Wongeela Maatewoosii 28:12-15
Wongeela Maatewoosii 28:12-15 GAXNT
Moototi hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, “Isin, ‘Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane’ jedha'aa kolba'atti hima'a. Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona” jedhaneen. Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.