1
Seera Uumamaa 9:12-13
Kitaaba Woyyuu
Rabbi, «Anaa fi isin jidduu'u, waan lubbuu qabu ka isin woliin jiru maraa jidduu'u, malkanni waadaa kiyyaa ka bara baraaf dhaabu kana. Funyaan karaabaa duumessa irra godha; malkanni waadaa kiyyaa anaa fi lafa jidduu ta'a
השווה
חקרו Seera Uumamaa 9:12-13
2
Seera Uumamaa 9:16
Hennaa funyaan karaabaa duumessa keessatti mudhatu maraa waadaa kiyya ka bara baraa ka anaa fi foon uffataa lubbuu qabu maraa jidduu jiru hin yaadadha» jedhe.
חקרו Seera Uumamaa 9:16
3
Seera Uumamaa 9:6
Namni waan bifa Rabbiitiin uumameef nama dhiiga namaa jissu dhiiga isaatitu jiga.
חקרו Seera Uumamaa 9:6
4
Seera Uumamaa 9:1
Rabbi Noohii fi ijoollee isaa akkana jedhee eebbise, «Horaa'a, badhadhaa'a, lafa guutaa'a
חקרו Seera Uumamaa 9:1
5
Seera Uumamaa 9:3
Wonti sosocho'u ka lubbuu qabu maruu nyaata keessan haa ta'anii; isaan maraa akka biqila laliseetitti isinii kenneera.
חקרו Seera Uumamaa 9:3
6
Seera Uumamaa 9:2
Busaawaan lafaa, allaattiin Samii irra bararu, wonti gara'aan lafa irra looyu, ka munyuuquu fi qurxummiin galaana keessaa maruu hirphaa fi gaachena keessan sodaata'aa isin jalatti haa bulanii.
חקרו Seera Uumamaa 9:2
7
Seera Uumamaa 9:7
«Isinillee horaa'a, badhadhaa'a, fiixaan keessan lafa haa guutuu.»
חקרו Seera Uumamaa 9:7
בית
כתבי הקודש
תכניות
קטעי וידאו