Macaafa Moototaa Isa Duraa 21
21
Dubbii Iddoo Dhaabaa Waynii Naabot Irratti Ka'e
1Naabot Yizre'elichi mandara Yizre'el keessaa mana mootummaa Ahaab mootii Samaariyaatti dhi'oodhaa iddoo dhaabaa waynii tokko qaba ture. 2Gaaf tokko Ahaab mootichi Naabotiin,<<Iddoon dhaabaa waynii keetii mana kootti dhi'oo waan ta'eef, biqiltuu garaa garaa akkan irratti guddifadhuuf anaaf kenni! Qooda isaa immoo iddoo dhaabaa waynii isa irra caalu yookiis horii fudhachuun yoo sitti tole immoo wanta inni baasu siif nan kenna>> jedhe. 3Naabot garuu deebisee,<<Dhaala abbaa kootii siif kennuu, Waaqayyo ana haa oolchu!>> jedhe*. 4Ahaab sababii Naabot Yizre'elichi,<<Dhaala abbaa kootii siif hin kennu>> ittiin jedheef, aaree dheekkamaa gara mana isaatti in deebi'e; galees gara keenyaniitti gara galee siree isaa irra in ciise, midhaanis in lagate.#3 Lak 36:7; His 46:18
5Yommus Iizaabel haati manaa isaa gara isaatti ol galtee,<<Maaltu si aarsinaan midhaan lagatte?>> jettee isa in gaafatte. 6Mootichi immoo, ani,<<Naabot Yizre'elichaan,<<Iddoo dhaabaa waynii keetii anatti gurguri! Yookiis geddaraa yoo barbaadde immoo iddoo dhaabaa waynii siif nan kenna>> jennaan, inni immoo,<<Ani iddoo dhaabaa waynii kootii siif hin kennu>> waan naan jedheefan aare>> jedhe. 7Iizaabel haati manaa isaa immoo deebiftee,<<Mootii Israa'el taatee tarkaanfiin ati fudhattu kanaa>> Iddoo dhaabaa waynii Naabot Yizre'elichaa akka ati fudhattu nan godhaatii ka'ii midhaan nyaadhu, gammadis!>> jetteen. 8Kana booddee isheen maqaa Ahaabiin caaffata caaftee mallattoo isaatiin mallateessitee gara jaarsolii fi gurguddoota Naabotii wajjin mandara Yizre'el keessa jiraatanitti in ergite.
9Caaffatichi,<<Guyyaa itti soomtan labsaa! Gaafasittis namoota walitti qabaatii Naabotin isaan gidduu iddoo ol ka'aa irra teessisaa!
10Namoota wayyi irraa hin bunne,<<Utuu inni Waaqayyoo fi mootii arrabsuu dhageenyeerra>> jedhanii sobaan dhugaa irratti ba'an lama qopheessaatii fuullee isaa teessisaatii isa irratti dhugaa baasisaa! Kana booddees mandarattii keessaa gad baasaatii dhagaadhaan dha'aatii isa ajjeesaa!>> kan jedhu ture*.#10 Kes 17:6; 19:15; Mat 26:59-61
11Jaarsoliinii fi gurguddoonni mandarattii namoota warra kaanii wajjin, abboommii Iizaabel caaffataan isaanitti ergite hundumaa raawwachuuf in ka'an. 12Isaan guyyaa itti sooman labsanii, gaafasitti namoota walitti qabanii, Naabotin isaan gidduu iddoo ol ka'aa irra in teessisan. 13Namoonni sobaan isa irratti dhugaa ba'an lamaanis dhufanii fuullee isaa in taa'an; jarri kun lamaan,<<Naabot kun Waaqayyoo fi mootii arrabseera>> jedhanii, saba sana duratti isa irratti dhugaa in ba'an; warri abboomaman immoo Naabotin mandarattii keessaa gad baasanii, dhagaadhaan dha'anii in ajjeesan. 14Kana booddees nama erganii, Naabot dhagaadhaan dha'amee ajjeefamuu isaa Iizaabelitti in himan.
