Wongeela Maatewoosii 15
15
Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo
(Mar 7:1-13)
1Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee, 2“Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo'oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!” jedhaneen. 3Yesuus deebisee, “Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? 4Waaqi, ‘Abbaa keetii fi hadha teeti ulfeessi’, ‘Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba’ jedhee ajajeera. 5Isin ammoo nami tokko abba'aan yookiin haadhaan, ‘Gargaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera’ yoo jedheen, 6inni abba'aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu’ jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan. 7Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo tessaniif raagee,
8‘Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti,
gadhaan isi'ii narraa fago'o;
9kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa,
akkasumaan na waaqonsiti’ ta jedhe dhuga'a” jedhe.
Waan Nama Batteessu
(Mar 7:14-23)
10Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, “Caqasa'aatii hubadha'a: 11wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti” jedheen. 12Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, “Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage'ane akka gufatane beettaa?” jedhaneen. 13Yesuus deebisee, “Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba'aa hin dhaabin marti hin buqqaati” jedheen. 14Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an” jedhe. #Luq 6:39 15Pheexroos ammoo deebisee, “Mammaassa kana nuuf hiiki” jedheen. 16Achiin duuba inni, “Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii? 17Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha'atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu? 18Wonni afaan namatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana. #Mat 12:34 19Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya. 20Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiisi nama hin batteessu” jedheen.
Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
(Mar 7:24-30)
21Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. 22Achiin duuba dubartiin biyya Kana'aanii takka adaala sanii dhuttee, “Ilma Daawwitii, Gootta'a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marar” jedhaa iyyite. 23Inni ammoo womaa isi'iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, “Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!” jedhaa isa kadhatane.
24Yesuus deebisee, “Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame” jedheen.
25Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, “Gootta'a, na gargaar” jetteen. 26Yesuus deebisee, “Sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun sirri'ii moti” jedheen.
27Isiin deebittee, “Ee, Gootta'a, te'uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca'u nyaatti” jette.
28Achiin duuba Yesuus deebisee, “Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo'o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu” jedheen. Intalti isi'iille yoosuma fayyite.
Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise
29Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila'aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee'e. 30Gumiin guddoon worra fafoye, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise. 31Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa'eliille galateeffatte.
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
(Mar 8:1-10)
32Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, “Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef gaddeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu” jedheen.
33Barattooti, “Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?” jedhaneen. 34Yesuus, “Xaltaa meeqa qaddan?” jedhee gaafate. Isaan, “Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna” jedhaneen.
35Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. 36Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba'aaf kennaane. 37Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. 38Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur. 39Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe.
Pilihan Saat Ini:
Wongeela Maatewoosii 15: GAXNT
Sorotan
Berbagi
Salin
Ingin menyimpan sorotan di semua perangkat Anda? Daftar atau masuk
Guji Oromo New Testament © Bible Society of Ethiopia, 2007.