Kanaaf'llee Heerodis, «Waan barbaaddu ana gaafadhu! Ani'llee siif ni kennaa!» jechu'uun kaku'uun waadaa ni aseeneef.
8Isiin'llee haadha isi'iitiin gorffamttee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa muriitii ammuma qori'iin naa kenni!» jetteen.
9Nugusichi'llee waan kanaan ni gadde, haa ta'u malee waayee kakuu isaatii fi waayee namoota isaan woliin nyaataaf ta'anii jiranii qaani'iif jedhee, mataan Yohaannisii muramee akka kennamuuf ni ajaje. 10Kanaaf gara mana hidha'aa nama ergee mataa Yohaanisii mana hidha'aa titti, ni murssiise. 11Mataa murame'llee qori'iin fidanii mucatti'iif ni kennan, isin'llee fiddee haadha isi'iitiif ni kennite. 12Barattoonni Yohaannisii'llee dhufaniiti reeffa isaa fuudhanii ni awwaalan, dhaqanii'llee waan kana Yesusitti ni himan.
Yesus Namoota Kuma Shanii Akka Nyaachise
(Mar 6:30-44; Luq 9:10-17; Yoh 6:1-14)
13Yesus du'uu Yohaannisii yeroo dhagayanitti hoboloo yaabbateeti gara bakka udume'ee tokko adda isaa ta'uuf ni deeme. Ummanni'llee kana yeroo dhagayanitti magaalaa maraa baya'aa, miilaan ni horddofaniin. 14Yesus'llee hoboloo irra yeroo bu'etti ummata baayi'ee argee, garaa isaanii ni laafe, dhukkubisattoota'llee ni fayyise.
15Yeroo dhiitetti'llee barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Bakki kun gammoojji'i, guyyaan'llee dhiyee jira, kanaaf ummanni gara gandoota dhiyeenna jiranii deemee, nyaata isaanii akka bitataniif, isaan geegessi!» jedhaniin.
16Yesus garuu, «Isin waan nyaatan isaaniif kennaa malee, akkanumaan deemuun isaanii hin malu!» isaaniin jedhe.
17Barattoonni isaa'llee, «Nu'u asii ka qabnnu, buddeena shanii fi qurxummii lama qofa» jedhaniin.
18Yesus'llee, «Isaanuma san gara kiyya naa fidaa!» isaaniin jedhe. 19Kanaan duubatti ummanni raasaa lafa margaa irra akka taa'an ni ajaje, buddeena shanii fi qurxummiiwwan lamaan ol fuudhee, gara sami'ii ol laaleeti kadhannaa galataa ni taasise, buddeena'llee kukkutee barattootaa isaa titti ni kenne, barattoonni isaa'llee ummataaf ni qoodan. 20Marrinuu nyaatanii ni quufan, hanbbaa hafe'llee barattoonni isaa, ginddoo kudha lamaa guutanii ni kaasan. 21Namoonni nyaatan'llee dubartti'ii fi ijoolle'een alatti, kuma shanii ka gayan dhiirota turan.
Yesus Garba Ciisaa Irra Tarkaanfata'aa Akka Deeme
22Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Haga ani ummaticha geegessutti hoboloo yaabbadha'aa ana durssa'aatii gara gamaa ce'aa» jechu'uun, isaan ni ajaje. 23Ummata'llee eega geegesseen duubatti kadhanna'aaf adda isaa gara gaara tokkoo irra ni baye, yeroo dhiitetti'llee Yesus achitti adduma isaa ni ture. 24Yeroo sanitti hoboloon garba ciisaa jidduu taatee, gara kallattii itti deemittutiin dudda gala bubbee bubbisuun dhayama'aa, danbaliin bishaanii garanaa garasitti akka malee ni taasisaan ture.
25Halkan keessaa saa'aatii sagaliin duubatti Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa, gara barattoota isaa ni dhufe. 26Barattoonni isaa'llee garba ciisaa irra tarkaanfata'aa yoo inni deemu yeroo arganiinitti, haalaan soodaatanii ni nayan, «Kun sawaala!» #14:26 Sawaala:- Fakkaataa, yookiin ekeraa jedhanii'llee, soda'aan ni iyyan.
27Yesus'llee bakkumatti, «Jabaadhaa! Anaa hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.
28Yeroo sanitti Phexiros, «Yaa Gooftaa! Si eega taate, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara kee akka dhufuuf ana ajaji!» jedheen.
29Yesus'llee, «Koottu!» jedheen. Kanaaf Phexiros hoboloo irraa bu'ee, gara Yesusii dhaqu'uuf garba ciisaa irra ni tarkaanfate. 30Garuu huminna bubbe'ee laalee ni sodaate, gara garba ciisa'aa keessaa gad liqimfamuu yoo jala qabetti'llee, «Yaa Gooftaa! Ana oolichi!» jechu'uun, ni iyye.
31Yesus'llee bakkumatti harka isaatiin hiixatee qabeeniiti, «Ati ka amantiin sitti hanqate nana! Waayee maali'iitiif shakkite?» jedheen.
32Yesusii fi Phexiros gara hobolo'oo yeroo bayanitti, bubbeen ni caldhise. 33Hoboloo irra worri turan marrinuu, «Dhugamattuu ati Ilma Waaqaa!» jedhanii, Yesusiif ni sagadan.
Yesus Genessaarexitti Dhukkubsattoota Fayyisuu Isaa
(Mar 6:53-56)
34Yesusii fi barattoonni isaa garba ciisaa ce'anii, gara arrdii Genssaarexii ni gayan. 35Namoonni biyya san turan'llee Yesusiin ta'uu isaa yeroo beekanitti, gara bakkeewwan naannaya jiranii mara wolitti erganii, dhukkubisattoota gara isaa ni fidan. 36Dhukkubisattoonni'llee qaccee uffata isaa qofa akka tuqan qofaaf ni kadhataniin. Worri tuqaniin marri'llee, dhukkuba isaanii irraa ni fayyan.
Valið núna:
Wongeela Maatewos 14: ArsiDNT
Áherslumerki
Deildu
Afrita
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in