Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 11
11
Du'uu Alaazaarii
1 #
Luq. 10:38-39
Ganda Maariyaamiitii fi obboleettii isi'ii Maartaa Biitaaniyaa keessatti namni Alaazaar jedhamu tokko dhibamee ture. 2#Yoh. 12:3 Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture. 3#11:36 Kanaaf intallan haadhaa Alaazaarii: «Gooftaa'a! Namni ati jaalattu dhibameera» jedhanii gara isaa ergan.
4Yesuus dhagayee, «Dhibeen kun akka Ilmi Rabbii ittiin kabajjamuuf; kabajjaa Rabbiitiif malee ka ajjeesuu miti» jedhe.
5Yesuus Maartaa, obboleettii isi'iitii fi Alaazariinillee hin jaalata. 6Haga akka inni dhibame dhagaye, hulee jiru san guyyaa lama oole. 7Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe.
8 #
8:59; 10:31 Darasoonni isaa, «Barsiisaa'a! Yihuudonni armaan dura si dhayuu barbaadanii turan. Amma ammo achi deemtaa?» jedhaniin.
9 #
9:4-5; Yoh. 1ffaa 2:10 Yesuusillee deebisee, «Guyyaan tokko sa'aatii kudha lamaa mitii? Ka guyya'aan deemu ifa adunyaa tanaa waan arguuf hin gufatu. 10#12:35; Yoh. 1ffaa 2:11 Ka halkaniin deemu ammo ifti isa bira waan hin jirreef hin gufata» isaaniin jedhe. 11#11:13; Mat. 9:24; 27:52; Mar. 5:39; Hu. Er. 7:60; Qor. 1ffaa 11:30; 15:20 Haga kana dubbateen maayessa, «Jaalalloon keenna Alaazaar rafeera, haa ta'uu ammo hirribaa kaasu'uuf deema» jedheen.
12Darasoonni isaa, «Gooftaa'a! yoo rafee jiraate hin dammaqa» jedhaniin.
13Yesuus waan du'a Alaazaarii dubbate; isaan ammo waan hirriba rafu'uu waan dubbate isaanitti fakkaate. 14Achiin maayessa Yesuus ifa godhee, «Alaazaar dhugamaan du'eera; 15#11:42 Akka amantaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaaf waan keessaniif na gammachiisa. Haa ta'uu ammo gara isaa haa deemnuu!» isaaniin jedhe.
16 #
20:24-29; 21:2; Mar. 14:31; Rom. 6:8 Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota ufii darasootaan, «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe.
Yesuus Du'aa Ka'iinsaa Fi Jireenna
17 #
11:39
Yesuus hennaa dhufe Alaazaar du'ee boolla keessatti guyyaa afur akka ture arge. 18#Mat. 21:17 Biitaaniyaan Kiloo meetira kudha sadihii Yerusaalemiin irraa fagaatti; 19#11:31; Iyyo. 2:11; Sen. 1ffaa 10:12 Yihuudota keessallee hedduun isaanii du'a obboleessa isaaniitiif Maarta'aa fi Maariyaamiin jajjabeessu'uuf isaan bira dhufan.
20 #
Luq. 10:38-42
Maartaan akka Yesuus dhufe haga dhageette isa reebbachu'uuf baate; Maariyaam ammo mana keessa teetteerti. 21#11:32,37 Maartaan Yesuusiin, «Gooftaa'a! uduu ati as jiraattee silaa obboleessi kiyya hin du'u. 22#9:31,33; 11:41-42 Ammallee waan Rabbiin irraa kadhattu maraa akka Rabbi sii kennu hin beeka» jette. 23Yesuus akkana isi'iin jedhe, «Obboleessi kee hin ka'a.»
24 #
5:25,28-29; Hu. Er. 24:15; Dan. 12:2 Maartaanillee, «Gaafa dhumaa hennaa worri du'an du'aa ka'an, akka inni du'aa ka'u hin beeka» jetteen.
25 #
14:6; 3:36; 6:40,54 Yesuus ammo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana; ka anatti amanu yoo du'ellee hin jiraata. 26#5:24; 8:51 Jiraata'aa fi ka anatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe.
27 #
6:14,69; Mat. 16:16 Isiinillee, «Ee Gooftaa'a! ati Kiristoosii Ilma Rabbii ka gara adunyaa tanaa dhufu akka taate ani hin amana» jetteen.
Yesuus Booye
28Kanuma jettee deemtee obboleettii ufii Maariyaamiin hojjatti waamtee, «barsiisaan dhufeera, si waama'aara» jetteen. 29Isiinillee hennaa dhageette daddaftee gara isaa dhufte. 30#11:20 Yesuusillee hulema Maartaan itti isa reebbatte jira; gara gandaa ammo hin seenne ture. 31Worri isii jajjabeessu'uuf isii woliin mana keessa turan, Yihuudonni akka Maariyaam jarjartee kaatee baate argan; waan gara awwaalaa dhaxxee achitti booyu'uuf taatu seeyanii faanaa yaa'an.
