Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 1
1
Ahaaziyaatti Waaqayyo Faraduu Isaa
1Ahaab mootiin Israa'el erga du'ee booddee, biyyi Mo'aab Israa'el irratti in ka'e*. 2Yeroo sanatti Ahaaziyaan mana isaa isa Samaariyaa keessaa hulaa kutaa manichaa isa ol aanu keessa ba'ee waan kufeef, miidhamee in ciisa ture; inni kana irratti,<<Dhaqaatii dhukkuba kanattii nan fayya yoon ta'e, Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon anaaf gaafadhaa!>> jedhee namoota in erge*. 3Ergamaan Waaqayyoo garuu, Eliyaas Tishbeetichaan,<<Ka'ii gara namoota mootiin Samaariyaa ergatetti ol ba'iitii,<<Biyya Israa'el keessa Waaqayyo hin jiru iyyuu Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon gaafachuufii dhuftanii?>> jedhiin*! 4Kanaaf Waaqayyo,<<Yaa Ahaaziyaa, ati dhugumaan in duuta malee, siree irra ciifte kana irraa hin kaatu!>> jedha>> jedhe; Eliyaasis in dhaqe.
5Namoonni ergaman sun gara mootichaatti in deebi'an; inni immoo,<<Maaliif deebitanii dhuftan?>> jedhee isaan in gaafate. 6Yommus isaan deebisanii,<<Nama tokkotu karaatti nutti dhufee gara kee gara mooticha isa nu ergetti deebinee, Waaqayyo,<<Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon gaafatachuuf kan ati ergitu ana Waaqayyotu Israa'el keessa hin jiru moo>> Egaa ati dhugumaan in duuta malee, siree irra ciifte kana irraa hin kaatu>> siin jechuu isaa akka nuyi sitti himnuuf nu deebise>> jedhan. 7Mootichis,<<Namichi karaatti isinitti dhufee, kana isinitti dubbate nama attamii ture?>> jedhee isaan gaafate. 8Isaan immoo deebisaniifii,<<Nama uffata rifensa'aa uffate, mudhii isaas teephaan hidhate tokko ture>> jedhan; mootichis,<<Innoo, Eliyaas Tishbeeticha!>> jedhe*.
9Achumaan mootichi, angafa shantamaa loltoota isaa shantammanii wajjin Eliyaasitti in erge; Eliyaas roggee tulluu irra taa'ee utuu jiruu angafichi gara isaa dhaqee,<<Yaa nama Waaqayyo! Mootiin,<<Kottu gad bu'i!>> siin jedha>> jedheen. 10Eliyaas garuu angafa shantamaa sanaaf deebisee,<<Yoo ani nama Waaqayyo ta'eef, ibiddi waaqa irraa gad bu'ee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!>> jedhe; kana irratti ibiddi waaqa irraa gad bu'ee, isa, loltoota isaa shantammanis xaph in godhe*.
11Ammas mootichi, angafa shantamaa kan biraa loltoota isaa shantammanii wajjin Eliyaasitti in erge; innis ol ba'ee Eliyaasiin,<<Yaa nama Waaqayyo! Mootiin,<<Dafii kottuu gad bu'i!>> siin jedha>> jedheen. 12Eliyaas garuu deebiseefii,<<Yoo ani nama Waaqayyoo ta'eef, ibiddi waaqa irraa gad bu'ee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!>> jedhe; yommusuma ibiddi Waaqayyoo waaqa irraa gad bu'ee, isa, loltoota isaa shantammanis xaph in godhe*.
13Ammas mootichi, angafa shantamaa isa sadaffaa loltoota isaa shantammanii wajjin in erge; angafni shantamaa inni sadaffaan kun ol ba'ee, Eliyaas duratti jilba isaatiin jilbeenfatee,<<Yaa nama Waaqayyo! Lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanaa si duratti gati-jabeessa akka ta'uuf sin kadhadha. 14Kunoo, ibiddi waaqa irraa bu'ee angafoota shantamaa warra duraa lamaan loltoota isaanii hundumaa wajjin xaph godheera; amma garuu lubbuun koo si duratti gati-jabeessa haa ta'u!>> jedhe.
15Yommus ergamaan Waaqayyoo Eliyaasiin,<<Hin sodaatiniitii isaa wajjin gad bu'i!>> jedhe; Eliyaasis ka'ee isaa wajjin gad bu'ee gara mootichaa dhaqee, 16<<Waaqayyo,<<Akka ana gaafatattuuf ana Waaqayyotu Israa'el keessa hin jiru iyyuu, Ba'aal Zebub Waaqayyo warra Eqroon gaafatachuuf namoota ergitee>> Ati kana waan gooteef dhugumaan in duuta malee, siree irra ciifte kana irraa hin kaatu!>> siin jedha>> jedheen.
17Akkuma dubbii Waaqayyoo isa Eliyaas dubbatetti, Ahaaziyaan mootichi in du'e; mootichi ilma hin qabu waan tureef, Yoraam obboleessi isaa mootii ta'ee iddoo isaa in bu'e; kunis Yoraam ilmi Yoshaafaax mootii Yihudaa mo'ee waggaa lammaffaa isaatti ta'e*. 18Waa'een Ahaaziyaa inni hafe, wanti inni hojjetes macaafa seenaa mootota Israa'el keessatti caafameera mitii ree>>
Currently Selected:
Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa 1: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.