Logo YouVersion
Eicon Chwilio

Wongeela Luqaas 23

23
Yesus Gara Philaaxosii Fidamuu Isaa
(Mat 27:1-2, 11-14; Mar 15:1-5; Yoh 18:28-38)
1Achitti woligayanii namoonni turan marrinuu ka'anii, Yesusiin fidaniiti, Philaaxosiin duranatti ni dhiyeessaniin, 2akkana'llee jedha'aa himachu'uunii jala ni qaban, «Naminni kun ummata keenna yoo dogoggorssu ni arganneen, nugusa Rooma'aatiif gibirri akka hin kafalamnne ni dhoogga, akkuma kana'llee, ‹ani nugusa Masihicha› » jedha'aa, ni dubbata,
3Philaaxos'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafateen.
Yesus'llee, «Akkuma ati jette» ni jedheen.
4Yeroo sanitti Philaaxos itti gaafatamoota qeesotaatii fi ummataan'llee, «Ani nama kana irratti balleesaa woyiituu hin argganne» jedhe.
5Isaan garuu, «Naminni kun Galiila'aa jala qabee haga asii titti, arddii Yihuda'aa marattuu barsiisa'aa, ummata jeequmssaaf ni kakaasa» jedha'aa, ciminnaan ni himataniin.
Yesus Heerodisiin Duratti Dhiyaachuu Isaa
6Philaaxos'llee Galiilaa dubbii jedhu yeroo dhagayetti, «Kun nama biyya Galiila'aatii ree?» jedhee, ni gaafate. 7Yesus ka dhufe bulchiinsa Heerodisii keessaa ta'uu isaa Philaaxos yeroo beeketti, gara Heerodisii ni ergeen, Heerodis'llee yeroo sanitti Yerusaalemiin jira ture. 8Heerodis Yesusiin yeroo argetti haalaan ni gammade, waayee Yesusii ni dhagaya waan tureef, isa argu'uuf yeroo baayi'ee ni hawwa ture, akkuma kanaan'llee Yesus baasaa yeroo raawwatu argu'uuf'llee, abddii ni taasisa ture. 9Kanaaf Heerodis Yesusiin gaafii baayi'ee ni gaafateen, Yesus garuu womaayuu hin deebifinneef. 10Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, achi dhaabatanii akka malee ni himataniin ture. 11Heerodis'llee lolttoota isaa woliin ta'ee tuffi'iin itti ni baldde, uffata faaya itti uffisee'llee deebisee gara Philaaxosii ni ergeen. 12Guyyaa sanitti Heerodisii fi Philaaxos waahellan ni ta'an, san duratti garuu worra wol dhaba qaban turan.
Yesus Murtiin Du'aa Akka Itti Murtteeffame
(Mat 27:15-26; Mar 15:6-15; Yoh 18:39-40; 19:16)
13Kanaan duubatti Philaaxos itti gaafatamoota qeesotaa, dursitoota ummataatii fi ummata'llee dabalee, bakka tokkotti ni waame, 14akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Ummata ‹jeequmssaaf kakaasa› jettanii, nama kana gara kiyya ni fidaniin, ani'llee kunoo, isin duranatti qoradheenii himannaa isa irratti dhiyeesitan mara keessaa nama kana irratti, balleesaa woyiituu itti hin arganne. 15Akkuma kanaan Heerodis'llee balleessaa woyiituu waan itti hin argatiniif gara keenna deebisee ergeenii jira, eegaa naminni kun waan du'aan isa gayaa womaayyuu hin raawwanne. 16Kanaaf dhaaneenii gad ni dhiisaan.» [ 17Woggaa wogga'aan ayyaana Faasika'aa titti Philaaxos, hidhamaa tokko ummataaf gad ni dhiisa ture]
18Kanaaf ummanni marrinuu, «Nama kana dhabamisiis! Barbaaniin garuu nuuf hiiki!» jedha'aa, qoonqqa tokkoon ni iyyan. 19Barbaan magaalaa keessatti jeeqama kaasu'uu fi sababa nama ajjeesu'uutiin'llee, nama mana hidha'aa titti hidhame ture.
