Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 21
21
Kennaa haadha Hiyyeessaa
(Mar. 12:41-44)
1Yesuus yoo gara worra kennaa kenna'aaranii laalu dureeyyiin hennaa kennaa meeshaa buusi'ii keessa buusan arge. 2Dubartiin hiyyeettiin takka hennaa saantibii lamaa achi buuftu argee, 3«Ani dhugamaan isiniin jedha; dubartiin hiyyeettiin tun ka maraa caalu kennite. 4#Qor. 2ffaa 8:12 Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe. 5Namoonni gari gariin, «Manni woyyuun kun attamitti bareeda? dhagaa babbareeda'aa fi kennaa Rabbiif kennameen midhaaffame» jedha'aa qaaqa'aa turan. 6#19:44 «Dhagaan isin argitan kun maruu dhagaan tokko dhagaa tokko irratti uduu hin hafin barri jigu hin dhufa» jedhe.
Malkata Bara Dhumaa
(Mat. 24:3-14; Mar. 13:3-14)
7Isaanillee, «Barsiisaa'a! eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'u'uuf malkanni maali'i?» Jedhanii isa gaafatan. 8Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos; barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a! 9Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettan hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haa ta'uu ammo dhumti baraa yoma san hin ta'u.» 10#Isa. 19:2; Sen. 2ffaa 15:6 Hennaa san akkana isaaniin jedhe. «Baniin banii irratti; mootummaan mootummaa irratti hin ka'a. 11Raafamni lafaa guddaanii fi beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata. 12#12:11; Mat. 10:18; Yoh. 15:20; Hu. Er. 12:1 Kana maraan duratti isin qaban; isin ari'an; waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti dabarsanii afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan. 13Kunillee raga'aaf isinii ta'a. 14#12:11-12; Mat. 10:19; Hu. Er. 6:10; Efe. 6:19 Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbi'itti qabadhaa'a. 15Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna. 16#Mat. 10:21-22 Haawwoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoonniinii fi jaalalloon dabarsanii isin kennan. Isin keessaa garii hin ajjeesan. 17Bakka marattuu worra maqaa kiyyaaf jibbamu taatan. 18#12:7; Mat. 10:30 Haa ta'uu ammo mataa keessan irraa rifeensi tokkollee hin buqqa'u. 19Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»
Yesuus Waan Diiggamuu Yerusaalemii Dubbate
(Mat. 24:15-21; Mar. 13:14-19)
20Isin yoo «Yerusaalem loltootaan marfamtee argitan hennaa san akka badiin isi'ii dhiyaate beekaa'a. 21#17:31 Hennaa san worri Yihuudaa jiru gara gaaraa haa dheessanii; worri qachaa keessa jiru isii keessaa haa bayanii. Worri baadiyyaa jiranillee isii keessa akka hin seenne. 22#Kes. Deb. 32:35; Hose. 9:7 Wonti barreeffame maruu akka raawwatamuuf kun hennaa haluu bayu'uu waan ta'eef, 23#Qor. 1ffaa 7:26 Hennaa san dubartoota ulfaatii fi haawwota harma hoosisanii hobbaasi. Rakkoon guddaan biyya lafaatii fi gumii irratti waan ta'uuf. 24#Kes. Deb. 28:64; Isa. 63:18; Far. 79:1; Rom. 11:25 Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan maruu ammo marti isaaniituu booji'amanii worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaalem ta namoonni Yihuudota hin taane dhidhiitan taati.»
Deebi'ee Dhufuu Ilma Namaa
(Mat. 24:29-31; Mar. 13:24-27)
25 #
Isa. 13:10; His. 32:7; Iyyu. 2:31; Mudh. Yoh. 6:12-13; Far. 65:7 Yesuus ammallee akkana jedhe, «Aduu, ji'aa fi urjii irratti, malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aa dhidhiphatan. 26Namoonnillee waan adunyaa irratti dhufu sodaatanii eegu'uun dadhaban; waan hundeen sami'ii raafamtuuf. 27#Dan. 7:13; Mat. 26:64; Mudh. Yoh. 1:7 Kanaan maayessa Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan hennaa duumessaan dhufu hin arganiin. 28#Rom. 13:11 Hennaa wonti kun ta'uu jalqabu sababaa fayyinni keessan dhiyaateeruuf ka'aa dhaabadha'aatii mataa keessan ol qabadhaa'a» jedhe.
Mammaaka Waan Muka Hurbu'uu
(Mat. 24:32-35; Mar. 13:28-31)
29Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime,« Muka hurbu'uutii fi mukkiin maruu yoo bayan argaa'a. 30Hennaa munni kunniin baala baafachuu jalqaban laala'aa yoo san bonni akka dhiyaate hin beettan. 31Akkasuma hennaa kun maruu ta'u yoo argitan jeennanni Rabbii akka dhiyaatte beekaa'a. 32Ani dhugamaan isiniin jedha, haga kun maruu ta'uuf dhaloonni kun hin lufu. 33#16:17 Ardi'ii fi samiin hin lufan dubbiin kiyya ammo hin lufu.
Dammaqa'aa Uf Eeggadhaa'a
34 #
Isa. 5:11-13; Mat. 24:48-50; Mar. 4:19; Luq. 17:27; Tas. 1ffaa 5:3 Haa ta'uu ammo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookaan jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a! 35#Isa. 24:17 Guyyaan sun worra lafa irra jiran marattuu waan dhufuuf. 36#Mat. 26:41; Mar. 13:33; Phex. 2ffaa 3:11-13; Yoh. 1ffaa 2:28 Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a!»
37Yesuus guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Halkan ammo gara gaara ejersa jedhamu gubbaa bayee bula'aa ture. 38Gumiin maruu isa irraa dhagayu'uuf obboro'oon gara Mana Woyyu'uu dhaqa'aa turan.
Currently Selected:
Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 21: KitWoy
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in