Seera Uumamaa 6:1-4
Seera Uumamaa 6:1-4 MACQUL
Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baay'achuu jalqabanitti, durboonnis yeroo dhalataniifitti, warri waaqa irraa <<Ilmaan Waaqayyoo>> jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta'an arganii, isaan keessaa akkuma fo'atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan*. Yommus Waaqayyo,<<Namni akkuma foonicha isa uffate sanaa waan ta'eef, hafuurri koo yeroo hundumaa isa keessa hin jiraatin! Barri jireenya namaas waggaa dhibbaa fi digdama haa ta'u!>> jedhe. Bara sanatti, isa booddees gootonni hojjaadhaa fi humnaan fagoo nama caalan biyya lafaa irra turan; jagnoonni bara durii maqaa qaban kun, erga warri waaqa irraa <<Ilmaan Waaqayyoo>> jedhaman durboota namootaa bira ga'anii, isaan irraa ijoollee godhatanii argaman*.