YouVersion Logo
Search Icon

Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 19

19
Yesuusii Fi Zakkewoos
1-2Hennaa Yesuus Iyyaarikoo keessa seenee lufu, namichi Zakkewoos jedhamu bulchaa qaraxxootaa dureessi tokko achi ture. 3Inni Yesuus nama attamii akka ta'e arguu barbaade, Haa ta'uu ammo nama gabaabaa waan ta'eef, sababaa baay'inna namootaatiif Yesuusiin arguu hin dandeenne. 4Yesuus waan karaa san irra lufa'aa jiruuf isa argu'uuf jedhee gara afo'oo fiigee odaa tokko kore. 5Yesuus haga hulee san gaye ol jedhee laalee argee, «Zakkewoos! adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gad bu'i» jedheen. 6#Yoh. 1:12 Innillee daddafee bu'ee gammachu'uun isa simate. 7#5:30; 15:2; Mat. 9:11 Namoonni achi turan kana arganii, «Namichi kun mana nama cubbama'aatitti affeeramu'uuf seenee?» jedhanii guunguman. 8#Ser. Ba'u. 22:1 Zakkewoos ammo dhaabatee Goofta'aan, «Gooftaa kiyya! Ani waan qabu maraa irraa wadhakkaa hiyyeeyyi'iif kenna, eennuun irraallee dharaan sobee waan tokko yoo fudhadhee jiraadhe dachaa afur deebisaaf» jedhe.
9 # 13:16; Hu. Er. 16:31-34 Yesuus ammo, «Innillee waan ilma Abrahaamii ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera. 10#His. 34:16; Luq. 15:4; 6:9; Mat. 18:11; Yoh. 3:17 Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen.
Mammaaka Waan Worra Saantibiin Worqi'ii Itti Kennamtee
(Mat. 25:14-30)
11 # 17:20; 24:21; Hu. Er. 1:6 Uduu isaan kana dhagaya'aaran Yesuus Yerusaalemitti waan dhiyaateeruuf, sababa namoonni jeennanni Rabbii ammuma waan gaye waan isaanitti fakkaateef mammaaka akkana jedhee isaanitti mammaake. 12Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe. 13Namichi sun hojjattoota ufii keessaa nama kudhanii waamee, ‹Haga ani deebi'ee dhufuuf ittiin daldalaa'a› jedhee saantibii worqi'ii kudhan isaanitti kenne. 14#Yoh. 1:11; 15:18 Worri biyyaa ammo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nu irratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan.
15«Inni mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise. 16Namichi duraa dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen kudhan bu'aa buuse› jedheen. 17#16:10 Inni, ‹Ati hojjataa misha'a; waan diqqoo irratti waan amanamteef, qachoota kudhanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. 18Ka lammeesso'oollee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen shan bu'aa buufadheera› jedheen. 19Kanaanillee akkasuma, ‹Atillee qachaa shanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. 20Ka biraallee dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii tee xaaqa'aan maree si sodaadhee siin eege. 21Waan ati nama garaa jabaatu taateef, ati waan namatti hin kennine nama irraa fudhatta. Waan hin facaafne haamattaa hoo'u!› jedheen. 22#Mat. 12:37 Ati bada, ‹Hojjataa hamaa'a; dubbima keetiin sitti murteessa. Ani akka nama badaa uduu hin kennine gaafadhu; uduu hin facaasin haamadhu akka ta'e eega beette, 23Birrii kiyya worra dhalaan liqeeffatanitti maaf naa hin kennine ree? Silaa hennaa deebi'e birrii kiyya dhala woliin fudhadha› jedheen. 24Gooftichillee worra achi dhaabataniin, ‹Saantibii san fuudha'aatii ka saantibii kudhanii qabu sanii kennaa'a!› isaaniin jedhe. 25Isaanillee, ‹Gooftaa'a! inni birrii kudhan qaba!› jedhaniin. 26#8:18; Mat. 13:12; Mar. 4:25 Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf maruu itti eda'amaaf; ka hin qabnee ammo ka qabu sunuu irraa fudhatama. 27Diintota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii ta'uu hin barbaanne kanniin, as afoo kiyyatti fida'aatii gogoorra'aa'a!› » jedhe. 28Yesuus haga kana dubbateen maayessa isaan firrisee gara Yerusaalemii ol baye.
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
(Mat. 21:1-11; Mar. 11:1-11; Yoh. 12:12-19)
29Hennaa gara hulee gaara ejersaa jedhamtutti gara Beeta faagee fi gara Biitaaniya'aa dhiyaate darasoota ufii keessaa lamaan ergee, 30«Gara ganda afoo keessan jiranii san dhaqaa'a; ganda san keessatti ilmoo harre'ee ka haga ammaa eennulle hin yaabbanne ka hidhameeru achitti argitanii hiika'aa naa fidaa'a. 31Eennullee, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Goofta'atu barbaada› jedha'aan» isaaniin jedhe. 32Worri ergamanillee deemanii akkuma inni isaaniin jedhe argan. 33Isaan hennaa ilmoo harre'ee hiikan worri harree sanii, «Maaf hiittan?» isaaniin jedhan. 34Isaanillee, «Goofta'atu barbaada» jedhan. 35Ilmoo harre'ee san gara Yesuusii fidanii uffata ufii irra kaayanii Yesuusiin yaabbisan.
36 # Mot. 2ffaa 9:13 Hennaa inni deemu uffata ufii karaa irratti afa'aa turan. 37Hennaa goodda gaara ejersaa irraan gad dhiyaate darasoonni maruu maalalee waan arganiif gammada'aa laagaa gudda'aan, 38#2:14; 13:35; Far. 118:26 «Mootiin maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Sami'ittillee nagaya, gammachu'uu fi ulfinna!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan.
39Gumii keessaa Fariisonni gari gariin, «Barsiisaa'a! darasoota kee teedefadhu» jedhaniin. 40#Imba. 2:11 Innillee deebisee, «Ani isinitti hima, yoma kunniinillee cadhisan, dhagaan kunniin hin iyya» isaaniin jedhe.
Yesuus Yeruusaalemii Booye
41 # Yoh. 11:35 Yesuus hennaa Yerusaalemitti dhiyaate qachaa san argee akkana jedhee booyeef. 42#Kes. Deb. 32:29; Isa. 6:9-10 «Uduu atummaan waan nagaya adhaaf sii ta'u beettee misha'a! Amma ammo kun ija kee afo'oo dhokateera. 43Hennaan diintonni kee dallawa sitti ijaaranii si marsan waan dhufuuf karaa maraanuu si dhiphisan. 44#1:68; 21:6; Mat. 24:2 Si'ii fi ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban; dhagaa dhagaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan; ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.»
Yesuus Gara Mana Woyyu'uu Dhaqe
(Mat. 21:12-13; Mar. 11:15-19; Yoh. 2:13-22)
45Yesuus gara mana woyyu'uu seenee worra waa gurguratanii fi waa bitatan baasuu jalqabe. 46#Isa. 56:7; Erm. 7:11 «‹Manni kiyya mana keessatti Rabbiin kadhatan ta'a› jedhamee barreeffameera, isin ammo goda saamtotaa gootan» isaaniin jedhe.
47 # 21:37; 22:53; Yoh. 18:20; Mat. 21:46 Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haa ta'uu ammo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan. 48#21:38; Mar. 12:37 Ta'ullee namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in