20Philaaxos Yesusiin hiikee gad dhiisu'uuniif barbaadee, deebi'ee ummatatti ni dubbate. 21Ummanni garuu, «Fannisiin! Fannisiin!» jedha'aa ni iyye.
22Philaaxos'llee yeroo sadaffaa titti akkana isaaniin ni jedhe, «Balleessaan naminni kun raawwate gonkumaa maali'i? Ani waan du'aan isa gayu womaayyuu isa irratti hin argganne, kanaaf dhaneenii gad ni dhiisaan» jedhe.
23Isaan garuu qoonqqa isaanii ol fudhatanii, «Fannisiin!» jedha'aa ni iyyan, qooniqqi ummataatii fi itti gaafatamoota qeesotaa'llee, ni cime. 24Sababa kanaan'llee wonitti isaan gaafatan akka isaanii raawwatamuuf, Philaaxos ni murtteesse. 25Jeeqama kaasu'uu fi nama ajjeesuun hidhamee ka ture Barbaaniin akkaataa gaafii isaaniitiin gad ni dhiiseen, Yesusiin garuu akkuma fedhii isaanii titti, dabarssee isaaniif ni kenne.
Fannifamuu Yesusii
(Mat 27:32-44; Mar 15:21-32; Yoh 10:17-27)
26Kanaaf Yesusiin ni fudhataniin, qabanii yoo deemantti, nama biyya Qereena'aa ka ta'e Simooniin badiyya'aa gara magaala'aa yeroo galutti ni argataniin, isa'llee qabanii fannoo Yesusii itti baachisaniit, Yesusiin akka horddofu ni taasisaniin.
27Namoonni baayi'een'llee Yesusiin ni horddofan turan, isaan keessaa'llee laphee isaanii dhaya'aa, dubarttoonni booyan ni turan. 28Yesus garuu gara isaanii deebi'eet akkana isaaniin ni jedhe, «Isin dubarttoota Yerusaaleem, waayee mataa keessaniitii fi waayee ijoollee teessaniitiif booyaa malee, waayee kiyyaaf hin booyinaa! 29‹Dubarttoonni finna dhabddoota ta'anii fi gadaamessoonni hin dayinii fi harmmoonni hin hoosisin, isaan attam ka eebbifamanii!› Guyyoonni itti jedhaman ni dhufan. 30#Mul 6:16.Yeroo sanitti namoonni gaarotaan, ‹nu irratti jigaa!› tulloon'llee, ‹nu dhossaa!› jechuu, jala ni qabu. 31Eegaa wonitti kun marrinuu muka jiidhaa irratti ka raawwatamu yoo ta'e, muka gogeessa irratti ammoo, maaltu raawwatama laata?»
32Akkuma kana yakkamttoota lamaan'llee Yesusiin woliin ajjeesu'uuf, qabanii ni deeman. 33Qaraanyoo yookiin gara bakka Buqqee Mata'aa jedhamee'llee yeroo gayanitti, achitti Yesusiin ni fannisan, akkuma kana yakkamttoota lamaan'llee bita'aa fi mirga Yesusiitiin ni fannisan. 34Kanaan duubatti Yesus, «Yaa Abbaa! Waan raawwatan waan hin beekinneef, isaanii dhiisi!» jedhe. Loltoon'llee carraa buufatanii uffata Yesusii ni qoodaman.
35Ummanni'llee dhaabatee ni laalaa ture, itti gaafatamoonni Yihudotaa'llee, «Kaaniin fayyisee jira, eegaa inni ka filatame Masihicha Waaqaa eega ta'e, mee mataa isaa haa fayyisu!» jedha'aa, itti ni baldan turan.
36Loltoonni'llee akkuma kana itti ni balddan, gara isaa'llee dhiyaatanii daadhii woyinnii dhangaggaayaa, ni kennaniif. 37Akkuma kana, «Ati nugusa worra Yihudotaa eega taate, mee mataa kee fayyis!» jedhaniin ture.
38«Kun nugusa worra Yihudotaati» barreeffama jedhu'llee, mataa fannoo Yesusii gubba'aan ni kaayan.
Yesusiin Woliin Ka Fannifaman Yakkamttoota Lamaan
(Mat 27:38-44; Mar 15:27-32)
