YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Daani'el Raajichaa 9

9
Yeroo Isa Waa'ee Badiisa Yerusaalemiif Raajiin Dubbatame Hubachuudhaaf Kadhachuu Isaa
(Iz 9:1-15; Nah 9:1-37; Er 14:7-9,19-22)
1Sanyii Medoon keessaa Daariyos ilmi Ahashweros mootummaan Kaldootaa kennameefii, mo'ee waggaa tokkoffaa isaa keessa ture*; 2mootummaa isaa waggaadhuma isa duraa keessa, ani Daani'el waa'ee lakkoobsa waggootaa isa caaffata qulqullaa'oo keessatti diigamuu Yerusaalemiif dubbatame nan yaade; akka dubbii Waaqayyoo isa gara Ermiyaas raajichaa dhufe sanaatti waggaan torbaatamni hamma guututti Yerusaalem diigamtee akka haftu jedhamuu isaa nan hubadhe*. 3Ani immoo gara Waaqayyo gooftaa ilaalee, soomuudhaan, uffata gaddaa uffachuudhaan, daaraa keessa taa'uudhaanis kadhataa fi himata gara isaatti nan dhi'eeffadhe*.#1 6:1 2 Er 25:11-12; 29:10 3 Isa 58:5
4Ani cubbuu himadhee Waaqayyo gooftaa koo nan kadhadhe,<<Yaa Waaqayyo gooftaa, ati guddaa dha, in sodaachiftas! Warra si jaallatan warra abboommota kee eeganiifis kakuu kee in eegda, gaarummaa kees isaanitti in argisiifta*; 5nuyi cubbuu hojjenne, in yakkine, in jal'anne, si irrattis in kaane, abboommota kee irraa, wanta qajeelaa ta'ee si duratti fudhatame irraas in deebine; 6hojjetoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, gurguddoota keenyatti, abboota keenyatti, saba biyyichaa hundumaattis dubbatan nuyi hin dhaggeeffanne. 7Qajeelinni si bira jira yaa gooftaa, nuyi garuu akkuma amma ta'e kana yeellaanee lafa in ilaalla; namoonni Yihudaa, warri Yerusaalem jiraatan, warri Israa'el warri siif amanamuu dinnaan, ati biyya hundumaa keessatti isaan gatte; warri dhi'oo jiran, warri fagoo jiran hundinuus yeelloon isaan in eeggata. 8Yaa Waaqayyo, nuyi cubbuu hojjenneerra, kanaafis nuyi, mootonni keenya, gurguddoonni keenya, abboonni keenyas yeellaanee lafa in ilaalla*. 9Nuyi illee Waaqayyo gooftaa keenya irratti kaaneerra, oo'ii fi dhiifamuun garuu isa biraa in argama*. 10Nuyi akka abboommii seera isaa isa inni karaa hojjetoota isaa raajotaa nuuf kenneetti deddeebi'uudhaaf, sagalee Waaqayyo gooftaa keenyaa hin dhaggeeffanne.#4 Kes 7:9; Nah 1:5 8 'z 9:7; Isa 43:27 9 Bau 34:6; Far 130:4
11<<Israa'el guutummaatti seera kee irra daddarbanii isa irraas jal'ataniiru, sagalee kees hin dhaggeeffanne; sababii nuyi Waaqayyo duratti cubbuu hojjenneef, abaarsii fi doorsisi seera Musee garbicha Waaqayyoo keessatti caafaman nu irra ga'an. 12Inni wanta hamaa isa guddaa isa nu irratti, warra nu seerratan irrattis fiduudhaaf dubbate, nu irratti in raawwate; wanti mandara Yerusaalem irratti hojjetame sun immoo takkaa bantii waaqaa jalatti hojjetamee hin beeku. 13Akkuma seera Musee keessatti caafametti, wanti hamaan kun hundinuu nu irra ga'e; haa ta'u iyyuu malee, nuyi yakka keenyattii deebi'uudhaan, amanamummaa isaas qalbifachuudhaan, Waaqayyo gooftaan keenya fuula ifaadhaan akka nu ilaalu hin goone*. 14Waaqayyo dubbii isaa eegee wanta hamaa sana nu irratti fide; Waaqayyo gooftaan keenya hojii hojjetu hundumaatti qajeelaa dha, nuyi garuu sagalee isaa hin dhaggeeffanne.#11-13 Lew 26:14-39; Kes 28:15-68
