HOJII ERGAMOOTAA 18
18
Phaawulos Qorontositti Hojjechuu Isaa
1Kana booddee Phaawulos mandara Ateenaa dhiisee adeemee, gara mandara Qorontos dhaqe*. 2Achittis Yihudii biyya Phonxositti dhalate, maqaan isaa Aqiilaa jedhamu tokkoo wajjin wal arge. Klaawudiiyos mootichi warra Roomaa, Yihudii kan ta'e hundinuu mandara Roomaa keessaa akka ba'uuf abboomnaan, namichi kun dhi'oo haadha manaa isaa Phrisqiilaa wajjin biyya Ixaaliyaatii dhufe; Phaawulos immoo isaan bira dhaqe*. 3Hojiin isaanii tokko waan ta'eefis isaan bira taa'ee hojjete; hojiin isaaniis dunkaana hoddhuu ture*. 4Sanbata Sanbata immoo mana sagadaa Yihudootaa dhaqee, Yihudootaa fi Griikota amansiisuudhaaf isaanii wajjin dubbate.#1 1Qor 1:2 2 18:26; Rom 16:3 3 20:34; 1Qor 4:12
5Siilaasii fi Ximotewos biyya Maqedooniyaatii erga Qorontositti galanii, Phaawulos immoo kan biraa dhiisee dubbicha lallabuutti qabamee, Yesus Masiihicha akka ta'e Yihudootatti dhugaa ba'e*. 6Jarri isaan mormanii, yommuu isa arrabsan immoo isaanittii gargar ba'uudhaaf uffata isaa hurgufatee, ?Dhiigni keessan mataa keessanitti in deebi'a. Ani kanattii qulqullaa'aa dha; ammaa kaasee gara warra saba Waaqayyoo hin ta'inii nan dhaqa? isaaniin jedhe*. 7Inni achii ka'ee mana Tiitoos Yusxos, isa amantii Yihudootaa fudhate dhaqe; manni isaa immoo mana sagadaa Yihudootaa bukkee ture. 8Kriisphos dura-buutuun mana sagadaa sanaas, nama isaa hundumaa wajjin gooftaatti amane; warra Qorontos keessaas baay'een lallaba Phaawulos dhaga'anii in amanan, in cuuphamanis*. 9Gooftaan gaaf tokko halkan mul'ataan Phaawulositti dubbatee, ?Hin sodaatin dubbadhu malee, calluma hin jedhin*! 10Ani sii wajjin nan jira, homtinuus sitti bu'ee si hin miidhu, anoo mandara kanaa namoota baay'ee qaba? jedheen. 11Kanaaf Phaawulos dubbii Waaqayyoo isaan keessatti barsiisaa, waggaa fi ji'a ja'a isaan bira taa'e.#5 17:14-15; 17:3 6 13:45-46; 13:51; 20:26 8 1Qor 1:14 9 Isa 41:10; 43:5; 1Qor 2:3
12Bara Gaaliiyon bulchaa biyya Akaayyaa ta'etti, warri Yihudootaa walii galanii Phaawulosin qaban. Yaa'iitti isa dhi'eessanii, 13?Namni kun, karaa seeraan walii hin galleen Waaqayyoof akka sagadan, namoota karaa irraa kaachisa? jedhanii isa hadheessan. 14Phaawulos utuu dubbachuuf jedhuu, Gaaliiyon warra Yihudootaatiin, ?Dubbiin kun waa'ee balleessaa hojjechuu yookiis hamaa gochuu utuu ta'ee, isin warra Yihudootaa, akka ta'utti isin nan dhaggeeffadhan ture*. 15Amma garuu waliin morkiin keessan waa'ee dubbii namni dubbatee, waa'ee namootaa fi waa'ee seera keessanii erga ta'ee, isin ofii keessanii fixaa, ani dubbii kanatti firdii kennuu hin barbaadu? jedhee*, 16yaa'ii duraa isaan ari'e. 17Warri achi turan hundumtinuus, Sosteneesin isa dura-buutuu mana sagadichaa qabanii, yaa'ii duratti reeban; Gaaliiyon garuu kana hundumaatti dhimma hin godhanne.#14 25:18-19 15 Yoh 18:31
Phaawulos Anxokiyaatti Deebi'uu Isaa
18Phaawulos guyyaa baay'ee amantoota Qorontos bira erga bubbulee booddee, nagaa isaanitti dhaamee, Phrisqiilaadhaa fi Aqiilaa wajjin markabaan Sooriyaa dhaquudhaaf ka'e; Phaawulos wareega waan qabuuf, Kanchre'aa lafa buufata markabaatti rifeensa mataa isaatii murmurate*. 19Mandara Efesoon yommuu ga'an, Phrisqiilaa fi Aqiilaa iddoo tokkotti dhiisee, ofii isaa mana sagadaa dhaqee Yihudootaa wajjin dubbate. 20Phaawulos yeroo dheeraa akka isaan bira turuufis in kadhatan; inni garuu tole hin jenneen. 21?Jaalala Waaqayyoo yoo ta'e deebi'ee nan dhufa? isaaniin jedhee, nagaa isaanitti dhaamee markabaan Efesoonii ka'ee adeeme*.#18 21:23-27; Lak 6:18 21 Rom 1:10; 1Qor 4:19
22Mandara Qiisaariyaatti bu'ee, kana booddee Yerusaalemitti ol ba'ee, waldaa kristiiyaanaa nagaa gaafate; darbee Anxokiyaa isa Sooriyaa keessaatti gad bu'e. 23Achis erga takka turee, ka'ee kutaa biyya Galaatiyaatii fi Firiigiyaa keessa tarreetti naanna'ee, amantoota hundumaa jajjabeesse.
Apholos Efesoonitti, Biyya Akaayyaattis Barsiisuu Isaa
24Yeroo sana Yihudiin mandara Iskindriiyaatti dhalate, Apholos kan jedhamu tokko mandara Efesoon dhufe; inni nama arraba qajeelu, macaafotas gaarii godhee kan beeku ture. 25Inni cuupphaa Yohannis duwwaa beeke, dubbii gooftaas waa barsiifame, hafuura gubaadhaan waa'ee Yesus qajeeltootti in lallaba, in barsiisas ture*. 26Ija jabummaadhaan mana sagadaa keessatti dubbachuutti ka'e. Phrisqiilaanii fi Aqiilaan dubbachuu isaa dhaga'anii, ofittis isa fudhatanii, caalchisanii karaa Waaqayyoo isa hubachiisan. 27Apholos biyya Akaayyaatti ce'uu yommuu barbaade, amantoonni Akaayyaa akka isa simataniif, obboloonni caaffataan kadhataniif. Inni achi erga ga'ee, ayyaana isa argateen, warra amananii turaniif baay'ee gargaarsa ta'e. 28Yesus Masiihicha akka ta'e, macaafota keessaa dhugaa itti baasisuudhaan mul'inatti afaan Yihudootaa cufe*.#25 19:1-3; Rom 12:11 28 9:22; 17:3
Currently Selected:
HOJII ERGAMOOTAA 18: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.