Macaafa Asteer 1
1
Ahashwerosii Fi Waashtiin Wal Dhabuu Isaanii
1Bara Ahashweros isa biyya Hindiitii hamma biyya Itiyoophiyaatti kutaawwan biyyaa dhibbaa fi digdamii torba mo'etti kan ta'e kanatti fufee jira; 2bara sanatti Ahashweros mootii ta'ee, teessoo mootummaa mandara Susaan keessa jiru irra in taa'e*. 3Mo'ee waggaa sadaffaa isaatti gurguddoota isaa fi hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa in godhe; nyaachisa kana irratti geggeessitoonni loltoota Faaresii fi Medoon akkasumas gurguddoonnii fi angafoonni kutaawwan biyyaa argamaniiru. 4Inni guyyaa dhibbaa fi saddeettama guutuu, badhaadhummaa mootummaa isaa isa ulfina-qabeessaa fi ulfina mootummaa isaa isa surra-qabeessa in argisiise.#1-2 Iz 4:6
5Guyyoonni sun erga darbanii booddee mootichi iddoo dhaabaa mana mootummaa mandara Susaan keessatti,<<Xinnaa dha, guddaa dha>> utuu hin jedhin namoota mandara sana keessa jiraatan hundumaaf guyyaa torba nyaachisa in godhe. 6Iddoon dhaabaa sun golgaawwan haarrii adii fi haarrii bifa waaqaa qabu irraa hojjetamanii, funyoo haarrii adii fi boffee dhiilgee irraa dha'ameen amartii meetiitti hidhamanii utuboota dhagaa gati-qabeessaatti gad rarraafaman qaba ture; buusaa dhagaa borrajjii fi dhagaa gati-qabeessaan, callee gati-jabeessaa fi dhagaa gati-jabeeyyiidhaan miidhagfamanii hojjetaman irra immoo sireewwan warqee fi meetii irraa hojjetamantu turan. 7Mootichi arjaa dha, daadhii wayniis hamma ga'utti qaba waan tureef, waancaa warqee bifa garaa garaa qabutti namootaaf in kennisiise; 8tokkon tokkon namaatiif akka fedha fedha isaatti daadhicha akka kennan mootichi hojjetoota isaa warra daadhii buusan waan abboomeef, keessummoonni hundinuu hamma barbaadan dhuguu in danda'u turan. 9Waashtiin mootittiinis immoo mana mootummaa Ahashweros mootichaa keessatti dubartootaaf nyaachisa in goote.
10Ahashweros mootichi nyaachisa guyyaa torbaffaa irratti daadhii waynii dhugee yommuu gammade, xu'aashota torban warra isaaf ergaman Mihumaanii fi Biiztaanin, Harbonaa fi Biigtaanin, Abaagtaa fi Zetaarin, Karkaasinis waamee, 11<<Waashtii mootittii gonfoo mootummaa akka kaa'attetti as ishee fidaa!>> jedhee abboome; mootittiin miidhagduu waan turteef, mootichi gurguddoota isaa fi keessummoota isaatti ishee mul'isuu in barbaade. 12Warri gara isheetti ergaman ajaja mootichaa isheetti in himan; isheen garuu dhufuu in didde; kana irratti mootichi in dheekkame, aarees in boba'e.
13Yommus beektota waa'ee dubbii baraa beekanii wajjin mari'achuun amala mootii waan tureef, maal gochuun akka wayyu gorsitoota isaa wajjin in mari'ate. 14Gurguddoota Faaresii fi Medoon torban warra isatti aanan, hojii mootummaa keessaas iddoo gurguddaa qaban Karshenaa fi Shetaarin, Admaataa fi Tarshiishin, Meresii fi Marsenaan, Memukaaninis*, 15<<Waashtii mootittiin wanta ani Ahashweros mootichi karaa hojjetoota koo warra xu'aashotaa ishee abboome raawwachuu waan diddeef, seerri akka jedhutti maal ishee gochuutu nuuf ta'a?>> jedhee in gaafate.#14 Iz 7:14
16Yommus Memukaan deebisee mootichaan, gurguddootaanis dubbatee,<<Waashtii mootittiin si Ahashweros mooticha duwwaa yakkite utuu hin ta'in, guutummaa kutaawwan biyyaa kee keessa warra jiran gurguddoota kee fi namoota kee hundumaas immoo yakkuu ishee ti; 17wanti isheen goote kun dubartoota hundumaa biratti in beekama; isaan,<<Ahashweros mootichi Waashtii mootittiin gara isaa akka dhuftuuf abboomee ture, isheen garuu in didde>> jedhanii, dhirsoota isaanii in tuffatu. 18Dubartoonni gurguddoota Faaresii fi Medoon warri oduu mootittii dhaga'an har'uma kana isuma isheen jette, isaanis immoo dhirsoota isaaniitiin in jedhu, ceephoonii fi dheekkamsi in baay'ata. 19Jaalala si mootichaa yoo ta'e, Waashtiin si Ahashweros mooticha duratti akka hin dhi'aanneef, abboommii baasii seera Faaresii fi Medoon isa geddaramuu hin dandeenye keessatti caafsisi, iddoo mootittiis dubartii ishee irra wayyituuf kenni*! 20Abboommiin si mooticha biraa ba'u biyya kee isa bal'aa kana keessatti guutummaatti yommuu labsamu, dubartoonni hundinuu,<<Kun hiyyeessa, kun sooressa>> utuu hin jedhin dhirsoota isaaniitiif ulfina in kennu>> jedhe.#19 8:8; Dan 6:8-10
21Gorsi Memukaan kenne kunis mootichaa fi gurguddoota sana in gammachiise; kanaaf mootichi akkuma Memukaan jedhe in godhe. 22Caaffata,<<Abbaan manaa hundinuu mana mana isaa irratti aboo, wanti inni dubbatus murtoo isa dhumaa haa qabaatu!>> jedhu, tokkon tokkon kutaa biyyaatiif akka akka caafata isaatti, gosa hundumaaf akka akka afaan isaatti caafsisee, guutummaa biyya motummaa isaatiitti in erge*.#22 3:12; 8:9
Currently Selected:
Macaafa Asteer 1: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.