Wongeela Maatewos 24
24
Waayee Diigama Mana Waaqeffanna'aatiif Raaga Yesusii
(Mar 13:1-2; Luq 21:5-6)
1Yesus Mana Waaqeffanna'aatii baye yoo deemu, barattoonni isaa gamoo Mana Waaqeffanna'aa isatti muldhisu'uuf, gara isaa ni dhiyaatan. 2Inni garuu, «Kana maraa ni argitanii ree? Dhugamaan isiniin jedha, dhagaan tokko'llee dhagaa irratti tuulame uduu hin jigin, ka hafu hin jiru» isaaniin jedhe.
Dhufaatii Goofta'aatiin Duranatti Ari'atamaa Fi Rakkinna Gayu
(Mar 13:3-13; Luq 21:7-19)
3Yesus Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru barattoonni isaa adda isaa titti gara isaa dhiyaatanii, «Wonitti kun marri ka ta'u yoom? dhufaatii keetiitii fi malkanni muummee barichaa hoo maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin.
4Yesus akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Naminni kumi'llee akka isin hin dogoggorssine ufi eeggadhaa! 5Baayi'eewwn, ‹ani Masihi'i!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan. 6Qoonqqa woraanaatii fi odduu woraanaa'llee ni dhageettan, kun marrinuu ta'uu waan qabuuf hin nayinaa, muummeen garuu ufi durana. 7Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraanaan ni ka'a, bakka adda addaa titti'llee beelaa fi sochiin arddi'ii ni ta'a. 8Kun marri'llee akka sarddama ciniinsu'uu jalqabaa ni ta'a.
9 #
Mat 10:22. «Yeroo sanitti namoonni rakkinnaaf dabarssanii isin ni kennan, isin ni ajjeesan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee ummata mara biratti, ka jibbamttan ni taatan. 10Yeroo sanitti baayi'eewwan amantii isaanii waakkachu'uun ni gufatan, tokko ka bira'aa dabarssee ni kenna, namoonni'llee ufii isaaniitii wol ni lolan. 11Nabiyyoonni dharaa baayi'een ni ka'an, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan, 12Baay'innaa hameennaa irraa kan ka'een, jaalallitti namoota baayi'e'ee ni qabbanooftti. 13#Mat 10:22.Haga muumme'ee titti obissaan ka dhaabatu garuu ni fayya. 14Ummatoota maraaf ragaa akka ta'u Wongeelli Mootummaa Waaqaa kun, biyya lafaa maratti ni lallabama, yeroo sanitti muummeen isaa ni dhufa.»
Rakkinna Makkaraarssaa
(Mar 13:14-23; Luq 21:20-24)
15«Nabiyyichi Daan'eel akkuma dubbatetti wonitti batteessu jibbisiisaa, bakka Qulqulluu ta'e dhaabatee yeroo argitanitti dubbifataan haa hubatu!» 16Yeroo sanitti worri biyya Yihuda'aa jiran gara gaarotaa titti haa dheessan. 17#Luq 17:31.Baaxii manaa irra ka jiru manaa waan tokko fudhachu'uuf, hin bu'in. 18Bakka qonnaa ka jiru'llee uffata isaa fudhachu'uuf, gara duuba hin deebi'in, 19Yeroo sanitti dubbarttoota ulffaatii fi haawotii dayanii hoosisaniif, uunsha'a! 20Dheessiinssi keessan ji'a gannaatiin yookiin guyyaa Sanbbataatiin akka hin taaneef kadhadhaa! 21#Mul 7:14.Yeroo sanitti biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee haga adhaa titti ka hin ta'in, ufi duranaaf'llee ka isa fakkaatu gonkumaa ka hin taane, rakkinni ol aanaan ni ta'a. 22Guyyoonni sunniin gabaabachuu uduu dhabaataniitii, naminni tokko'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu waayee namoota filatamaniitiif guyyoonni sunniin ni gabaabatan.
23«Yeroo sanitti naminni kumi'llee, ‹kunoo, Masihiin asi jira!› Yookiin, ‹achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa. 24Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»
25«Eegaa wonittoota kanniin maraa durssee isinitti himee jira, 26#Luq 17:23, 24.kanaaf, ‹kunoo, gammoojjii ni jira!› yoo isiniin jedhan hin bayinaa, akkuma kana ‹kunoo, bakka dhossa'aa jira!› yoo isiniin jedhan'llee hin amaninaa. 27Akkuma Bakakkaan sami'itti mishi jedhee baya adu'uutii haga dhiyaa titti muldhattu, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkanuma ni ta'a. 28#Luq 17:37.Gara bakka raqinni jiruu titti, rumichoonni wolitti ni qabaman.»
