YouVersion Logo
Search Icon

Macaafa Saamu'el Isa Duraa 20

20
Yonaataan Garuu Daawitin Gargaaruu Isaa
1Daawit ergasii Naayot kutaa biyya Raamaatii baqatee sokkee Yonaataan bira dhaqee,<<Ani maalan godhe>> Yakki koo maali>> Abbaa kee durattis cubbuu maalii hojjennaan na ajjeesuu barbaada?>> jedhee in gaafate*. 2Inni immoo deebiseefii,<<Kun hin ta'u! Ati hin ajjeefamtu, argitee! Abbaan koo waan guddaa yookiis waan xinnoo iyyuu utuu anatti hin himin hin hojjetu; isa kana immoo maaliif ana dhoksa ree>> Wanti kun akkas miti>> jedhe. 3Daawit garuu kakatee,<<Ani si duratti faara tolaadhaan akkan ilaalame, abbaan kee dhuguma bareera; kanaaf garaa isaatti,<<Yonaataan akka hin gaddinetti dubbii kana dhaga'uun isa irra hin jiru>> jedheera; amma iyyuu taanaan dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, du'a lubbuu keetii tis, anaa fi du'a gidduu tarkaanfii tokkittiitu jira>> jedhe.#1 26:18
4Yonaataan yommus Daawitiin,<<Wanta ati barbaaddu hundumaa ani siif nan raawwadha>> jedhe.
5Daawit immoo Yonaataanin,<<Kunoo bor guyyaa ayyaana baatii ti silaa illee anis mootichaa wajjin nyaataaf maaddiitti taa'uutu ana irra jira; amma garuu hamma iftaan galgalaatti bakkee keessa akkan dhokadhuuf tole anaaf jedhi*! 6Abbaan kee tarii yoo na barbaade immoo,<<Guutummaan qomoo Daawit aarsaa waggaa waan dhi'eessaniif, Daawit ariitiidhaan gara Betlihem mandara isaa dhaquudhaaf na gaafateera>> jedhi! 7Yoo inni,<<Ba'eessa>> jedhe, ana garbicha keetiif nagaa qabaachuu isaa, yoo kun baay'isee isa aarse garuu inni na miidhuudhaaf murtoo gochuu isaa in beekta. 8Ati immoo Waaqayyo duratti ana garbicha kee wajjin kakuu waan galteef, gaarummaa anatti argisiisi! Yakka yoon qabaadhe immoo atumti ofii keetii na ajjeesi malee, maaliif abbaa keetti na geessita ree?>> jedhe*.#5 Lak 28:11-15 8 18:3
9Yonaataan immoo,<<Kana si haa oolchu! Abbaan koo wanta hamaa sitti fiduudhaaf murtoo gochuu isaa dhugumaan utuun beekee, sitti hin himuun turee ree?>> jedhe.
10Daawit yommus Yonaataaniin,<<Yoo abbaan kee deebii dheekkamsaa sitti deebise, eenyutu anatti hima?>> jedhe.
11Yonaataan deebisee Daawitiin,<<Mee kottu! Bakkeetti achi baanaa!>> jedhe; lachanuun isaanii walii wajjin bakkeetti in ba'an. 12Yonaataan ammas Daawitiin,<<Dhugaa Waaqayyoo goofticha Israa'el, hamma iftaan yowwanaatti yaada abbaa kootii qoree ilaalee, yoo inni yaada gaarii siif qabaate, ergee sitti nan himsiisa. 13Abbaan koo wanta hamaa sitti fiduu barbaada yoo ta'e garuu, sitti himee nagaadhaan akka ati adeemtuuf yoon si erguu dhabaadhe, Waaqayyo miidhama akkasii anatti haa fidu, kan isa irra caalus anatti haa dabalu! Waaqayyo immoo abbaa koo wajjin akkuma ta'e, sii wajjinis haa ta'u! 14Itti fufees, ati garuu hamman jiru duwwaatti akkan hin duuneef gaarummaa Waaqayyoo anatti argisiifta utuu hin ta'in, 15yommuu Waaqayyo diinota kee tokko tokkoon lafa irraa balleessutti, ati bara baraan gaarummaa kee maatii koo irraa hin deebisin! 16Diinota kee immoo Waaqayyo haa gaafatu!>> jedhee, maatii Daawitii wajjin kakuutti in gale. 17Yonaataan akka lubbuu isaatiitti Daawitin waan jaallatuuf, jaalala isaa irraa kan ka'e dabalee akka inni kakatuuf in godhe.
18Yonaataan ergasii immoo Daawitiin,<<Bor guyyaa ayyaana baatii ti; barcumni kee duwwaa yommuu ta'u ati in yaadatamta. 19Ati immoo iftaan gara iddoo gaafa kun ta'e dhokattee turte sanaatti gad bu'ii dhagaa Ezel bukkee turi! 20Ani ofii kootii akeekkadhee cinaacha dhagichaatti xiyyoolii sadii nan gad dhiisa. 21Achumaanis kunoo,<<Dhaqiitii xiyyoolii barbaadi!>> jedhee, dargaggeessa tokko nan erga; dargaggeessichaan,<<Xiyyooliin kunoo si garana jiru fuudhi!>> yoon jedhe, dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, nagaa malee homtinuu hin jiruutii kottu! 22Garuu dargaggeessa sanaan,<<Xiyyooliin si garas achi fagoo jiru>> yoon jedhe, Waaqayyo si erguu isaa ti; kanaaf achumaan sokki! 23Waa'ee isa anii fi ati walii wajjin dudubbanneef immoo Waaqayyo hamma bara baraatti anaa fi si gidduutti dhugaa in ba'a>> jedhe.
