Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 3
3
Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa
(Mar. 1:1-8; Luq. 3:1-18; Yoh. 1:19-28)
1-2 #
Luq. 1:13
Bara san Yohaannisiin cuuphaan lafa gammoojjii biyya Yihuuda'aa keessatti, «Jeennanni sami'ii dhiyaatteertii cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallaba'aa dhufe. 3#Isa. 40:3 Ka raatticha Isaayyaasiin,
akkana jedhamee dubbatameef isa;
«Namni tokko lafa gammoojji'ii keessaa iyya'aa,
‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a›;
daandii inni irra deemu qajeelchaa'a!»
Hennaa jedhu inni waan Yohaannisii dubbate.
4 #
Mot. 2ffaa 1:8
Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa hojjatame; inni mudhii ufii teephaan hidhata; Nyaanni isaa awwaannisaa fi damma gammoojjii keessaati. 5Hennaa san Yerusaalemii, Yihuuda'aa fi biyya cinaa laga Yoordaanosii maraa irraa baniin gara isaa dhufan. 6Cubbuu ufii himata'aa laga Yoordaanosii keessatti harka Yohaannisiititti cuuphaman.
7 #
12:34; 23:33; Tas. 1ffaa 1:10 Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqoonni hedduu cuphamu'uuf gara isaa hennaa dhufan argee, «Isin ilmaan buuti'ii! mufii Rabbii ta isinitti dhufa'aartu jalaa akka baqattan eentu isinitti hime? 8Eegasuu waan cubbuu irraa deebi'uu keessan mudhisu hojjadhaa'a. 9#Yoh. 8:33-39; Rom. 2:28-29 Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhagaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima. 10#7:19; Luq. 13:7-9; Yoh. 15:6 Kunoo amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama. 11#Yoh. 1:33; Hu. Er. 13:24; 19:4 Ani akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf bisaaniin isin cuupha; ka na maayessa dhufa'aaru ammo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu baadhachuun naa hin malu. 12#13:30 Inni Mashii harkaa qaba. Ooyidiillee sirri'itti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba».
Cuuphamuu Yesuusii
(Mar. 1:9-11; Luq. 3:21-22)
13Yesuus hennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yoordaanosii dhufe. 14Yohaannis ammo, «Natu siin cuuphama malee situ naan cuuphamaa?» jedha'aa uf irraa isa dhoogga'aa ture.
15Yesuus ammo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen.
16Yesuus akkuma cuuphamee bisaan keessaa bayeen yoosuu samiin banamee Ayyaanni Rabbii akka handari'ii hennaa isa irratti bu'u arge. 17#Mat. 12:18; 17:5; Mar. 1:11; Luq. 9:35 Hennama san laagaan samii irraa, «Kunoo Ilmi kiyya jaalatamaan Ani itti gammadu kana» jedhe.
Currently Selected:
Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 3: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in