Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 7

7
Yesuusii Fi Ilmaan Haadhaa Isaa
1Kanaan maayessa Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa turan; kanaaf waan Yihuudaa keessa deddeebi'uu hin feeneef Galiilaa keessa deddeema'aa ture. 2Ayyaanni Yihuudotaa ka daasee keessatti kabajjan dhiyaatee ture. 3Eeganaa Obboleeyyan, «Darasoonni teellee hujii ati hojjattu akka arganiif asii ka'iitii gara Yihuuda'aa deemi. 4Ka uf mudhisuu barbaadu ka dhossa'atti hojjatu waan hin jirreef, yoo waan kanniin gootu adunyaa tanatti uf mudhisi» jedhaniin. 5Obboleeyyan isaatuu isatti amananii waan hin jirreef.
6Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef hennaan keessan ammo yoo maraa ka tole. 7Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti. 8Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.» 9Kana isaaniin jedhee Galiila'atti hafe.
Yesuus Ayyaana Daasee Keessatti Kabajjamu Irratti Argame
10Obboleeyyan isaa ammo haga gara ayyaanaa bayaniin maayii hennaa san innillee akkasuma addaataa uduu hin taane dhokatee baye. 11Yihuudonnillee, «Inni eessa jira?» jedha'aa Ayyaana irratti soqa'aa turan.
12Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama misha'a» gariin ammo, «Banii dogoggorsa'aara» jedhan. 13Haa ta'uu ammo, Yihuudota waan sodaataniif eennullee waan isaa addaataa hin dubbatu.
14Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture. 15Yihuudonni, «Namni kun uduu hin baranne attamitti kitaabbilee beeka?» Jedha'aa maalalfatan. 16Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka ana erge biraa malee ana irraa miti. 17Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookaan ka ani uf irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka. 18Ka uf irraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru. 19Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan?» 20Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin. 21Yesuusillee akkana jedhe isaanii deebise, «Hujima tokko hojjadhee jennaan isin maruu maalalfattan. 22Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan. 23#Yoh. 5:9 Namni Sambataan gadoome yoo seera Muuse'ee hin diinne, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii? 24Fuula namaa laala'aa murteessuu dhiisaa'a; murtii qajeelaa murteessaa'a.»
Mormii Waan Kiristoosii
25Kanaafuu namoonni Yerusaalemii gariin akkana jedhan, «Ka ajjeesu'uuf soqa'aaran kanaamii? 26Kunoo addaataa dubbata'aara isaan ammo isaan womaa hin jenne. Bulchoonni namni kun dhuga'aan Kiristoosiin akka ta'e beekinnuu? 27Nu ammo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.» 28Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati. 29Laagaa ufii ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe. 30Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haa ta'uu ammo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe.
31Banii keessaa namoonni hedduu waan itti amananiif, «Kiristoos hennaa dhufe, maalalee kun godhe caalaa godha?» jedhan.
Yesuusiin Qabsiisu'uuf Eedduu Itti Ergan
32Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Kanaaf bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan. 33#12:35; 13:33; 14:12; 16:28 Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka ana ergee deema, na soxxan ammo na hin argitan. 34#8:21; 13:36 Isin gara ani jiru dhufuu hin dandeettan» jedhe.
35 # 8:22; 12:20; Hu. Er. 6:1; Yaq. 1:1; Phex. 1ffaa 1:1 Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaayaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa? 36Innillee, ‹Na soxxan, ammo na hin argitan, gara ani jirullee dhufuu hin dandeettan› jechi jedhu kun maali'i?» jedha'aa woliin qaaqan.
Yesuus Burqaa Jireennaa ti
37 # Ser. Lew. 23:36; Yoh. 4:10,14; Mudh. Yoh. 22:17 Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaanaa Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu. 38#Isa. 58:11; His. 47:1; Zakk. 14:8 ‹Ka anatti amanu akkuma kitaabni jedhe, bisaan laga jireennaatituu gara'aa burqa› » jedhee laagaa ol qabatee dubbate. 39#16:7; Hu. Er. 2:4; Qor. 2ffaa 3:17 Kana ammo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfinnaa ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.
Baniin Gargar Wol Fooye
40 # 6:14; Kes. Deb. 18:15; Hu. Er. 3:22 Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan.
41 # 7:26,52; 1:46; Hu. Er. 9:22 Kuuwwan, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa? 42#Far. 89:3-4; 132:11; Mik. 5:2; Mat. 2:5-6 Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan. 43#9:16; 10:19 Achiin maayessa sababaa isaatiif baniin wol fooye. 44Isaan keessaallee gari gariin qabu'uunii barbaadan. Haa ta'uu ammo eennullee harkaan isa hin tundhe.
Amanuu Diduu Yihuudota Baallii Qabanii
45 # 7:32 Worri mana sagadaa eegan gara bulchoota gadootaatii fi gara Fariisotaa hennaa deebi'anii dhufan Isaan, «Maaf isa fiduu diddan?» isaaniin jedhan. 46#18:6; Mat. 7:28-29 Eeddoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif. 47#7:12; Mat. 27:63 Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii? 48#12:42; Qor. 1ffaa 1:26-28 Bulchoota yookaan Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa? 49Baniin seera hin beenne kun abaarama'a!» isaan jedhan. 50#3:1-2; 19:39 Isaan keessaa Niqoodimoos halkaniin firrisee gara isaa dhufee, 51#Kes. Deb. 1:16-17; Hu. Er. 25:16 «Seerri keenna dura isa irraa uduu hin dhageenne, maal akka godhe uduu hin beenne namatti murteessaa?» isaaniin jedhe. 52#1:46; 7:41 Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiila'aa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin. 53Achiin maayessa martinuu gara mana ufii deeman.

הדגשה

שתף

העתק

None

רוצים לשמור את ההדגשות שלכם בכל המכשירים שלכם? הירשמו או היכנסו