YouVersion Logo
Search Icon

HOJII ERGAMOOTAA 9

9
Saa'ol Yesusitti Amanuu Isaa
(HoE 22:6-16; 26:12-18)
1Saa'ol amma illee bartoota gooftaa doorsisuudhaaf ajjeesuutti banbanaa gara angafa lubootaa dhaqee*, 2warra daandii wangeelaa irra adeeman yoo arge, dhiirotas ta'u dubartootas ta'u, hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf barbaade. Kanaafis ajaja manneen sagadaa Damaasqootti akka isaaf caafuuf, angafa lubootaa gaafate*. 3Utuu adeemuus Damaasqootti dhi'aate, kunoo, dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa'e*. 4Lafa dha'ees sagalee, ?Saa'ol, Saa'ol, maaliif na ari'atta?? jedhuun dhaga'e. 5Inni immoo, ?Eenyu ati yaa gooftaa?? jedhe. Sagalichis deebisee, ?Ana, Yesus, kan ati ari'attu; 6garuu, ka'i, gara mandaraatti lixi! Waan gochuun siif ta'us sitti in himama? jedheen. 7Namoonni warri isaa wajjin adeemaa turan, calluma jedhanii dhaabatan malee, waa dubbachuu hin dandeenye; isa dubbatus sagalee isaa dhaga'uu irraa kan hafe, nama tokko illee hin argine. 8Saa'ol lafaa ka'ee ija isaa yommuu bane, waan tokko illee arguu hin dandeenye; kanaafis harka isaa qabanii Damaasqootti galchan. 9Hamma guyyaa sadiittis waa arguu hin dandeenye; yeroo sanatti homaa hin nyaanne, hin dhugnes.#1 8:3; 9:13 2 9:14 3 1Qor 15:8
10Bartuun Ananiiyaas jedhamu tokko immoo Damaasqoo ture. Gooftaan mul'atatti, ?Ananiiyaas!? ittiin jennaan, inni immoo, ?Kunoo asan jira, yaa gooftaa!? jedhe. 11Gooftaan, ?Ka'i, gara karaa ?Sirrii? jedhamuu dhaqi! Nama biyya Xarsees maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko, mana Yudaasitti iyyaafadhu; kunoo inni kadhatatti jira*. 12Innumtuu ati, Ananiiyaas, isa bira dhuftee, akka agartuun isaa isaaf deebi'uuf harka kee utuu isa irra keessuu mul'atatti argeera? jedheen. 13Ananiiyaas garuu deebisee, ?Yaa gooftaa, namichi kun Yerusaalemitti warra siif qulqullaa'an attam akka miidhaa ture, waa'ee isaa nama baay'ee irraa dhaga'eera. 14Asittis warra maqaa kee waammatan hundumaa qabee hidhuudhaaf, luboota warra angafootaa biraa aboo argateera? jedhe*. 15Gooftichi garuu, ?Dhaqi, inni mi'a hojii kootii isa warra saba Waaqayyoo hin ta'in duratti, mootota duratti, namoota Israa'el durattis maqaa koo beeksisuudhaaf ani fo'adhee dha*. 16Maqaa koo mul'isuudhaaf jedhees hammam dhiphachuuf akka inni jiru, ani ofii kootii isa nan argisiisa? jedhe*.#11 21:39 14 9:1-2; 1Qor 1:2 15 26:1; 27:24; Rom 1:5 16 2Qor 11:23-28
17Ananiiyaas ka'ee dhaqee manichas lixee, harka isaa mataa Saa'ol irra kaa'ee, ?Obboleessa koo Saa'ol, gooftichi, Yesus inni karaa ati irra dhufte irratti sitti mul'ate, waa'ee kee anatti himeera; akka agartuun kee siif deebi'uuf, hafuura qulqulluudhaan akka guutamtuufis gara keetti na ergeera? ittiin jedhe. 18Achumaanis waan akka qolaa ija isaa lachuu irraa buunaan, agartuun isaa deebi'e; inni achumaa ka'ee cuuphame. 19Nyaata nyaatees jabaate; bartoota warra Damaasqoo biras bubbule.
Saa'ol Damaasqootti Lallabuu Isaa
20Saa'ol ergasii utuu hin turin manneen sagadaa keessatti, ?Yesus kun ilma Waaqayyoo ti? jedhee lallabe. 21Warri isa dhaga'an hundinuu garuu dinqifatanii, ?Namichi kun, isa Yerusaalemitti warra maqaa Yesus waammatan balleessuuf dhama'aa ture mitii? Addana iyyuu isaanuma hidhee luboota warra angafootatti geessuudhaaf dhufee ture mitii?? jedhanii gaafatan*. 22Saa'ol garuu lallabi isaa humna argachaa adeeme, Yesus Masiihii ta'uu isaa kan inni ittiin hubachiises amansiisaa waan tureef, Yihudoonni warri Damaasqoo jiraatan walii isaa wallaalan*.#21 8:1; 9:1,14; 26:10 22 18:28
