WANGEELA LUQAAS 16
16
Fakkeenya Miliqee Hojii Adeemsiftuu
1Yesus bartoota isaatiin immoo, ?Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeemsiftuu qaba ture; al tokko hojii adeemsiftuun isaa kun qabeenya isaa akka duraa bittimsaa jiru, namichatti in himame. 2Yommus namichi ofitti isa waamsisee, ?Waa'ee keef kanan dhaga'u kun maal inni? Caaffata hojii adeemsisuu keetii, anaaf dhi'eessi! Si'achi itti fuftee hojii koo adeemsisuu hin dandeessu? ittiin jedhe. 3Yommus hojii adeemsiftuun sun garaa isaatti yaadee, ?Gooftaan koo hojii adeemsisuu kana keessaa yommuu na baasu, maal gochuudhaafan jira? Soqaa hin danda'u, kadhachuuf immoo nan yeella'a? jedhee of gaafate. 4?Yommuu ani hojii kana keessaa ba'u namoonni akka ofitti na fudhataniif, amma waanan godhu beekeera? jedhe. 5Warra gooftaan isaa gatii irraa qabu hundumaa tokko tokkoon ofitti waamee, isa duraatiin, ?Gatiin gooftaa koo maaltu si irra jira?? jennaan, 6namichi immoo, ?Dhadhaa ejersaa huuroo dhibba? jedhee deebise. Hojii adeemsiftuunis namichaan, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, taa'ii dafiitii shantama jedhii caafi?. 7Nama kan biraa tokkoon immoo, ?Gatii hammamiitu si irra jira?? jennaan, innis, ?Qamadii guuboo dhibba? jedhe. Isa kanaanis, ?Ho'u fiirmaa gatii si irra jiruu, saddeettama jedhii caafi!? ittiin jedhe.
8?Gooftichis hojii adeemsiftuu hin amanamne kana miliquu isaatiif in jaje; ijoolleen biyya lafa kanaa ijoollee ifaa irra kan caalu akka itti miliqanii walii wajjin jiraatan beeku*. 9Ani isinittan hima, qabeenyichi yommuu gatii dhabu mana bara baraatti akka simatamtaniif qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa!? jedhe*.#8 Efe 5:8 9 12:33; 14:14; Mat 6:20; 19:21
Amanamaa Ta'uu Fi, Amanamaa Ta'uu Dadhabuu
10Yesus itti fufee, ?Waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan ta'e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta'a; waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta'in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta'u. 11Isin qabeenya biyya lafa irraa isa sobaa irratti kan hin amanamin, qabeenya isa dhugaa immoo eenyutu amanee isinitti kenna ree? 12Qabeenya biyya lafaa isa kan keessan hin ta'initti erga amanamuu dhabaattanii, kan keessan isa ta'uuf jedhu eenyutu isiniif kenna ree*? 13Garbichi tokko gooftota lamaaf abboomamuu hin danda'u; isa tokko jibbee, isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan*? jedhe.#10-12 19:17-26; Mat 25:20-30 13 Mat 6:24
Waa'ee Seeraa Fi Waa'ee Mootummaa Waaqayyoo
(Mat 11:12-13)
14Fariisonni warri horii jaallatan kana hundumaa dhaga'anii, Yesusitti ga'isan*. 15Inni garuu deebisee, ?Isin namoota biratti qajeelota jedhamuu barbaaddu, Waaqayyo garuu garaa keessan keessa beeka, waan nama duratti ol fuudhame Waaqayyo duratti ciigga'amaa dha*. 16Seerrii fi raajonni hamma bara Yohannis cuuphaatti turan, ergasii immoo wangeela mootummaa Waaqayyootu lallabama, namni hundinuus dhiibbate itti galuudhaaf yaalaa jira. 17Garuu seerichi kan ittiin caafame keessaa gar tokkoon fidalaa illee hir'achuu irra, waaqnii fi lafti ija duraa baduutu salphata*.
18?Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundinuu in ejja, dubartii abbaa manaa isheettii gargar baate kan fuudhus in ejja? jedhe*.#14 Mat 23:14 15 18:9-14; Mat 23:28 17 21:33; Mat 5:18 18 Mat 5:32; 19:9; Mar 10:11-12; 1Qor 7:10-11
Sooressa Tokkoo Fi Alaazaar
19Amma immoo, ?Al tokko namichi sooressi tokko ture; innis uffata irraa fi jalaan dhagnatti toluu fi ijatti miidhagu gatiin isaa baay'ee kan guddate gegeddaruudhaan guyyuma guyyaatti qannootti jiraata ture*. 20Deegaan Alaazaar jedhamu, namummaan isaa guutummaatti madaa'e tokko immoo balbala kellaa isaa dura kaa'amee ture. 21Inni achi ciisee hurraa maaddii sooressichaa irraa harca'ee gatamu illee nyaachuudhaaf in kajeela ture; saroonni immoo dhufanii madaa isaa in arraabu turan*. 22Gaaf tokko namichi deegaan sun du'ee, ergamoota Waaqayyootiin gara bukkee Abrahaamitti geeffame; sooressichis immoo du'ee awwaalames*. 23Qilillee keessaas dhiphachaa utuma jiruu ol ilaalee, Abrahaamin fagootti, Alaazaarinis bukkee isaatti arge. 24Achumaanis, ?Yaa abbaa ko Abrahaam, naa oo'i; fiixee quba isaa bishaan cuuphee, arraba koo anaaf haa qabbaneessuufis Alaazaarin as anaaf ergi. Anoo ibidda kana keessatti dhiphachaan jira? jedhee waammate. 25Abrahaam garuu, ?Yaa ilma ko, bara jireenya keetti carraa gaggaarii akka argatte yaadadhu; yommus Alaazaar immoo carraa gaggadhee argachaa ture. Amma garuu inni bal'inatti jira, ati immoo dhiphinatti jirta*. 26Kana hundumaa irratti immoo as gama keenyaa gara keessanitti darbuu warri barbaadan, akka hin dandeenyetti, achiis gara keenyatti akka hin ceenetti, bowwaa guddaan isaa nu gidduu jira? ittiin jedhe.#19 Yaq 5:5 21 15:16; Mat 15:27; Mar 7:28 22 Ibr 1:14; Far 73 25 6:24; Far 17:14
27?Inni immoo deebisee, ?Egaa immoo yaa abbaa ko, mana abbaa kootti akka isa ergitu sin kadhadha. 28Anoo obboloota shan qaba, isaanis as iddoo dhiphinaa kana akka hin dhufneef isaan haa akeekkachiisu? jedhe. 29Abrahaam garuu, ?Isaan Museedhaa fi raajota qabu, isaan haa dhaggeeffatan? jedhee deebiseef*. 30Inni immoo, ?Waawuu, yaa abbaa ko Abrahaam, warra du'an keessaa tokko deebi'ee gara isaanii yoo dhaqe, yaada garaa isaanii geddaratu malee? jedhe. 31Abrahaam immoo, ?Museedhaa fi raajota yoo dhaga'uu dhabaatan, warra du'an keessaa tokko deebi'ee ka'u iyyuu dhugaa dha hin jedhan? ittiin jedhe*? jedhe.#29 2Xim 3:16 31 Yoh 5:46; 11:43-53
Currently Selected:
WANGEELA LUQAAS 16: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.