YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA LUQAAS 24

24
Yesus Du'aa Ka'uu Isaa
(Mat 28:1-10; Mar 16:1-8; Yoh 20:1-10)
1Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa] obboroo, dubartoonni sun urgooftuu dibataa isa qopheessanii turan, fudhatanii gara awwaalichaa dhaqan*. 2Dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turanis, gara galfamee argatan. 3Awwaalicha keessa yommuu lixan garuu, reeffa gooftaa Yesus hin arganne. 4Waa'ee kanaa waan jedhan wallaalanii utuu jiranii, kunoo dingata namoonni lama wayyaa caccalaqqisaa uffatanii isaan bukkee dhaabatan*. 5Dubartoonni baay'ee sodaatanii lafa ilaalan; namoonni sun immoo, ?Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu*? 6Innoo as hin jiru, ka'eera; Galiilaa utuu jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa! 7?Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf jira? jedhe? ittiin jedhan*. 8Yommus isaan dubbii isaa yaadatan*. 9Iddoo awwaalichaatii yeroo deebi'an immoo, kana hundumaa ergamoota kudha tokkonuutti, warra kaan hundumaattis odeessan. 10Warri kana walii wajjin ergamootatti odeessan immoo, Maariyaam ishee Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota kan biraas turan*. 11Garuu dubbiin kun kan hundee hin qabne isaanitti fakkaate, kanaafis dubbii isaanii hin amanne. 12Haa ta'u iyyuu malee, Phexros ka'ee gara iddoo awwaalichaatti fiigee, gad jedhees awwaalicha keessatti kafana isaa duwwaa arge; kana booddee immoo wanta ta'e kana dinqifachaa gara manaatti deebi'e.#1 Yoh 20:19; HoE 20:7; 1Qor 16:2 4 HoE 1:10 5 2:9 7 9:22; 17:25; 18:31-33; Mat 16:21; 17:22-23; 20:18-19; Mar 8:31; 9:31; 10:33-34 8 Yoh 2:22 10 8:2-3
Waa'ee Warra Gara Emaahus Dhaqanii
(Mar 16:12-13)
13Gaafasuma isaan keessaa namoonni lama gara ganda, mandara Yerusaalem irraa akka kiilo metrii kudha tokkoo yookiis akka adeemsa sa'aatii lamaa fagaatu, maqaansaas Emaahus jedhamu tokko in dhaqu turan. 14Jarri karaatti waa'ee waan gidduu sana ta'e hundumaa kaasanii, haasa'aa in adeemu turan. 15Utuu isaan haasa'aa, irrattis dudubbachaa adeemanii, Yesus ofii isaa isaan bira ga'ee, isaanii wajjinis adeeme*. 16Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture.#15 Mat 18:20; Mar 16:12
17Yommus Yesus, ?Inni isin walii wajjin haasa'aa adeemtan kun, maalii?? jennaan, nyaara guuranii achuma dhaabatan*. 18Isaan keessaa inni Qileyophaa jedhamu tokko deebisee, ?Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta'e kan hin beekne, si'uma duwwaa dhaa?? jedhe. 19Inni, ?Waan attamii ti?? isaaniin jennaan, isaan immoo, ?Waa'ee Yesus nama Naazireet, isa gochatti dubbiittis Waaqayyoo fi namoota duratti raajii aango-qabeessa ture sana*, 20akka luboonni warri angafoonni, warri biyya seerratanis duuni itti haa faradamuuf dabarsanii isa kennan, akka isa fannisanis. 21Nuyi garuu kan Israa'elin furu isa, jennee abdannee turre; eyyee, kana hundumaa irratti iyyuu immoo kun erga ta'e har'a guyyaa sadaffaa isaa ti*. 22Kana malees, warra gara keenyaa keessaa dubartoonni ganama obboroo iddoo awwaalichaa dhaqan tokko, akka abjuu nu godhan. 23Isaan achii deebi'anii reeffa isaa awwaalicha keessaa akka dhaban, garuu ergamoonni Waaqayyoo itti mul'atanii, ?Yesus jiraataa dha? akka ittiin jedhan nutti himan*.#17 Yoh 16:20 19 7:16; Mat 21:11; HoE 2:22 21 1:68; 2:38; HoE 1:6 22-23 24:1-11; Mat 28:1-8; Mar 16:1-8