15<<Ammas yaa Waaqayyo gooftaa, situ harka aango-qabeessaan saba kee biyya Gibxiitii baasee, maqaa godhate; har'as akkasuma ta'e, nuyi cubbuu hojjenneerra, jal'anneerras*. 16Yaa Waaqayyo, ati akka gochaa kee isa qajeellaatti aarii kee fi dheekkamsa kee mandara kee Yerusaalem irraa, tulluu kee isa qulqullaa'aa irraas deebisi! Sababii cubbuu keenyaa fi sababii yakka abboota keenyaaf mandarri Yerusaalem, sabni kees warra naannoo keenya jiraatan hundumaaf muka kolfaa ta'an. 17Ammas yaa Waaqayyo keenyaa, kadhataa fi himata garbicha kee dhaggeeffadhu! Yaa gooftaa, maqaa keef jedhii mana qulqullummaa kee isa diigamee bade fuula ifaadhaan ilaali*! 18Yaa Waaqayyo, gurra kee gara kootti qabi, dhaggeeffadhus; ija kee as deebisi, nus mandarri maqaa keetiin waamames diigamnee baduu keenya ilaali! Nuyi waan qajeelaa isa hojjenneef utuu hin ta'in, oo'a guddaa isa ati argisiiftuuf himata keenya si duratti in dhi'eeffanna*. 19Yaa gooftaa, dhaggeeffadhu! Yaa gooftaa, nuuf dhiisi! Yaa gooftaa, yaadaan qabi! Waan tokkos godhi! Mandarri kee fi sabni kee maqaa keetiin waan waamamaniif, yaa Waaqayyo ko, maqaa keef jedhii lafa irra harkisuu dhiisi!>> nan jedhe.#15 Bau 12:51; Er 32:20-21 17 His 36:20-23 18 Kes 9:4-6; Rom 3:23-24
Gabri'el Ergamichi Waa'ee Raajii Dubbatame Sanaa Ibsuu Isaa
20Ani dubbii kanaan nan kadhadhe, cubbuu koo fi cubbuu saba koo Israa'el nan himadhe; tulluu Waaqayyo koo isa qulqullaa'aadhaaf himata koo Waaqayyo gooftaa koo duratti nan dhi'eeffadhe. 21Dubbii kanaan kadhachaa utuun jiruu, Gabri'el inni nama fakkaate ani duraan mul'atatti arge, yeroo aarsaa galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali'ee na bira ga'e*. 22Inni na hubachiisuudhaaf anatti dubbatee,<<Yaa Daani'el, ani amma si qalbifachiisuudhaaf, si hubachiisuudhaafis ba'ee nan dhufe. 23Jalqaba himata keetii irratti dubbiin tokko sitti in dhaamame; ati guddaa jaallatamaa waan taateef, ani dubbicha sitti himuudhaaf nan dhufe; kanaaf isa yaadatti qabadhu, mul'atichas hubadhu!#21 8:16; Luq 1:19,26; Lak 28:3-8
24<<Irra-daddarbaan raawwatee akka hafutti, cubbuu hojjechuun akka dhaabatutti, yakkaafis dhiifamuun akka argamutti, qajeelummaan bara baraa akka dhufutti, mul'anni, raajiinis mallattoodhaan akka jabeeffamutti, iddoon inni hundumaa irra caalaa qulqulluun dibamee akka qulqulleeffamutti, waggoonni torba si'a torbaatamni saba kee irratti mandara kee ishee qulqullooftu irratti akka darban murtoo ta'eera*. 25Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba'ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti waggaa torba si'a torba in ta'a; yeroon isaa yeroo rakkinaa yoo ta'e iyyuu, mandarattiin waltajjii ishee fi qotaa ishee wajjin deebitee ijaaramtee, waggaa torba si'a jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti; egaa kana beeki hubadhus! 26Dibamee kan moosifame tokkos waggaa torba si'a jaatamii lamaa sana booddee firdii malee lafa irraa in balleeffama; namoonni geggeessituu isa dhufu tokkoos, mandarattii, mana qulqullummaas in balleessu; hamma dhumaattis lolli, diigamuu fi balleeffamuun inni murtoo ta'e irra in ga'a; dhumni geggeessituu sanaas lolaa bishaaniitiin in ta'a*. 27Inni utuu jiruu waggaa torbaaf namoota ciccimoo wajjin kakuu isaa in jabeessa; waggoota sana erga walakkeessee immoo qalmi, kennaan midhaaniis akka hafu in godha; wanti jibbisiisaan nama rifachiisu sun mataa iddoo aarsaa gar-tokko irra kaa'amuuf jira; kunis hamma badiifni murtoo ta'e isa diigamuu fidu sana irratti dhangalaafamuutti in tura>> jedhe*.#24 9:1-2 26 Luq 21:23-24 27 8:11; 11:31; Mat 24:15

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in