Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 5
5
Yesuus Nama Laamshayaa Tokko Fayyise
1Kanaan maayii Yesuus ayyaana Yihuudotaatii fi gara Yerusaalemii ol baye. 2Yerusaalemiin keessa karra hoolotaa bira haroon afaan Ibraayisxiitiin «Beetasaayidaa» jedhamtu takkatu jira#5:2 woraabbiin gariin, «Beetzaataa» jedha, isiin karaa ittiin seenan shan qabdi. 3Kanniin keessatti baniin hedduu worri dhibame, worri ijaan hin argine, worri naafate, worri nafti isaanii laamshaye socho'uu bisaanii eega'aa achi ciisan. 4Hennaa gari garii Maleekkaan Rabbii bu'ee bisaan waan sochoosuuf. Haga bisaan socho'een maayessa, hennaa san namni firrisee bisaan keessa seene dhibee maraa irraa hin fayya. 5Hulee san namicha woggaa soddomii saddeetaaf dhibame tokkotu jira. 6Yesuus namicha kana uduu inni achi ciisu argee, bara hedduu haala akkasii keessa akka ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedheen.
7Dhibamaan sun, «Gooftaa kiyya! hennaa bisaan socho'u nama achi keessa na buusu hin qabu; yoo ani bu'uuf tattaafadhu ka biraatitu na firrisee keessa bu'a» jedhee deebiseef.
8Yesuus, «Ka'i! itillee irra ciiftu baadhadhuu deemi» jedheen. 9Namichi yoosuu fayyee itillee ufii baadhatee deeme.
Guyyaan sun Sambata ture. 10Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin. 11Inni ammo, «Namicha na fayyise santu, ‹Itillee tee baadhadhu deemi!› naan jedhe» jedhee isaanii deebise. 12Isaanillee, «namichi itillee tee baadhadhuu deemi siin jedhe eennu?» jedhanii gaafataniin. 13Haa ta'uu ammo hulee san baniin heddu waan tureef Yesuus achii siiqee waan tureef namichi isa fayyise eenuun akka ta'e hin beenne.
14Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka si irra hin geenne ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen.
15Namichi deemee ka isa fayyise Yesuusiin akka ta'e Yihuudotatti hime. 16Waan guyyaa Sambataatiin waan kana godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan. 17Yesuus ammo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe.
18Eeganaa waan Sambata diige calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin.
Baallii Ilma Rabbii
19Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiitiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf. 20Aabba Ilma waan jaalatuuf, waan godhu maraa itti mudhisa, akka isin maalalfattaniif hujii kana caalu isatti mudhisa. 21Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna. 22-23Namoonni maruu akkuma Abbaan kabajjan Ilmallee akka kabajjanii fi murtii maraa Ilmaa kenne malee, Aabba nama tokkichattillee hin murteessu. Ka ilma hin kabajjine, Abbaa isa ergellee hin kabajju.
24Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka ana ergettillee ka amanu jeennata argata; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu. 25Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an hennaan laagaa Ilma Rabbii dhagayan hin dhufa; innillee ammuma. Worri dhagayan lubbu'uun jiraatan. 26Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf, 27Ilma Namaa waan ta'eef akka murtii kennuuf baallii kenneef. 28Worri awwaala keessa jiran martuu sa'aatiin laagaa isaa dhagayan hin dhufa. 29Worri waan mishaa hojjatan jireennaaf ka'an; worri dhara hojjatan murti'iif du'aa waan ka'aniif kana hin maalalfatinaa'a.
Namoota Waan Yesuusii Ragaa Bayan
30«Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka ana ergee malee fedha kiyya hin barbaadu.
31Ani waan kiyya waan mataa kiyyaa yoo rage, ragaan kiyya dhuga'aa miti. 32Ka waan kiyya ragu ka biraati, ragaan inni waan kiyya ragu akka dhugaa ta'e hin beeka. 33Isin gara Yohaannisii namoota ergitaniirtan; innillee dhuga'aaf rageera. 34Ani ammo nama irraa ragaa hin fuudhu. Akka isin fayyitaniif kana jedha malee. 35Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan. 36Ani ammo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujii naa kenne. Hujiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf. 37Aabbaan na ergellee waan kiyya rageera. Isin laagaa isaa womaa hin dhageenne. Bifa isaallee hin argine. 38Isin ka inni ergetti waan hin amanneef, dubbii isin woliin jiraatu hin qabdan. 39Isin kitaabbilee woyyootaan waan jeennata argattan waan isinitti fakkaatuuf isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan! 40Haa ta'uu ammo jeennata argatu'uuf gara kiyya dhufuu hin feetan.
41«Ani nama irraa ulfinna hin barbaadu. 42Haa ta'uu ammo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka. 43Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee isa ammo hin simattan. 44Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicha irraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan? 45Ani Abbaa kiyya biratti waan isin himadhu isinitti hin fakkaatin. Ka isin himatu hin jira jedhe; inni Muusee isin abdii godhattan. 46Silaa uduu Muuse'ettuu amantanii jiraattanii, nattillee hin amantan. Inni waan kiyya waan barreesseeruuf. 47Isin ammo kitaabota yoo hin amanne dubbii kiyya attamitti amanuu dandeettan?
נבחרו כעת:
Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 5: KitWoy
הדגשה
שתף
העתק
רוצים לשמור את ההדגשות שלכם בכל המכשירים שלכם? הירשמו או היכנסו