1
Wongeela Maatewoosii 7:7
Guji Oromo New Testament 2007
Yesuus itti dabalee, “Kadhadha'a, isiniif hin kennanti; barbaada'a, hin dhaggattanille'e; balbala dhodhowa'a isiniif hin bananti.
Porovnat
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:7
2
Wongeela Maatewoosii 7:8
Ka kadhatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:8
3
Wongeela Maatewoosii 7:24
Yesuus, “Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:24
4
Wongeela Maatewoosii 7:12
“Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:12
5
Wongeela Maatewoosii 7:14
Karaan gara jiru'uu geessu ammoo qadha'aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru'uu san dhaggatu diqqa'a.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:14
6
Wongeela Maatewoosii 7:13
“Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'aa; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:13
7
Wongeela Maatewoosii 7:11
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa kadhatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:11
8
Wongeela Maatewoosii 7:1-2
Yesuus, “Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina'a. Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille'eef safarama.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:1-2
9
Wongeela Maatewoosii 7:26
“Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:26
10
Wongeela Maatewoosii 7:3-4
“Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne? Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‘Huura ila teeti keessaa sii fuudha’ attam jedhuu dandeetta?
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:3-4
11
Wongeela Maatewoosii 7:15-16
Yesuus itti dabalee, “Raagota dharaa irraa ifi eeggadda'a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu. Midhaan isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni'ii kom'olcha irraa, midhaan harru'uu waaccuu irraa hin guuranu.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:15-16
12
Wongeela Maatewoosii 7:17
Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:17
13
Wongeela Maatewoosii 7:18
Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande'u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande'u.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:18
14
Wongeela Maatewoosii 7:19
Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama.
Zkoumat Wongeela Maatewoosii 7:19
Domů
Bible
Plány
Videa