32 #
11:21
Maariyaamillee hulee Yesuus jiru dhuftee argitee luka isaa jalatti kuftee, «Gooftaa kiyya! uduu ati as jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen.
33 #
13:21; Mat. 26:37-38 Yesuus isiinii fi Yihuudonni isii woliin dhufan hennaa booyan argee uf keessatti gaddee biibbayee, «Eessa keettan?» Isaaniin jedhe. 34Isaanillee, «Gooftaa'a! Koottuu laali» jedhaniin.
35 #
Luq. 19:41
Yesuusillee imimmaan lolaase. 36#11:3 Kanaaf Yihuudonni, «Attam akka isa jaalatu laalaa'a!» jedhan. 37#9:6-7,32 Isaan keessaa gariin ammo, «Kun ka ija worra ijaan hin arginee bane, kanallee ammo akka hin duune godhuu hin danda'uu?» jedhan.
Yesuus Alaazaariin Du'aa Kaase
38 #
Mat. 27:60
Yesuusillee uf keessatti gaddee gara awwaalaa dhufe. Huleen sun goda keessa dhaga'aan cufameera. 39#20:1 Yesuus, «Dhagaa irraa kaasaa'a!» jedhe. Maartaan obboleessi jalaa du'e, «Gooftaa kiyya! haga du'e guyyaa afur ta'eera, amma ajaayeera!» jetteen.
40 #
11:4,23,25-26 Yesuusillee, «Uduu amantee ulfinna Rabbii akka argitu sitti hin himnee?» isi'iin jedhe. 41#17:1; Mot. 1ffaa 18:36-37 Namoonnillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan; Yesuus ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galatoonfadha. 42#12:30; 17:21 Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka; haa ta'uu ammo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe. 43Kana jedhee laagaa gudda'aan «Alaazaar gara diidaa as bayi» jedhe. 44#20:6-7; Mar. 5:42 Alaazaar akkuma harki isaatii fi lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee akkuma woya'aan marametti jira. Yesuus, «Hiika'aatii gad dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe.
Yesuusiin Ajjeesu'uuf Mari'atan
45 #
7:31; 12:11,42 Kanaaf worra gara Maariyaamii dhufan keessaa waan Yesuus godhe haga argan Yihuudonni hedduu isatti amanan. 46Isaan keessaa gari gariin ammo gara Fariisotaa dhaqanii waan Yesuus godhe isaanitti himan. 47#Mat. 26:3-5 Eeganaa bulchoonni gadootaa gumii Fariisotaa wolitti qabanii, «Namni kun Maalalee hedduu waan godha'aaruuf maal haa goonuu? 48#12:19 Akkanatti yoo dhiifne martinuu isatti amanan. Worri Rooma'aa dhufanii biyya teennaa fi banii keenna fudhatan» jedhan. 49Woggama san bulchaan gadootaa Qayyaaffaan, «Isin womaa hin beettan; 50#18:14 Ka baniin marti bade irra yoo namni tokko banii'iif du'e woyyaa akka ta'e hin yaaddanii?» jedheen. 51#Ser. Ba'u. 28:30; Ser. Lak. 27:21 Kana inni ufiin hin dubbanne, haa ta'uu ammo baruma san bulchaa gadootaa waan tureef, Yesuus bani'iif du'uu raaga dubbate. 52#7:35; 10:16; Yoh. 1ffaa 2:2 Banii calla'aafii miti, haa ta'uu ammo ijoollee Rabbii ta tamsaatellee akka wolitti qabuuf malee.
53 #
5:18; Mat. 26:4 Eeganaa guyyaa sanii jalqabee isa ajjeesu'uuf mari'atan. 54#7:1; 3:22 Achiin maayessa Yesuus addaataa Yihuudii wodhakkaa hin deddeebine. Haa ta'uu ammo achuma gara lafa udume'ee bira gara qachaa Efreem jedhamtuu deemee darasoota ufii woliin achuma taa'e. Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.
55 #
2:13; 6:4; Sen. 2ffaa 30:17 Namoonni hedduunillee uf qulqulleessu'uuf ayyaana faasika'aatiin duratti gara Yerusaalemii bayan. 56#7:11; 12:9 Isaan Yesuusiin barbaada'aa turan. Mana woyyuu keessa woliin dhaabatee, «Maal isinitti fakkaataa? Inni gara ayyaanaa hin dhufuu laata?» Woliin jedhan. 57Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonnillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisu ajajanii turan.
נבחרו כעת:
Dubbii Nagayaa Ka Yohaannisii 11: KitWoy
הדגשה
שתף
העתק
רוצים לשמור את ההדגשות שלכם בכל המכשירים שלכם? הירשמו או היכנסו