Macaafa Isaayaas Raajichaa 35
35
Yeroon Gammachuu Akka Dhufu Himuu Isaa
1Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu,
lafti onaanis ililchee
akka arfaasee in daraara*;
2baay'isee in daraara,
gammadees in faarfata,
ulfinni Liibaanon
isaaf in kennama,
surraan Qarmelosii fi dachaan Shaaron
isaaf in dabalama;
ulfinni Waaqayyo gooftaa maccaas
achitti in argama*.
3Harka dadhabe qabaatii kaasaa,
jilba mudhukes jabeessaa*!
4Warra garaa sodaataa qabaniin,
<<Jabaadhaa, hin sodaatinaas!
Kunoo Waaqayyo keessan,
ijaa baafachuudhaaf, adabuudhaaf,
isin immoo fayyisuudhaaf gara keessan in dhufa>> jedhaa*!#1 32:15; 51:3; 55:12-13 2 40:5 3 Ibr 12:12 4 40:9
5Yommus iji warra jaamotaa in banama,
gurri warra duudaas in saaqama*,
6yommus namni naafti
akka borofaa in utaala,
warri arrabni isaanii didaas
gammadanii in ililchu;
lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba'u,
lafa onaa keessas bishaan
burqituun in yaa'a;
7cirrachi akka ibiddaa gubu
kuufama bishaanii in ta'a,
lafa gogaa keessa bishaan
burqituun in yaa'a;
iddoon waangonni keessa jiraachaa turanis
akka caffee in ta'a,
dhallaadduu fi jajjabni isa keessatti in biqilu*.#5 29:18; Mat 11:5 7 41:18-19
8Achi keessa karaan in ba'a,
maqaan isaas,<<Karaa qulqullaa'aa>> in jedhama;
karicha irra warra furaman kana
duwwaatu adeema,
warri gowwoonni iyyuu isa irraa hin kaatan;
namni xuraa'aan garuu
achi irra hin darbu.
9Leenci achi irratti hin argamu,
bineensi hamaan achi irra hin adeemu,
warra fayyan duwwaatu achi irra adeema;
10warri Waaqayyo isaan fure,
deebi'anii faarfannaadhaan
gara Xiyoonitti ol in ba'u;
gammachuu bara baraatiin in gonfamu,
gammadanii in ililchu,
gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata*.#8-10 40:3-4; Er 31:7-9; Isa 51:11; 65:19; Mul 21:4
Currently Selected:
Macaafa Isaayaas Raajichaa 35: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.