39Yakkamttoota Yesusiin woliin fannifaman keessaa tokko Yesusiin, «Ati Masihichaa mitii ree? Mee jedhi mataa keetii fi nu'llee fayyis!» jedha'aa, ni arrabisaaniin ture.
40Yakkamaan bira'aa garuu akkana jechu'uun isatti ni baanate, «Ati murtii wol fakkaataa irra uduu jirttu'llee, Waaqa hin sodaattuu ree? 41Nu'u sababa balleessaa raawwanneetiin adabbii nuun malu argannee jirra, naminni kun garuu balleesaa woyiituu hin raawwanne.» 42Itti aansee'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Mootummaa keetitti yoo dhufttu, ana yaadadhu!» jedheen.
43Yesus'llee, «Dhugamaan siin jedha, adhumaan kana ana woliin, gara jaayinataa ni aseentta» jedheen.
Du'uu Yesusii
(Mat 27:45-56; Mar 15:33-41; Yoh 19:28-30)
44Kunoo, kun ka ta'e guyyaa keessaa gara saa'aatii jahaa titti ture, yeroo sanii jalaqabee haga saa'aatii sagalii titti, arddii mara irratti dukkana ni ta'e. 45Aduun ni dukkanoofitte, goolganni Mana Waaqeffanna'aa'llee jiddu'utti tarsa'ee, bakka lamatti ni qoodame. 46Yesus'llee Qooniqqa isaa ol fudhatee, «Yaa Abbaa! Kunoo! Lubbuu kiyya harka kee titti yaboo ni kenna!» jedhe, kana'llee eega jedheen duubatti, lubbuun isaa foon irraa ni fooyamitte.
47Ajajaan dhibaa ka achi ni jira ture waan ta'e yeroo argetti, «Dhugamaanuu naminni kun qulqullaayomaa ta'ee jira!» jedhee, Waaqaaf ulfinna ni kenne.
48Dhimmicha laalu'uuf achitti woligayanii namoonni turan marrinuu waan ta'e yeroo arganitti, gaddu'uun laphee isaanii dhaya'aa, gara mana isaanii ni deebi'an. 49#Luq 8:2, 3.Namoonni Yesusiin dhiyeennatti ni beekaniin turan marrinii fi Galiila'aa jala qabanii ni horddofaniin dubarttoonni turan'llee fagoo dhabatanii, waan kana ni laalan turan.
Awwaalamuu Yesusii
(Mat 27:57-61; Mar 15:42-47; Yoh 19:38-42)
50Magaalaa Yihudotaa ka taate Armaatiyaasiin keessa ka jiraatu Yooseef nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee qulqullaayomaat fi nama mishaa ni ture, inni'llee miseensa yaa'ii Yihudotaa ni ture. 51Haa ta'u malee marri fi dhawa worra Yihudotaa keessatti hin hirmmaane, inni'llee Mootummaa Waaqaa abddi'iin nama eeggatu ture. 52Naminni kun'llee Philaaxosiin duranatti dhiyaatee, reeffi Yesusii akka isaa kennamuuf ni gaafate. 53Reeffa'llee fannoo irraa buusee woyaa leelashe'eetiin ni kafaneen, awwaala naminni kumi'llee itti hin awwaalamin, awwaala dhagaa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaaleen, 54Kana'llee ka raawwateef jimaata galgala Sanbbataaf, yeroo qophiin taasfamutti ture.
55Dubarttoonni Yesusiin horddofanii Galiila'aa dhufan, Yooseefiin woliin deemanii awwaala ni laalan, reeffi isaa akka awwaalame'llee ni arggan. 56Gara mana isaanii'llee deebi'anii reeffaaf ka ta'an, urgoofttuu foolii mishaa qabuu fi shittoo ni qopheessan, akkaataa seeraatiin'llee guyyaa Sanbbataa boqatanii ni oolan.

Uwcholeuo

Rhanna

Copi

None

Eisiau i'th uchafbwyntiau gael eu cadw ar draws dy holl ddyfeisiau? Cofrestra neu mewngofnoda