24Kana irratti Daawit bakkee keessa in dhokate; guyyaa ayyaana baatiitti immoo mootichi nyaataaf in taa'e. 25Mootichi akkuma yeroo kaanii teessoo isaa isa keenyan bukkee irra in taa'e; Yonaataan fuullee mootichaa#1Sam 20:25 <<Fuullee mootichaa>> yookiis Ib<<Ka'e?., Abneer immoo bukkee mootichaa taa'anii turan; iddoon Daawit garuu duwwaa ture. 26Haa ta'u iyyuu malee, Saa'ol garaa isaatti,<<Daawit waa rakkatee akka seeraatti hin qullaa'in hafe, inni dhugumaan hin qulloofne>> jedhee waan yaadeef, gaafas homaa hin dubbanne*. 27Ayyaana baatii guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit duwwaa waan tureef, Saa'ol,<<Ilmi Iseyi kaleessa, har'as maaliif nyaata irratti hin argamin hafe?>> jedhee, Yonaataanin ilma isaa in gaafate.#26 Lew 15:16
28Yonaataan immoo deebiseefii,<<Daawit gara Betlihem dhaquudhaaf dhimmee na gaafatee ture. 29Inni,<<Aarsaa maatiidhaan mandara keessatti dhi'eessinu waan qabnuuf, obboleessi koo akkan achi dhaquuf na abboomeeraatii hadaraa na ergi! Egaa si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta'e, amma dhaqee obboloota koo akkan ilaaluuf na gad dhiisi!>> waan naan jedheef, gara maaddii mootichaa hin dhufne>> jedhe.
30Saa'ol yommus Yonaataanitti aaree boba'ee,<<Ati ilma micciiramtuu fi ilma didduu, ofii keetii fi haadha si deesse salphisuudhaaf ilma Iseyi akka fo'atte nan wallaalee ree>> 31Ilmi Iseyi lafa irra utuu jiruu atii fi mootummaan kee jabaattanii hin dhaabattan; kanaafis inni ajjeefamuutu isaaf ta'aatii amma nama itti ergii gara kootti isa fichisiisi!>> jedhe.
32Yonaataanis deebisee Saa'ol abbaa isaatiin,<<Inni maal godhe>> Maaliif ajjeefama?>> jedhe. 33Saa'ol kana irratti Yonaataanin ajjeesuudhaaf eeboo itti in darbate; Yonaataanis abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf murtoo akka godhe kanaan in bare*. 34Yonaataan sababii abbaan isaa isa yeellaasiseef, Daawitiif gaddee, yaada aariitiin maaddii irraa in ka'e; guyyaa lammaffaa ayyaana baatii sanatti inni nyaata hin nyaanne.#33 18:11
35Yonaataan borumtaa gurbaa xinnaa tokko fudhatee, dhaaba Daawitii wajjin qabaniif gara bakkeetti in ba'e. 36Inni gurbichaan,<<Mee, fiigiitii xiyyoolii ani gad dhiisu kana barbaadi!>> jedhe; gurbichis in fiige; Yonaataan immoo xiyyicha isa irra dabarsee gad in dhiise. 37Gurbichi gara iddoo Yonaataan xiyyicha itti gad dhiise yeroo dhaqetti, Yonaataan isa waamee,<<Xiyyichi si garas achi fagoo jira mitii ree?>> jedheen. 38Yonaataan ammas gurbicha waamee,<<Dafii ariifadhuu adeemi! Hin turin!>> jedheen; gurbichis xiyyoolii funaanee gara Yonaataan gooftaa isaa in dhufe. 39Dubbicha Yonaataanii fi Daawit duwwaatu beeka malee, gurbichi homaa iyyuu hin beeku ture. 40Yonaataan mi'a lolaa isaa gurbaa isaatti kennee,<<Beenuu gara mandaraatti geessi!>> jedheen.
41Akkuma gurbichi achii adeemeen, Daawit bukkee gara mirgaatii ka'ee, adda isaatiin hamma lafa ga'utti gad gugguufee, si'a sadii in qoomma'e; lamaanuus wal dhudhungatanii walitti in boo'an; Daawit garuu caalaa guddisee in boo'e. 42Kana booddee Yonaataan,<<Nuyi lamaan,<<Waaqayyo anaa fi si gidduutti, sanyii kee fi sanyii koo gidduuttis hamma bara baraatti dhuga-baatuu dha>> jennee, maqaa isaatiin kakuu waliif galleerra; egaa nagaadhaan dhaqi!>> jedhe; yommus Daawit ka'ee in adeeme, Yonaataan immoo gara mandaraatti in deebi'e.

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in