Deebi'ee Dhufiinssa Kristosii
(Mar 13:24-27; Luq 21:25-28)
29 #
Mul 1:7; 6:12; Mul 6:13. «Guyyoota rakkinnaa sanniiniin duubatti bakkumatti aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu, urijjiiwwan'llee sami'ii ni kufan, huminoonni samii'llee ni raafaman. 30Kanaan duubatti malkanni Ilma Namaa'llee sami'itti ni muldhata, yeroo sanitti ummatoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu ni booyan. Ilmi Namaa'llee huminnaa fi ulfinna ol aana'aan duumessa irraan, ta'ee yoo dhufu ni argganiin, 31Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»
Fakkeenna Muka Harbbu'uu
(Mar 13:28-31; Luq 21:29-33)
32«Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isinii haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo latanii fi baallan isi'ii'llee magariisa yeroo ta'anitti, yeroo sanitti bonni dhiyaachuu isaa ni beekittan, 33Akkuma kana isin kana maraa yoo argitanitti, yeroon Ilmi Namaa itti dhufu akka dhiyaate, beekaa. 34Dhugamaan isiniin jedha, kun marrinuu haga raawwatamutti, dhaloonni kun hin dabrru. 35Sami'ii fi ardiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru.»
Gooftaan Guyyaa Itti Dhufuu fi Saa'aatii Itti Dhufu, Eennu'llee Ka Hin Beekinne Ta'uu Isaa
(Mar 13:32-37; Luq 17:26-30, 34-36)
36«Waayee guyyaa saniitii fi waayee saa'aatii sanii garuu Waaqa Abbaa malee, maleyikkoota sami'ii ta'an, Ilmi Waaqaa'llee yoo ta'e, eennu'llee ka beeku hin jiru. 37Akkuma bifa bara Noohii turee titti, Ilma Namaa yeroo dhufutti'llee, akkuma kana ni ta'a. 38Bara sanitti, bishaan badi'iitiin duranatti haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti, namoonni nyaata'aatii fi dhuga'aa, fuudha'aanii fi wolitti fuusisa'aa'llee ni turan. 39Bishaan badi'ii dhufee marumaa wolitti qabee haga yeroo haree fudhatuu titti, isaan hin beekinne turan, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkuma kana ni ta'a. 40Yeroo sanitti namoonni lama bakka qonnaa titti woliin ni hojjatan. Tokkochi ni fudhatama, kuun ni hafa. 41Dubarttoonni lamaa woliin ni daakan, takkatiin ni fudhatamitti, ta bira'aa ni hafitti.
42«Eegaa Gooftaan keessan guyyaa kamittu akka dhufu hin beekittaniitii, dammaqa'aatii eegaa. 43#Luq 12:39, 40.Garuu kana beekaa, abbaan manaa halkan keessaa saa'aatii kamittu hattuun akka dhufittu uduu ka beekuutii, dammaqee ni eegaa ture, manni isaa'llee akka qotamuuf, hin dhiisu ture. 44Akkuma kana Ilmi Namaa saa'aatii isin hin yaadinnetti, waan dhufuuf, qophaaya'aatii jiraadhaa.»
Fakkeenna Tajaajilaa Amanama'aa Fi Hama'aa
(Luq 12:41-48)
45«Maatii isaatiif yero'oon nyaataa isaanii akka kennuuf, Gooftaan maatii isaa irratti ka isa muudu tajaajilaan amanama'aa fi qaruuteen eennu? 46Gooftaan isaa yeroo dhufutti tajaajilaan akkana yoo inni raawwatu argatuun, inni ka eebbifame. 47Dhugamaan isiniin jedha, tajaajilaa san gooftaan, qabeenna isaa mara irratti ni muudaan. 48Tajaajilaan hamaan sun garuu, ‹gooftaan kiyya amma hin dhufu ni tura› jedhee, yoo yaadeef, 49waaheloota isaa ka woliin hojjatan dhaanuu jala yoo qabe, worra machaayaniin woliin'llee yoo nyaatee fi yoo dhuge, 50Gooftaan tajaajilaa sanii guyya'aa fi saa'aatii inni hin beekinnetti ni dhufa, 51Tajaajilaa san'llee gooftaan isaa ni adabaan, kutaa carraa isaa'llee worra fakkeessitootaa woliin ni taasisa, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»
Currently Selected:
Wongeela Maatewos 24: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in