YouVersion Logo
Search Icon

Wongeela Maarqoos 2

2
Yesus Namicha Naaftticha Fayyisuu Isaa
(Mat 9:1-8; Luq 5:17-26)
1Guyyaa muraasaan duubatti Yesus gara Qifirnaahoomii deebi'ee ni dhufe, achitti'llee mana keessa jiraachuun isaa ni dhagayame. 2Manni ka hin geenne ta'ee alli'llee haga dhiphatutti, namoonni baayi'een wol ni gayan, dubbii Waaqaa'llee isaan ni barsiisa ture. 3Yeroo sanitti namoonni afurii namicha naafa tokko baatanii gara isaa, ni dhufan. 4Baay'inna ummataa irraa ka ka'een'llee namicha naaftticha gara Yesusii dhiyeessu'uuf dadhabinnaan, gara Yesus jiruun baaxii manaa diiganii, naafayaa siree isaa woliin gad ni buusaniin. 5Yesus'llee amantii isaanii argee laamshayichaan, «Ilma kiyya cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.
6Achi'llee ta'anii worri turan barsiisonni seeraa tokko tokko, onnee isaanii keessatti akkana ni jedhan, 7«Naminni kun maali'iif arraba akkanaa Waaqa irratti dubbata? Waaqa tokko malee ka cubbuu namaa dhiisu'uuf dandda'u eennu?»
8Bakkumatti Yesus yaada onnee isaanii kana, hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee maali'iitiif onnee keessantti kana yaaddan? 9Namicha naafttichaan, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'ii siree kee baadhuutii deemii!› jechuu, kamittu irra salpha'a? 10Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbuu dhiifama taasisu'uuf, aangoo ka qabu ta'uu isaa akka beekittaniif» jedhee, naafttichaan, 11«Ka'i! Siree kee baadhuutii gara mana keetii deemi! siin jedha» ni jedheen.
12Naafttichi'llee bakkumatti ka'eeti siree isaa baadhatee, namoota mara duranatti ni baye. Kanaaf namoonni marrinuu maalalffatanii, waan akkana jiru kana, gonkumaa arginee hin beekinnu, jedha'aa Waaqa ni galateeffatan.
Yesus Maatewos Ka Jedhame Leewii Waamuu Isaa
(Mat 9:9-13; Luq 5:27-32)
13Yesus'llee deebi'ee gara garba ciisaa Galiila'aa bira ni deeme, ummanni marri'llee wolgayanii gara isaa dhufaniiti, isaan ni barsiise. 14Achi biraan'llee dabrra'aa uduu jiru bakka qaraxa itti wolitti qaban taa'ee jira ka ture, ilma Alfewosii Leewii argee «Ana horddof!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen.
15Kanaan duubatti Yesus mana Leewi'ii nyaataaf taa'ee jira ture, namoonni baayi'een'llee horddofaniinii jiran waan turaniif, isaan keessaa'llee qaraachonni baayi'ee fi cubbamoonni'llee, Yesusii fi barattoota isaa woliin nyaataaf dhiyaatanii jiran ture. 16Gara worra Fariisotaatii ka ta'an barsiisonni seeraa, Yesus worra qaraacotaatii fi cubbamootaa woliin yoo nyaatu arganii, «Worra qaraacotaatii fi cubbamootaa woliin ka nyaatuu fi ka dhugu, waayee maali'iitiif?» jechu'uun, barattoota isaa ni gaafatan.
17Yesus'llee kana dhagayee, «Dhukkubsattoota malee fayyaaleyyiin ogeessa fayya'aa isaan hin barbaachisu, ani'llee ka dhufeef ququllaayota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa cubbu'uu titti waamu'uuf» isaaniin jedhe.
Waayee Soomaatiif Gaafii Dhiyaate
(Mat 9:14-17; Luq 5:33-39)
18Ergamittoonni Yohaannisiitii fi Fariisonni'llee ni sooman turan. Namoonni tokko tokko gara Yesusii dhufanii, «Ergamittoonni Yohaannisiitii fi Fariisootaa ni sooman, ergamittoonni kee garuu ka hin soominne, waayee maali'iitiif?» jedhaniin.
19Yesus'llee, ka fuudhu uduu isin woliin jiru, jaalonni soomuun isaan irraa ni malaa ree? miti! ka fuudhu isaan woliin uduu jiru, soomuun isaan irra hin jiru. 20Garuu ka fuudhu guyyaan isaan biraa itti fudhatamu ni dhufa, yeroo sanitti ni sooman.
21«Uffata moofe irratti subbee haarawa ka erbbu #2:21 Ka erbbu:- Ka itti hodhu yookiin ka irratti maxanssu hin jiru, kun yoo raawwatame garuu subbeen haarofitti uffata moofaa wolitti guuru'uun ni tarsaasaan, tarsaan'llee ka duranii irra ka caalu ni ta'a. 22Akkuma kana qalqala daadhii woyinni'ii ta moofttetti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu hin jiru, yoo raawwatame garuu daadhiin woyinni'ii qalqala ni dhoosa, daadhiin woyinni'llee ni jiga, qalqalli'llee tasa ni ta'a. Kanaaf daadhii woyinni'ii haarawaaf, qalqala haarawa barbaachisa» isaaniin jedhe.
Waayee Sanbbataatiif Gaafii Dhiyaate
(Mat 12:1-8; Luq 6:5)
23Guyyaa sanbbataatiin Yesus oorruu qamadi'ii jiddu'uun ni dabrra ture. Ergamittoonni isaa'llee yoo deemanitti asheeta qamadi'ii, muruu jala ni qaban. 24Fariisonni'llee, «Kunoo, ergamittoonni kee guyyaa Sanbbataatiin, waan hin eeyyamamin waayee maali'iitiif raawwatan?» jechu'uun, ni gaafataniin.
25Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Daawiit horddofittoota isaa woliin yeroo beelayee fi rakkatetti, maal akka raawwate isin hin dubbifinne moo? 26Abiyaater itti gaafatamaa qeesotaa bara turetti, inni gara Mana Waaqaa aseenee, qeesotaaf malee kuunniiniif akka nyaatan ka hin eeyyaminiif, hibsttii qulqullaawome#2:26 Hibsttii qulqullaawome:- Nyaata Waaqaaf dhiyaate, yookiin namoota Mana Waaqaa keessa tajaajilu'uuf adda bayanii tajaajilan qofaaf eeyyamame ka Waaqaaf dhiyaate nyaate, namoota isa woliin ni jiran turaniif'llee ni kenne.»
27Deebi'ee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Sanbbatatu namaaf hojjatame malee, naminni Sanbbataaf hin uumaminne. 28Akkuma kana Ilmi Namaa Sanbbataaf'llee, Goofta'a» jedhe.

Currently Selected:

Wongeela Maarqoos 2: ArsiDNT

Highlight

Share

Copy

None

Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in