WANGEELA MAATEWOS 28
28
Du'aa Ka'uu Yesus
(Mar 16:1-10; Luq 24:1-12; Yoh 20:1-10)
1Sanbanni erga darbee, jalqaba torbaniitti barii [gaafa Sanbata guddaa], Maariyaam isheen Magdalaa fi Maariyaam isheen kaan awwaalicha ilaaluu dhaqan*. 2Kunoo, ergamaan gooftichaa waaqa irraa gad bu'ee, dhufee dhagicha balbala awwaalichaa irraa gara galche waan irra taa'eef, socho'i lafaa guddaan isaa ta'e. 3Bifni isaa akka bakakkaa, uffanni isaas akka cabbii adii ture*. 4Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta'an. 5Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, ?Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa! 6Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa kaa'amee ture iyyuu ilaalaa*! 7Ammas dafaa dhaqaa bartoota isaatti, ?Inni du'aa ka'eera, kunoos inni isin dura Galiilaa in dhaqa, achitti isa in argitu? jedhaatii himaa! Kunoo ani isinitti himeera? jedhe*. 8Yommus isaan sodaa fi gammachuu guddaadhaan awwaalicha keessaa ba'anii, bartoota isaatti himuudhaaf in fiigan.#1 HoE 20:7; 1Qor 16:2; Mul 1:10 3 17:2; HoE 1:10 6 12:40; 16:21; 17:23; 20:19 7 26:32; Yoh 21:1-23
9Kunoo, Yesus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate; isaan immoo itti dhi'aatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif. 10Yommus Yesus, ?Hin sodaatinaa, dhaqaa Galiilaatti akka gad bu'aniif obboloota kootti himaa! Isaanis achitti na arguuf jiru? isaaniin jedhe*.#10 Ibr 2:11
Eegdonni Waan Ta'e Himuu Isaanii
11Warri dubartootaa utuu karaa adeemaa jiranii, kunoo warra awwaalicha egaa turan keessaa kaan gara mandaraa dhaqanii, waan ta'e hundumaa luboota warra angafootatti himan. 12Luboonni warri angafoonnis maanguddootaa wajjin wal ga'anii, erga mari'atanii booddee, horii ga'u warra loltuu sanaaf kennanii, 13?Waa'ee isaa immoo, ?Bartoonni isaa halkan dhufanii utuu nuyi rafnuu, reeffa isaa hatanii sokkan? jedhaatii namootatti himaa*! 14Dubbiin kun gurra bulchaa biyyaa bira yoo ba'e immoo, nuyi in qabbaneessina; isin rakkinatti akka hin galles in goona? jedhaniin. 15Kanaaf warri eegdonni horicha fudhatanii, akka isaanitti himame in godhan. Egaa dubbiin kun hamma har'aatti iyyuu Yihudoota gidduutti akkasitti in odeeffama.#13 27:64
Yesus Bartoota Isaatti Mul'achuu Isaa
(Mar 16:14-18; Luq 24:36-49; Yoh 20:19-23; HoE 1:6-8)
16Bartoonni kudha tokkon immoo, Galiilaa keessaa gara gaara itti Yesus wal argina isaaniin jedhe, in dhaqan*. 17Yeroo isa argan in sagadaniif; kaan garuu in maman. 18Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, ?Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera*. 19Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa*! 20Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira? isaaniin jedhe*.#16 26:32; 28:7,10; Mar 14:28 18 11:27; Dan 7:14; Efe 1:20-22 19 10:5-6; Mar 16:15-16; HoE 1:8; 2Qor 5:20 20 18:20; Yoh 14:23; HoE 18:10
Currently Selected:
WANGEELA MAATEWOS 28: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.