Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 15

15
Yesuus Jirma Woyinii Ka Dhuga'aati
1Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddise Abbaa kiyya. 2#Mat. 3:10; 15:13; Filph. 1:9-11 Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha. 3#13:10; Efe. 5:26; Phex. 1ffaa 1:23 Isin dubbii amma ani isinitti hime kanaaf qulqulloota. 4Ana keessa jiraadhaa'a; akkasuma anillee isin keessa jiraadhaa. Dameen yoo jirma woyini'ii irra hin jiraanne, ufitti daraaraa daraaruu akka hin dandeenne, akkasuma isin ammo yoo ana keessa hin jiraanne daraaruu hin dandeettan. 5#Qor. 1ffaa 12:12,27; Qor. 2ffaa 3:5-6 «Ani jirma woyini'iiti; isinillee dameewwan kiyya; anaan addatti womaa godhuu waan hin dandeenneef; ka naan jiraatu, ka anillee isa keessa jiraadhu inni daraaraa heddu daraara. 6Ka ana keessa hin jiraanne yoo jiraate, akka dame'ee muramee gara diidaa gatama; hin goga; dameewwan akkasii wolitti qabamee ibiddatti gatamee gubama. 7#5:38; 14:13; Mar. 11:24 Na keessa yoo jiraattan, yoo dubbiin kiyyallee isin keessa jiraate waan barbaaddan maraa kadhadhaa'a isinii ta'aa. 8#Mat. 5:16 Uduu daraaraa heddu godhattanii darasoota kiyya taatan, Abbaan kiyya kanaan kabajjama. 9Akkuma Abbaan kiyya na jaalate, anillee akkasuma isin jaaladheera. Jaalala kiyyaan jiraadhaa'a. 10#14:15; 8:29; Yoh. 1ffaa 2:5; 5:3 Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaatiin jiraadhu, yoo ajaja kiyya eeddan jaalala kiyyaan jiraattan. 11#16:24; 17:13; Yoh. 1ffaa 1:4 Akka gammachuun kiyya isin keessa taa'u gammachuun keessanillee akka raawwatamu kana isinitti himeera. 12#13:34; 15:17; Yoh. 1ffaa 3:11,23; 4:19; Yoh. 2ffaa 5 Akkuma ani isin jaaladhe, isinillee akka wol jaalattan ajanyi tiyya tana. 13#10:11; Yoh. 1ffaa 3:16; Rom. 5:6-8 Lubbuu ufii jaalalloota ufiitii kennuu caalaa, jaalala kana caalu eennullee hin qabu. 14#8:31; Mat. 12:50; 7:21-23 Uduu waan ani isin ajaje maraa gootanii isin jaalalloota tiyya. 15#Luq. 12:4; Yaq. 2:23 Eegasuu ammaa achi garboota isiniin hin jedhu; garbichi waan Gooftaan godhu waan hin beenneef jaalalloota tiyya isiniin jedheera, waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinitti beessiseera. 16#6:70; 13:18; 16:23 Anatu isin filate malee isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii akka daraaraa godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude. 17#15:12 Akka isin wol jaalattan kana ajaja» jedhe.
Yesuus Akka Adunyaan Nama Jibbitu Dubbate
18 # 7:7; Yoh. 1ffaa 3:13 «Yoo adunyaan isin jibbite isiniin dura akka na jibban beekaa'a. 19#17:14; Yoh. 1ffaa 4:5-6; Luq. 6:22 Isin uduu worra adunya'aa taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti. 20#13:16; Mat. 10:24-25; Luq. 6:40 Dubbii garbichi Gooftaa hin caalu jedhee isinitti hime qaabadhaa'a, yoo na ari'anii jiraatan isinillee akkasuma hin ari'an; yoo dubbii kiyya eeganii jiraatan, dubbii keessanillee akkasuma eegan. 21#16:3; Mat. 5:11 Haa ta'uu ammo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan. 22#9:41 Ani uduu dhufee isaanitti himuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Amma ammo cubbuu isaaniitiif sababa hin qaban. 23#5:23; Luq. 10:16; Yoh. 1ffaa 2:23 Ka na jibbu akkasuma Abbaa kiyyallee hin jibba. 24#10:37-38; 9:41; 14:11; 12:37 Hujii namni biraa hin goone isaan wodhakka'atti uduu godhuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Anallee Abbaa kiyyallee arganii, jibbaniiran. 25#Far. 35:19; 69:4 Haa ta'uu ammo seera isaaniititti akkanumaan na jibban jedhamee dubbiin barreeffame akka raawwatamuuf kun ta'e. 26#14:16,26; Luq. 24:49; Yoh. 1ffaa 5:6-7 Haa ta'uu ammo ka ani Aabbaan biraa isinii ergu booharsaan Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya hin raga. 27#Luq. 1:2; Hu. Er. 1:8,21-22; Yoh. 1ffaa 4:14 Isinillee akkasuma jalqabuma irraa waan na woliin jiraattaniif hin raddan» jedhe.

הדגשה

שתף

העתק

None

רוצים לשמור את ההדגשות שלכם בכל המכשירים שלכם? הירשמו או היכנסו

Video for Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 15