15Naabot dhagaadhaan dha'amee ajjeefamuu isaa akkuma dhageesseen, isheen Ahaab mootichaan,<<Naabot hin jiru, du'eeraatii, iddoo dhaabaa waynii isaa isa inni horiidhaan sitti gurguruu dide, amma ka'ii fudhadhu!>> jette. 16Naabot Yizre'elichi akka du'e Ahaab mootichi yommuu dhaga'e, iddoo dhaabaa waynii isaa ofii fudhachuudhaaf ka'ee gad in bu'e.
17Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Eliyaas Tishbeetichaa dhufee, 18<<Kunoo, Ahaab mootiin Israa'el Samaariyaadhaa iddoo dhaabaa waynii Naabot fudhachuu dhaqeeraatii, ka'ii gad bu'ii, achitti mooticha bira dhaqii, 19mootichaanis,<<Waaqayyo akkana jedha:- Ati immoo nama ajjeesiftee qabeenya isaa fudhattee>> Ammas iddoo saroonni itti dhiiga Naabot arraaban sanatti, saroonni dhiiga kees immoo in arraabu!>> jedhi!>> jedheen*.#19 22:35-38; 2Mot 9:25-26
20Ahaab yommuu Eliyaasin argee,<<Yaa diina ko, na argattee?>> jedheen; Eliyaas immoo deebisee,<<Eyyee, sin argadhe; sababii ati fuula Waaqayyoo duratti hamaa hojjechuudhaaf of gurgurteef, 21Waaqayyo,<<Kunoo, ani wanta hamaa si irratti nan fida; sin balleessa, Israa'el keessaas sanyii kee birmaduu dha, garba utuu hin jedhin, dhiira hundumaa lafa irraa nan fixa*; 22sababii ati tuttuqxee na aarsiteef, namoonni Israa'elis cubbuu akka hojjetan waan gooteef, ani immoo maatii kee akka maatii Yerobi'aam ilma Nebaatiif akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiyaa nan godha>> siin jedha*. 23Waa'ee Iizaabel immoo Waaqayyo,<<Masaraa mandara Yizre'el keessatti saroonni Iizaabelin in nyaatu*; 24sanyii kee keessaa isa mandara keessatti du'u sareetu nyaata, isa bakkeetti du'u immoo allaattiitu nyaata>> jedha>> jedhe.#21 2Mot 9:7-8 22 15:29; 16:11-12 23 2Mot 9:33-36
25Namni akka Ahaab isa haadha manaa isaa Iizaabeliin toosifamee fuula Waaqayyo duratti hamaa hojjechuudhaaf of gurgure, raawwatee hin turre; 26inni akkuma warra Amoorotaa, warra Waaqayyo fuula saba Israa'el duraa oofee baasee, waaqayyolii tolfamoo waaqessuu isaatiin wanta baay'ee ciiggaasisaa in hojjete.
27Ahaab dubbii kana yommuu dhaga'e, uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaa uffatee, soomee, uffata gaddaa akkuma uffatetti in ciisa, yommuu ka'us gaddee mataa buusee in adeema ture. 28Yommus dubbiin Waaqayyoo gara Eliyaas Tishbeetichaa dhufee, 29<<Ahaab fuula koo duratti attam akka gad of deebise argiteettaa>> Amma sababii inni fuula koo duratti gad of deebiseef, wanta hamaa isa <<Ani isa irratti nan fida>> jedhe sana bara isaa keessa utuu hin ta'in, bara ilma isaa keessa maatii isaa irratti nan fida>> jedhe*.#29 11:12; 2Sam 12:13-14
Currently Selected:
Macaafa Moototaa Isa Duraa 21: MacQul
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in
(C) The Bible Society of Ethiopia, 1997; OROMO LATIN BIBLE BSE-UBS 26M 2006.