YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Daani'el Raajichaa 11:31-32

Macaafa Daani'el Raajichaa 11:31-32 MACQUL

Loltoonni isa biraa dhufanii dhaabatan immoo mana qulqullummaa, masaraa naannoo isaas in xureessu; aarsaan walitti fufee aarfamus akka balleeffamu in godhu; wanta jibbisiisaa nama rifachiisu sana achi in kaa'u*. Inni afaan toluudhaan warra kakuu qulqullaa'aa irratti waan hamaa hojjetan gowwoomsee, jireenya xuraa'aa akka jiraatan in godha; warri Waaqayyo isaanii beekan garuu ittuma jabaatanii, wanta ta'u in hojjetu.