YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Nahimiiyaa 4

4
Namoonni Tokko Deebifamee Ijaaramuu Dallichaatiin Mormuu Isaanii
1Nuyi Yihudoonni dallicha deebifnee ijaaruu akka jalqabne Sanbalaax yommuu dhaga'e, baay'ee aaree in dheekkame, nutti in ga'ises*. 2Inni warra hidhata isaa fi loltoota Samaariyaa duratti,<<Yihudoonni dadhaboonni kun maal hojjechaa jiru>> Dallaa mandarattii deebisanii ijaaruu ree>> Amma isaan <<Aarsaa dhi'eessuudhaan hojicha guyyaa tokkotti fixna>> jedhanii yaaduu ree>> Amma dhagaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanii ittiin ijaaruu danda'uu ree?>> jedhee dubbate. 3Xobiiyaan Amoontichi inni isa bukkee ture immoo,<<Jarri kun maal ijaaraa jiru>> Dallaa isaan dhagaadhaan ijaaran kana, waangoon iyyuu utuu yaabdee in caccabsiti>> jedhe. 4Ani Nahimiiyaan,<<Yaa Waaqayyo keenyaa, tuffatamuu keenya dhaga'i! Arrabsoo isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi! Akka isaan saamamaniifis biyya warra isaan booji'utti dabarsii isaan kenni*! 5Isaan fuula ijaartotaa duratti sababii si aarsaniif, ati yakka isaanii isaaniif hin dhoksin, cubbuun isaaniis fuula kee duraa akka badu hin godhin!>> jedhee nan kadhadhe. 6Namoonni garaa isaanii guutuu waan hojjetaniif, nuyi dafnee dallicha ijaarree asii olii isaa walakkaa in goone.#1 2:10 4 Er 18:23
7Sanbalaaxii fi Xobiiyaan, warri Arabaa fi warri Amoon warri Ashdoodis akka nuyi dallaa Yerusaalem deebifnee ijaaraa jirru, qaawwa dallichaas akka nuyi duuchine yommuu dhaga'an baay'ee in aaran. 8Isaan hundumti isaanii dhufanii Yerusaalemin loluuf miidhuufis walii wajjin in koratan. 9Nuyi garuu Waaqayyo keenya in kadhanne, waan isaan sodaanneefis halkanii fi guyyaa eegduu in dhaabachiifne.
10Haa ta'u iyyuu malee sabni Yihudaa,<<Humni namoota warra ba'aa baatanii dadhabeera, caccabaan jirus immoo baay'ee waan ta'eef, dallicha ijaaruu hin dandeenyu>> jedhan. 11Diinonni keenyas immoo,<<Utuu isaan hin beekin, utuu isaan nu hin arginis isaan gidduu gallee isaan ajjeefnee hojichi akka dhaabatu in goona>> nuun jedhan. 12Yommus Yihudoonni warri naannoo diinota keenyaa jiraatan iddoo hundumaatii dhufanii wanta hamaa diinonni keenya nutti koratan si'a baay'ee nutti in himan. 13Kana irrattan namoota kaan dallicha duubaan dachaa keessa, kaan immoo akka akka maatii isaaniitti billaa fi eeboo, iddaas qabachiisee iddoo ol ka'aa irra dhaabachiise. 14Sodaachuu namootaas yommuun arge, ka'een,<<Isaan hin sodaatinaa! Waaqayyoon isa guddaa isa sodaatamaa yaadadhaa! Obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intaloota keessaniif, dubartoota keessaniif mana keessaniif lolaa!>> jedhee, gurguddoota biyyaatti, warra biyya bulchanitti, namoota warra kaanittis nan dubbadhe.
15Diinonni keenya wanta ofii isaaniitiin nutti koratan akka nuyi barre in dhaga'an; Waaqayyos yaada isaan qopheessan hojii irra akka hin oolchine in hubatan; yommus nuyi hundumti keenya dallicha deebifnee ijaaruuf gara hojii hojii keenyaatti in deebine. 16Erga gaafasiitii namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojicha in hojjetu, walakkaan isaanii immoo eeboo, gaachanaa fi iddaa qabatanii, mi'a lolaas hidhatanii turan; geggeessitoonni keenyas garaa guutuu namoota in gargaaran. 17Warri gargaaramanis warra dallicha ijaaruu irra turanii dha; warri wanta ittiin dallicha ijaaran baatan, harka tokkoon hojicha hojjechaa, harka tokkoon immoo mi'a waraanaa in baatu turan. 18Warri dallicha ijaaran hundinuu adduma addaan billaa isaanii mudhii isaaniitti hidhatanii in ijaaru turan; namichi inni malakata afuufu immoo ana bira ture. 19Ani gurguddoota biyyaatiin, warra biyya bulchaniin, namoota warra kaaniinis,<<Hojichi guddaadhaa fi bal'aa waan ta'eef, nuyi dallicha irra tarree gallee wal irraa faffagaanneerra. 20Waaqayyoon keenya nuuf in lolaatii isin lafuma sagalee malakataa dhageessanitti wal ga'aa!>> nan jedhe*.#20 Bau 14:14
21Akkasitti guyyaa guyyaatti barii lafaatii hamma urjiin ba'utti nuyi keessaa walakkaan hojicha hojjechuu, walakkaan immoo eeboo baatee eeguu itti in fufne. 22Akkasumas ani yeroo sanatti jaraan,<<Halkan eegduu, guyyaa immoo hojjetaa ta'anii akka nuuf hojjetanitti namoonni hundinuu hojjetoota isaanii wajjin mandara Yerusaalem keessa haa bulan!>> nan jedhe. 23Ani yookiis obboloota koo keessaa yookiis namoota koo keessaa yookiis eegdota warra ana bira jiran keessaa namni tokko illee uffata isaa of irraa baasee hin beeku; yommuma bishaaniif adeemuu illee mi'a waraanaa isaa takkaa lafa hin keenye.

Currently Selected:

Macaafa Nahimiiyaa 4: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in