1
Luqaas 23:34
Hiikkaa Ammayyaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa
Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
Porovnat
Zkoumat Luqaas 23:34
2
Luqaas 23:43
Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
Zkoumat Luqaas 23:43
3
Luqaas 23:42
Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
Zkoumat Luqaas 23:42
4
Luqaas 23:46
Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
Zkoumat Luqaas 23:46
5
Luqaas 23:33
Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan.
Zkoumat Luqaas 23:33
6
Luqaas 23:44-45
Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe; aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe.
Zkoumat Luqaas 23:44-45
7
Luqaas 23:47
Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe.
Zkoumat Luqaas 23:47
Domů
Bible
Plány
Videa