YouVersion Logo
Search Icon

WANGEELA MAARQOS 3

3
Yesus Namicha Harka Naafaa Fayyisuu Isaa
(Mat 12:9-14; Luq 6:6-11)
1Yesus ammas mana sagadaa tokkotti ol lixe; namni harki isaa tokko naafate immoo achi ture. 2Yommus jarri isa hadheessuudhaaf guyyaa Sanbataatti namicha kana fayyisa yoo ta'e jedhanii, isa in gaadu turan. 3Yesus immoo namicha harki isaa naafate sanaan, ?Ka'ii gidduu dhaabadhu!? jedhe. 4Jaraanis, ?Seerri keenya guyyaa Sanbataatti gaarii moo hamaa gochuu yookiis lubbuu oolchuu moo ajjeesuu nu abbooma?? jedhe. Isaan garuu calluma jedhan*. 5Kana irratti aaree warra naanna'aa isaa jiran ilaalee, mata-jabina isaaniittis gaddee namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe. Yommuu namichi harka isaa diriirse, harki isaa deebi'ee in fayye*. 6Yommusuma warri Fariisotaa gad ba'anii warra garee Herodisii wajjin koratanii, attamitti akka isa balleessan mari'atan*.#4 Luq 14:3 5 6:52; Yoh 12:40; Rom 11:25; Efe 4:18 6 12:13; Mat 22:16; Yoh 5:18
Namoonni Yesus Duukaa Bu'uu Isaanii
(Mat 12:15-21; Luq 6:17-19)
7Yesus bartoota isaa wajjin jara biraa sokkee gara bishaan ciisaa dhaqe. Kutaa biyya Galiilaatii fi biyya Yihudaatii namoonni sonaan baay'een isa duukaa dhaqan. 8Waan inni hojjete hundumaa warri dhaga'an, mandara Yerusaalemii, biyya Edoomiyaatii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo mandaroota Xiiroosii fi Sidoonii sonaan baay'atanii gara isaa dhufan*. 9Innis, tuuti sun dhiibboodhumaan akka isa hin buruqsinetti, bidiruun tokko qophaa'ee akka isa eeguuf bartoota isaatti hime*. 10Inni dhukkubsatoota baay'ee waan fayyiseef, warri dhukkuba garaa garaa qaban hundinuu isa harkaan qabuudhaaf, hamma isa irratti wal caccabsanitti ga'an*. 11Hafuuronni hamoonni#Mar 3:11 Hafuuronni hamoonni yookiis ?Hafuuronni xuraa'on.? namoota keessa jiran yeroodhuma isa arganitti, fuula isaa duratti kufanii, ?Ati ilma Waaqayyoo ti? jedhanii in iyyu turan. 12Inni garuu akka isaan isa hin mul'ifnetti cimse isaan ifate*.#7-8 Mat 4:25 9 4:1; Luq 5:1-3 10 6:56; Mat 14:36; 15:30 11-12 1:34; Luq 4:41
Yesus Warra Kudha Lamaan Fo'achuu Isaa
(Mat 10:1-4; Luq 6:12-16)
13Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, warra barbaades ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan. 14Isaa wajjin akka turaniif wangeela lallabuufis akka isaan erguuf, namoota kudha lama bartoota godhate; (isaan kana warri inni ?Ergamoota? jedhee immoo waame). 15Hafuurota hamoota baasuufis aboo akka isaan qabaatan godhe. 16Warri kudha lamaan inni bartoota isaa godhate immoo, Simoon isa inni ?Phexros? jedhee moggaase*, 17Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos warra inni ?Bo'anerges? jedhee moggaase; kunis ?Ilmaan kakawwee? jechuu dha*. 18Indriiyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame; 19akkasumas Yihudaa nama biyya Keriyot, isa Yesusin dabarsee kenne.#16 Mat 16:17-18; Yoh 1:42 17 Luq 9:54
Yesus Humna Maaliitiin Hafuurota Hamoota Akka Baasu
(Mat 12:22-32; Luq 11:14-23; 12:10)
20Yesus gara manaatti yommuu gale, hamma innii fi bartoonni isaa buddeena illee nyaachuu dadhabanitti ammas tuuti namootaa walitti dacha'an*. 21Firoonni isaa immoo kana dhaga'anii, ?Innoo qalbii dabarse? jedhanii, isa qabuudhaaf dhufan*.#20 6:31 21 Yoh 8:48; 10:20
22Barsiisonni seeraa warri Yerusaalemii dhufan immoo, ?Bi'el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexanootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa? jedhanii Yesus irratti dubbatan*. 23Kana irratti inni gara ofii isaatti isaan waamee fakkeenyaan, ?Attamitti Seexanni Seexana baasuu danda'a? 24Mootummaan tokko ofii isaatii yoo gargar cabe, mootummaan sun danda'ee hin dhaabatu; 25maatiin mana tokkoos yoo ofittii gargar cabe, manni sun dhaabachuu hin danda'u. 26Seexannis ofii isaa irratti ka'ee yoo gargar cabe, badduu ba'uu isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u. 27Duraan dursee namicha jabaa sana yoo hidhate malee, homtinuu mana nama jabaa tokko cabsee, lixee mi'a isaa saamuu hin danda'u; erga hidhatee booddee garuu dhuguma mana isaa saamuu in danda'a. 28Ani dhuguman isinitti hima, cubbuun hundinuu arrabsoon kam illee afaan namaa keessaa yoo ba'e, ilmaan namootaaf in dhiifama. 29Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta'a malee, bara baraan dhiifamuu hin argatu? isaaniin jedhe*. 30Kanas namoonni, ?Innoo hafuura hamaa#Mar 3:30 Hafuuronni hamoonni yookiis ?Hafuuronni xuraa'on?. of keessaa qaba? jedhanii waan turaniif dubbate*.#22 Mat 9:34; 10:25 29 Luq 12:10; 1Yoh 5:16; Ibr 6:4-6 30 Yoh 10:20
Haadha Yesusii Fi Obboloota Isaa
(Mat 12:46-50; Luq 8:19-21)
31Kana booddee haati Yesusii fi obbolaan isaa dhufanii ala dhaabatanii, itti erganiis isa waamsisan. 32Yeroo sanatti tuuti namootaa isatti naanna'anii in taa'u turan. Isaan, ?Kunoo, haati kee, obbolaan kees alaa si gaafachaa jiru? ittiin jedhan. 33inni garuu deebisee, ?Haati koo, obbolaan koos eenyufa'i?? isaaniin jedhe. 34Gara warra isatti naanna'anii taa'aniis ilaalee, ?Haati koo, obbolaan koos warra as jiran kana. 35Jaalala Waaqayyoo kan godhu eenyu iyyuu obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis? jedhe.

Currently Selected:

WANGEELA MAARQOS 3: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in