23Guyyaa baay'ee erga Saa'ol kana hojjechaa bubbulee immoo, Yihudoonni walitti dacha'anii isa ajjeesuudhaaf mari'atan. 24Mareen isaanii kun garuu Saa'ol bira ga'e; isaan immoo isa ajjeesuudhaaf, halkanii fi guyyaa balbala kellaa mandarichaa in eegu turan. 25Warri garee isaatii garuu gaaf tokko halkan geessanii, guuboo keessa kaa'anii masaraa gubbaadhaan gad isa buusan*.#23-25 23:12,16; 2Qor 11:32-33
Saa'ol Mandara Yerusaalemitti Lallabuu Isaa
26Saa'ol ergasii gara Yerusaalem dhaqee, bartootatti dabalamuu yaale; isaan garuu akka inni dhuguma bartuu ta'e hin amanne waan turaniif, hundumti isaanii isa sodaatan. 27Baarnaabaas garuu fuudhee ergamootatti isa geessee; karaatti attamitti gooftaa akka inni arge, gooftaanis akka isatti dubbate isaanitti mul'ise; Damaasqootti immoo Saa'ol attamitti ija jabinaan maqaa Yesusiin akka dubbate, isaanitti hime*. 28Saa'ol isaanii wajjin Yerusaalem keessa deddeebi'aa bubbule; maqaa gooftaa Yesusiin ija jabinaan lallabe. 29Warra Yihudoota afaan Griikii haasa'anii wajjinis dubbatee, isaaniin morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu yaalan. 30Obboloonni immoo yeroo kana baranitti, gara Qiisaariyaatti geessanii, Xarseesitti isa in ergan*.#26-27 9:20; Gal 1:18 30 11:25
Waldaan Amantootaa Nagaa Argachuu
31Yeroo sana keessa waldaan amantootaa Yihudaa, Galiilaa, Samaariyaa hundumaa keessatti nagaa argattee, ijaaramte; sodaa gooftaatti jiraachaa, jajjabina hafuura qulqulluutiinis baay'achaa turte.
Phexros Liidaatti Eneyaasin Fayyisuu Isaa
32Phexros iddoo hundumaa in naanna'a ture; al tokkos warra Waaqayyoof qulqullaa'anii mandara Liidaa#HoE 9:32 Liidaa Ibr ?Lod? kanaaf kakuu moofaa keessatti ?Lod? jedhame (1Sen 8:12). keessa jiraatan ilaaluudhaaf gad bu'e. 33Achitti nama maqaan isaa Eneyaas jedhamu tokkoo wajjin wal arge; inni dhagni isaa gar tokko duunaan, waggaa saddeet guutuu siree isaa irraa hin buune ture. 34Phexros, ?Eneyaas, Yesus Kristos si fayyisa, ka'i afata kee dachaasi!? ittiin jedhe; achumaan Eneyaas in ka'e*. 35Namoonni Liidaa fi bakkee Saaron keessa jiraatan hundinuu immoo namicha arganii, gara gooftaatti deebi'an.#34 3:6,8; 14:10
Phexros Yopheetti Xaabiitaa Du'a Keessaa Jireenyatti Deebisuu Isaa
36Mandara Yophee keessas bartuun Xaabiitaa jedhamtu tokko turte; maqaan ishee afaan Griikiitti ?Dorkaas? ture, hiikuun isaa immoo ?Kuruphee? jechuu dha. Isheen yeroo ishee hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaaf hiyyeessota gargaaruudhaan in dabarsiti turte. 37Gidduu tokko dhukkubsattee duunaan, dhagna dhiqanii kutaa isa mana gubbaa keessa ciibsan. 38Liidaan Yopheetti dhi'oo ture iyyuu, bartoonni, Phexros achi akka jiru dhaga'anii, ?Hadaraa ammaaf ammatti nu bira ga'i!? jedhanii akka isa waamaniif namoota lama itti ergan. 39Phexros ka'ee isaanii wajjin dhaqe; akka inni achi ga'eenis gara kutaa mana gubbaatti isa geessan. Achitti haadhonni hiyyeessaa hundinuu isa naanna'anii boo'aa, uffata jalaa fi irraan uffatan kan ?Kurupheen? fayyaatti isaaniif hojjette, isatti in argisiisu turan. 40Phexros garuu hunduma isaanii ala baasee, ofii isaatii jilbeenfatee kadhate; ergasii gara reeffichaatti gara galee, ?Xaabiitaa, ka'i!? jedheen. Isheen ija ishee banattee, Phexrosin yommuu argite ol jettee teesse*. 41Phexros immoo harka isaa itti hiixatee, harka ishee qabee ol ishee kaase; kana booddees amantoota, haadhotii hiyyeessaas waamee, fayyaa ishee isaan gidduu dhaabachiise. 42Kunis Yophee hundumaatti beekame, namoonni baay'een gooftaatti amanan. 43Phexros namicha gogaa duugu maqaan isaa Simoon jedhamu tokko biratti hafee, guyyaa baay'eedhaaf Yophee ture*.#40 Mar 5:40-41 43 10:6,32

Currently Selected:

HOJII ERGAMOOTAA 9: MacQul

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in