24?Warra nuu wajjin turan keessaas kaan gara awwaalichaa dhaqanii, akkuma dubartoonni sun jedhan ta'uu isaa baran, isa garuu hin argine? jedhanii itti himan*. 25Inni immoo, ?Isin gowwoota attamii ti, waan raajonni jedhan hundumaas amanuudhaaf yaadni garaa keessanii attam daagii dha*. 26Kristos kun kana hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa hin turree moo ree?? isaaniin jedhe*. 27Innis macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike*.#24 Yoh 20:3-8 25 24:44; Mar 16:14 26 9:22; 17:25; Mat 16:21; Mar 8:31; Yoh 7:30; HoE 3:13; 17:3 27 Kes 18:15; Far 22:1-18; Isa 53; HoE 8:31-35
28Gara ganda jarri lamaan itti adeemaa turanittis dhi'aannaan, Yesus akka waan darbee adeemuu fedhetti aggaame. 29Isaan garuu, ?Nu bira turi, galgalaa'ee aduunis gad sokkiteetti? jedhanii jabeessanii isa kadhatan; kanaaf isaan bira turuudhaaf duukaa ol gale. 30Jaraa wajjin nyaatatti yeroo dhi'aates, buddeenicha fuudhee, eebbisee, cabsees isaaniif kenne*. 31Yommus iji isaanii ittifamee kan ture gad dhiifame, hubatanis, inni garuu isaan duraa miliqe*.#30 22:19 31 2Mot 6:17
32Isaan immoo, ?Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?? waliin jedhan. 33Yeroodhuma sanattis ka'anii Yerusaalemitti deebi'an; achitti immoo bartoota kudha tokkon, warra isaan biraa wajjin walitti qabamanii, argan. 34Warri walitti qabaman sun, ?Gooftichi dhuguma du'aa ka'eera, Simoonittis mul'ateera? in jedhu turan*. 35Yommus jarreen lamaan waan karaatti ta'e hundumaa, yeroo inni buddeena cabsetti, attamitti akka isa baranis odeessan.#34 1Qor 15:4-5
Yesus Bartoota Isaatti Mul'achuu Isaa
(Mat 28:16-20; Mar 16:14-18; Yoh 20:19-23; HoE 1:6-8)
36Jarreen lamaan kana utuu himaa jiranii, Yesus ofii isaa isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe*. 37Isaan garuu ekeraa waan argan itti fakkaatee, na'anii sodaatan*. 38Inni immoo, ?Maaliif yaadaan rakkattan? Mamnis maaliif garaa keessan keessaa ka'a? 39Harka koo fi miilla koo ilaalaa, ana mataa koo ti'o; mee qaqqabaa na ilaalaa, ekeraan foonii fi lafee hin qabu, ani garuu akkan qabu in argitu*? jedhe. 40Yeroo kana jedhettis harka isaa fi miilla isaa isaan argisiise. 41Isaan gammaduudhaaf raajeffachuu irraa kan ka'e, amma iyyuu amanuu dadhabnaan, ?Waan nyaatamu tokko asii qabduu?? jedheen*. 42Kana irratti isaan qurxummii waadamaa seeraa tokko kennaaniif*. 43Inni fudhatee isaan fuul duratti nyaate*.#36 1Qor 15:5 37 Mat 14:26 39 1Yoh 1:1 41 Yoh 21:5 42 Yoh 21:9-10 43 HoE 10:41
44Kana booddees Yesus, ?Yommuun isinii wajjin ture waa'ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo isa kana? isaaniin jedhe*. 45Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. 46?Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf akka jiru*, 47yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera*. 48Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha*. 49Kunoo, isa abbaan koo isin abdachiise isiniif nan erga, garuu akka nama uffannaa guutuu uffatutti waaqa irraa humna hamma argattanitti mandaricha keessa turaa? isaaniin jedhe*.#44 18:31; 24:27 46 Hos 6:2; HoE 17:3 47 Mat 24:14; HoE 17:30; 1Xim 3:16 48 Yoh 15:27; HoE 1:8 49 Yoh 14:16,26; 15:26; 16:7; HoE 1:4
Yesus Gara Waaqa Keessaatti Ol Fudhatamuu Isaa
(Mar 16:19-20; HoE 1:9-11)
50Kana booddee Yesus mandaricha keessaa baasee, hamma Bitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lachuu ol fuudhees isaan eebbise. 51Utuma isaan eebbisaa jiruus, isaan irraa gargar ba'ee, gara waaqa keessaatti ol fudhatame. 52Isaanis sagadaniifii, gammachuu guddaadhaan gara Yerusaalemitti deebi'an*; 53gaafa hundumaas mana qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo galateeffachaa turan.#52 Yoh 5:23; 14:28; 16:22

Currently Selected:

WANGEELA LUQAAS 24: MacQul

Tõsta esile

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in