YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Abboota Firdii 21

21
Gosi Benyaamiin Lakkoobsa Gosa Israa'el Keessaa Hir'achuu Isaa
1Ergasii namoonni Israa'el iddoo Miisphaa jedhamutti wal ga'anii,<<Nu keessaa namni tokko illee intala isaa ilmaan gosa Benyaamiinitti hin heerumsiisu>> jedhanii waliif in kakatan*. 2Sabni sun gara Bet'el dhaqanii, hamma galgalaatti achi taa'anii, Waaqayyo duratti sagalee guddaadhaan boo'icha jabaa isaa boo'anii*, 3<<Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el! Wanti kun maaliif Israa'el irra ga'e>> Maaliifis har'a Israa'el keessaa gosi tokko dhabame?>> jedhan.#1 20:1 2 20:18,23,26
4Borumtaas jarri bariidhaan ka'anii, achitti iddoo aarsaa ijaaranii, qalma gubamuu fi qalma araaraa in dhi'eessan. 5Israa'eloonni,<<Namni Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti hin argamin hafe raawwatee haa ajjeefamu!>> jedhanii, cimsanii kakatanii turan; kana irratti,<<Gosoota keenya hundumaa keessaa wal ga'ii fuula Waaqayyoo duratti ta'e kana keessatti kan hin argamin eenyufa'i?>> jedhanii wal gaafatan. 6Yommus Israa'eloonni,<<Har'a gosi tokko nu gidduudhaa in balleeffame!>> jedhanii, gosa obboleessa isaanii Benyaamiiniif in gaddan. 7Kanaafis,<<Nuyi durboota keenya gosa Benyaamiinitti akka hin heerumsiifne maqaa Waaqayyootiin kakanneerra, egaa amma warra hafan kana eessaa fuusifna ree?>> jedhan.
8Ammas Israa'eloonni,<<Gosoota keenya keessaa Miisphaatti ol ba'ee Waaqayyo duratti kan hin argamin eenyu?>> jedhanii wal gaafatan; kunoos wal ga'ichaaf namni tokko illee Yaabesh-Giil'aadii gara buufata sanaa kan dhufe hin turre. 9Namoonni yeroo to'atamanitti namni Yaabesh-Giil'aadii dhufe tokko illee hin turre. 10Kanaaf waldichi namoota isaa warra jajjaboo keessaa kuma kudha lama itti ergee,<<Gara Yaabesh-Giil'aad dhaqaatii warra achi jiraatan dubartootaa fi ijoollota iyyuu utuu hin dhiisin billaadhaan rukutaa! 11Egaa wanti isin gootan dhiirota hundumaa, dubartoota dhiirri bira ga'e hundumaas raawwattanii balleessuu dha!>> jedhe in abboome. 12Yommus isaan namoota Yaabesh-Giil'aad keessa jiraatan hundumaa keessaa durboota dhiirri isaan bira ga'ee hin beekne dhibba afur argatanii, Shiiloo iddoo buufata isaanii isa biyya Kana'aan keessa jirutti in geessan*.#12 21:19
13Kana booddee guutummaan waldichaa namoota Benyaamiin warra dhagaa Rimoon keessa turanitti ergee, nagaan akka bu'e itti himsiise*. 14Yeroo sanatti namoonni Benyaamiin gara iddoo isaaniitti in deebi'an; warri Israa'elis durboota Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaramanii dhufan isaanitti in heerumsiisan; durboonni sun garuu wal isaan hin geenye.#13 20:45-47
15Waaqayyo gosoota Israa'el keessaa tokko cabsee waan hir'iseef, sabni Israa'el gosa Benyaamiiniif in gaddan*. 16Ergasii maanguddoonni waldichaa,<<Gosa Benyaamiin keessaa dubartoonni badduu ba'aniiru; egaa warra hafan kana eessaa fidnee fuusifnu ree>> 17Gosi tokko raawwatee Israa'el keessaa akka hin badnetti, dhaalli gosa Benyaamiin hambaa gosa isaatiif haa ta'u! 18Haa ta'u iyyuu malee, namoonni keenya,<<Nu keessaa namni intala isaa gosa Benyaamiinitti heerumsiise abaaramaa haa ta'u!>> jedhanii waan kakataniif, nuyi durboota keenya isaanitti heerumsiisuu hin dandeenyu*. 19Kunoo, Shiiloo isa Bet'el irraa gara bitaatti karaa Bet'elii gara Sheekemitti geessu irraa gara ba'a-biiftuutti, Lebonaa irraa immoo gara mirgaatti argamu keessatti ayyaanni waggaa waggaatti Waaqayyoof ayyaaneffamu in ta'a>> jedhan*. 20Itti dabalanii namoota Benyaamiiniin,<<Dhaqaa! Dhaabaa waynii keessa riphaatii eeggadhaa! 21Yommuu durboonni Shiiloo lafa ayyaanichaatti sirbaaf gad ba'an eegaatii, iddoo dhaabaa waynichaatii ba'aa, durba tokko tokko butaa! Fudhadhaatii gara biyya Benyaamiin dhaqaa! 22Abboonni isaanii yookiis obboloonni isaanii dhufanii yoo nutti himatan,<<Nuyi immoo yeroo lolaatti hunduma isaanii fuusisuuf durba hin arganne; ammas immoo isin waan itti hin heerumsiisiniif yakka isinitti hin ta'u; kanaaf nuuf jedhaatii faara tolaadhaan jara kana ilaalaa!>> ittiin in jenna>> jedhan. 23Warri Benyaamiin akkuma isaan jedhan in godhan; durboota warra sirbituu sana keessaas tokko tokko butanii gara biyya dhaala isaaniitti in deebi'an; mandarootas deebisanii ijaaranii keessa in taa'an.#15 21:6 18 21:1,7 19 18:31; Iya 18:1
24Yeroo sanatti namoonni Israa'el achii ba'anii adduma addaan gara gosa gosa isaanii fi gara qomoo qomoo isaanii in dhaqan; akkasittis hundinuu gara dhaala isaaniitti in deebi'an. 25Yeroo sanatti sabni Israa'el mootii waan hin qabneef, namni hundinuu waanuma qajeelaa isatti fakkaatu in hojjeta ture*.#25 17:6

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in