Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 2

2
Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aatitti Ta'e
1 # 4:46; 21:2 Guyyaa sadeesso'ootitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte. 2Yesuusii fi darasoonni isaallee cidha sanitti waamamanii turan. 3Hennaa daadhiin woyini'ii isaan jalaa dhumate haati Yesuusii, «Daadhii woyini'ii hin qabanii bee» jettee Yesuusitti himte.
4 # 7:30; 8:20; Mat. 12:48 Yesuus, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himin; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe.
5Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra cidha galchutti himte.
6 # Mar. 7:3-4 Yihuudonni waan aadaa uf qulqulleessu'uu qabaniif gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin maruu waabaa lama yookaan sadihi qabata. 7Yesuus worra cidha galchuun#2:7 cidha galchuun: ansaaddu'uun «Gaanii sanniinitti bisaan guutaa'a» jedhe. Isaan haga afaanii guutan. 8Kanaan maayessa, «Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a» jedheen. Isaanillee isaanitti kennan. 9Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu#2:9 afaaniin qabu: dhandhamu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammo hin beekan. Ka cidha galchu abbaa cidhaa waamee, akkana jedheen, 10«Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammo booruu namaa kenna; ati ammo haga ammaa daadhii mishaa tursiifte!» jedheen. 11#1:14; 12:37,41; 20:30 Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise; darasoonni isaa isatti amanan. 12#Mat. 4:13; 13:55 Kanaan maayii Yesuus haadha ufii, ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirnaahoomii gad bu'anii guyyaa hago'oof achi taa'an.
Yesuus Gara Mana Woyyu'uu Dhaqe
(Mat. 21:12-13; Mar. 11:15-17; Luq. 19:45-46)
13 # 6:4; 11:55; Ser. Ba'u. 12:1-27 Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudi'ii dhiyaate, Yesuusillee gara Yerusaalemii dhaqe. 14Mana woyyuu keessatti worra sangoota, hoolotaa fi handarii gurguratanii fi worra birrii sharafu#2:14 sharafu: jijjiiratu ka taa'aniiran argee, 15Innillee xurqaayyee dhayatee sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran gara galchee#2:15 gara galchee: kuffisee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse. 16Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe. 17#Far. 69:9 Darasoonni isaallee ka «Hinaaffaan mana keetii akka ibiddaa na guba» jedhamee barreeffame qaabatan.
18Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin.
19 # Mat. 26:61; 27:40; Mar. 14:58; 15:29 Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammo guyyaa sadihitti deebisee ijaaraa» isaaniin jedhe. 20Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe; ati ammo guyyaa sadihi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin. 21#Qor. 1ffaa 6:19 Inni ammo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate. 22#12:16; 14:26; 20:9; Luq. 24:8,26-27 Kanaaf haga du'aa ka'een maayii darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan.
Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka
23Yesuus hennaa ayyaana Faasika'aa uduu Yerusaalemiin jiru namoonni hedduu maalalee inni godhe waan arganiif maqaa isaatitti amanan. 24Yesuus ammo namoota maraa waan beekuuf isaan hin amanne ture; 25Inni waan garaa nama maraa keessa jiru waan beekuuf waan namaa eennullee akka isatti himu hin barbaadu ture.

הדגשה

שתף

העתק

None

רוצים לשמור את ההדגשות שלכם בכל המכשירים שלכם? הירשמו או היכנסו