Macaafa Daani'el Raajichaa 1
1
Daani'elii Fi Hiriyoonni Isaa Booji'amanii Mana Mootii Baabilonitti Geeffamuu Isaanii
1Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa mo'ee waggaa sadaffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon dhufee mandara Yerusaalem in marse. 2Waaqayyo gooftaan yommus Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa, qodaa mana qulqullummaa keessaas gar-tokko harka mootii Baabilonitti akka kennamu in godhe; mootiin Baabilonis warra booji'e biyya isaa isa <<Shiinaar>> jedhamee beekametti geessee, mana waaqayyolii isaatti isaan galche; qodaa sanas lafa qabeenyi waaqayyolii isaatii taa'u in kaa'e*.#1-2 2Mot 24:1-2,10-16; 2Sen 36:5-7
3Mootichi yommus dargaggoota Israa'elii booji'aman warra sanyii moototaa fi gurguddootaa ta'an keessaa akka dhi'eessuuf, Ashfenaaz angafa hojjetoota isaa warra xu'aashii abboome*; 4dargaggoonni dhi'eeffaman kun warra mudaa hin qabne, ija namaatti miidhagan, ogummaa hundumaa qalbifatan, beekumsa qaban, barumsaa fi mataa qaban, mana mootii keessa hojjechuuf warra malan ta'uun isaan irra jira; isaan caaffataa fi afaan warra Kaldootaa barsiifamuuf turan. 5Mootichi nyaata ofii nyaatu irraa daadhii waynii ofii dhugu irraa wanta isaan guyyaa guyyaatti argatan in mureef; isaan kun waggaa sadiif barsiisa kanaan erga guddifamanii booddee, fuula mootichaa duratti dhi'aatanii hojii irra dhaabamuuf turan.#3 2Mot 20:18
6Isaan gidduutti warra Yihudaa keessaa kan argaman Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa turan. 7Angafni hojjetoota warra xu'aashii sunis maqaa isaanii geddaree,<<Daani'eliin Belxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaa'eliin Meshaak, Azaariyaadhaan Abed-Neegoo>> jedhe.
8Daani'el garuu nyaata mootichi nyaatuu fi dhugaatii inni dhugu soorachuudhaan akka of hin xureessineef garaa murate; kanaaf of xureessuu kana keessaa ooluudhaaf angaficha warra hojjetootaa sana in kadhate*. 9Waaqayyo immoo Daani'el faara tolaadhaa fi gara-laafina angaficha irraa akka argatu godhe*. 10Namichi Daani'eliin,<<Ani mooticha gooftaa koo isa waan isin nyaattanii fi waan isin dhugdan isiniif mure nan sodaadha; sababiin isaas mootichi bifni keessan hiriyoota keessanii gad ta'ee daalachaa'u in arga; kanaanis isin mooticha biraa dubbii sodaachisaa mataa koo irratti in fichisiiftu>> jedhe.#8 Lew 11:1-47; 17:10-12 9 Uma 39:21
11Daani'el amma immoo namicha isa angafichi warra hojjetootaa, eegduu Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa godhe sanaan, 12<<Mee wanta nyaannu biqiltuu garaa garaa, wanta dhugnus bishaan nuuf haa kennan; atis guyyaa kudhaniif nuyi garboota kee irratti ilaali! 13Bifni keenya bifa dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii wajjin si duratti haa ilaalamu; erga kana argitee booddee nun garboota kee akkuma sitti mul'ate godhi!>> jedhe. 14Kanaaf inni wanta isaan dubbatan kana dhaga'eefii, guyyaa kudhaniif isaan irratti in ilaale. 15Guyyaa kudhan booddee bifni isaanii, gabbinni isaaniis kan dargaggoota warra nyaata mootii nyaatanii caalee argame. 16Kana irratti eegduun isaanii sun nyaata isaanii, daadhii waynii isaan dhuguuf turanis dhiisee, nyaata biqiltuu garaa garaa isaaniif in kenne.
17Waaqayyo yommus dargaggoota arfan kanaaf beekumsa caaffatootaa fi ogummaa hundumaa fi hubannaa isaaniif kenne; Daani'el immoo mul'ataa fi abjuu hiikuuf kennaa in argate*. 18Barri isaan itti haa dhi'aataniif mootichi mureef geenyaan, angafni hojjetoota warra xu'aashii Nebukadnezaaritti isaan dhi'eesse. 19Yommus mootichi isaanii wajjin dudubbatee hunduma isaanii keessaas kan akka Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaa hin argamne; akkasitti isaan mooticha duratti hojiidhaaf in fudhataman. 20Dubbii ogummaa fi hubannaa waan ilaalu hundumaatti mootichi yeroo yaada isaanii gaafatetti, guutummaa biyya mootummaa isaa keessaa warra ayyaana hedan,<<Beekaa>> warra jedhamanis hundumaa irra harka kudhan caalanii argate. 21Qiiros mo'ee hamma waggaa tokkootti Daani'el hojii kana irra ture*.#17 His 28:3 21 6:28; 'z 1:1
Currently Selected:
Macaafa Daani'el Raajichaa 1: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.