YouVersion Logo
Search Icon

Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 4

4
Ataabamuu Yesuusii
(Mar. 1:12-13; Luq. 4:1-13)
1 # Ibr. 2:18; 4:15 Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide. 2#Ser. Ba'u. 34:28; Mot. 1ffaa 19:8 Inni haga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa soomeen maayessa hin beelaye. 3#Ser. Uma. 3:1-7 Achiin maayessa ataabtichi gara isaa dhufee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen. 4#Kes. Deb. 8:3 Inni deebisee «Namni dubbii afaan Rabbiitii bayu maraan jiraata malee xoroshoo calla'aan hin jiraatu jedhamee barreeffameera» jedheen.
5Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe. 6#Far. 91:11-12 Barreeffamni Woyyuun,
‹lutti tee dhaga'aan akka hin gufanne,
akka isaan harka ufiitiin si qaban,
maleekkota ufii sii ajaja›
«Ati yoo Ilma Rabbii taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.
7 # Kes. Deb. 6:16 Yesuusillee deebisee, «Barreeffamni Woyyuun, ‹Waaqa Gooftaa kee hin qorin› jedhamee barreeffameera» jedheen. 8Ammallee daabiloos gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootolee biyya lafaatii fi ulfinna isaaniillee itti mudhisee, 9«Yoo kuftee naa sagadde, kana maraa sii kenna» jedheen.
10 # Kes. Deb. 6:13 Hennaa san Yesuus, «Ati seexana! na irraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi; isuma callaa waaqeffadhu› jedhamee barreeffameera» jedheen.
11Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; achii maleekkonni dhufanii isa tajaajilan.
Yesuus Galiila'atti Hujii jalqabe
(Mar. 1:14-15; Luq. 4:14-15)
12 # 14:3; Mar. 6:17; Luq. 3:19-20 Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye gara Galiila'aa deeme. 13#Yoh. 2:12 Qachaa Naazireetii gad dhiisee Zaabiloonii fi Niftaalemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e. 14Wonti Isaayyaas raattichi raage,
15«Lafa Zaabilooniitii fi lafa Niftaalemii,
karaa galaana Yoordaanosiitiin gama;
Galiilaa lafa worra Yihuudota hin taaneetitti!
16 # Isa. 9:1-2; Luq. 1:78-79 Baniin dukkana keessa jiraate,
ifa guddaa arge;
worra lafa du'aatii fi gaaddidduu du'aa jala jiraataniif,
ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.
17 # 3:2; 10:7 Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalqabe.
Yesuus Darasoota Arfan Waame
(Mar. 1:16-20; Luq. 5:1-11)
18Yesuus uduu qarqara galaana Galiila'aatiin lufa'aaru obboleeyyan lamaan Simoonii Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas, obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qabu turan. 19Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen. 20Yoma san siiboo ufii dhiisanii isa faana deeman. 21Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan uduu yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo#4:21 Siiboo: kiyyoo midhaaffatan argee isaan waame; 22Isaanillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman.
Yesuus Dhukkubsattoota Fayyise
(Luq. 6:17-19)
23 # 9:35; Mar. 1:39; Luq. 4:15; Hu. Er. 10:38 Yesuus manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa naannaya'aa ture. 24#Mar. 6:55 Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan; Yesuus isaan fayyise. 25#Mar. 3:7-8; Luq. 6:17-19 Achiin maayessa gumiin hedduu Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamu keessaa, Yerusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in