Wongeela Luqaas 17
17
Namatti Gufannoo Ta'uu Irraa Ufi Eeggachuu
(Mat 18:6-7, 21-22; Mar 9:42)
1Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Namoota gufachiisanii gara cubbu'uu titti wonittoonni gataniin, dhufuun isaanii hin hafu, garuu gufannoo cubbu'uu ka fidu nama saniif garuu, uunsha'a! 2Naminni kumi'llee mandhaawwan kanniin keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan guddaan daakka'aa morma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisa'aa titti uduu gatamee isaa woyya ture. 3#Mat 18:15.Kanaaf mataa keessaniif ufi eeggadhaa! Obboleessi kee yoo si miidhe itti baanadhuun! Balleessaa isaatiin yoo gaabbe'llee dhiifama taasisiif! 4Guyyaa keessatti yeroo torbaa yoo si miidhee fi guyyaa keessatti'llee yeroo torbaa gara kee dhufa'aa, ‹balleessaa kiyyatti gaabbee jira› yoo siin jedhe, dhiifama taasisiif.»
5Ergamittoonni'llee Gooftaa Yesusiin, «Yabo'oo amantii nuuf dabal» jedhaniin.
6Gooftaan Yesus'llee, «Amantii firii suuniffa'aa gayu uduu qabaattaniit, muka harbbu'uu kanaan, ‹asii buqa'iitii garba ciisaa keessatti dhaabadhu!› yoo jettaniinii, isiniif ni ajajama» isaaniin jedhe.
Dirqama Tajaajila'aa
7Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin keessaa tokko ka hujii qonnaa irratti bobbaye, yookiin tajaajilaan hoolota tissuu yoo qabaate, tajaajilaan yeroo huji'ii deebi'e bakkumatti, ‹koottu! Taa'iitii irbaata kee nyaadhu!› ni jedhaanii ree? 8Kana irra, ‹ka'i! Irbaata kiyya naaf qopheessi, haga nyaadhu fi haga dhugutti'llee, dhaabadhuutii ana tajaajili, kanaan duubatti ati ammoo ni nyaatta, ni dhugidda› jedhaanii mitii? 9Eegaa, tajaajilaan waan ajajame waan raawwateef, gooftaan isaa waan isa galateeffatu isinitti fakkaata ree? 10Isin'llee akkuma kana waan ajajamittan maraa yeroo raawwattanitti, ‹nu'u tajaajilttoota hin fayyadinne, ka raawwanne'llee dirqama keenna qofa› jedhaa.»
Yesus Waashayoota Kudhanii Akka Fayyise
11Yesus gara Yerusaalemii yoo deemutti Samaariyaa fi Galiilaa jiddu'uun ni dabrra ture, 12Gara ganda tokkoo yeroo aseenetti'llee, waashayonni kudhanii gara isaa dhufanii fagoo ni dhaabatan, 13qonqqa isaanii'llee ol fudhatanii, «Yaa Yesus, yaa barsiisaa, yabo'oo nu fayyisi!» jedha'aa, ni iyyan.
14Yesus'llee isaan laaleeti, «Deemaa! Qaama keessan qeesotatti muldhisaa!» isaaniin jedhe,
Isaan'llee uduma deema'aa jiran, waashayinna isaanii irraa ni fayyan. 15Isaan keessaa'llee tokko waashayinna isaa irraa fayyuu isaa yeroo argetti, qonqqa ol aana'aan Waaqa galateeffata'aa, ni deebi'e.
16Yesusiin'llee galateeffata'aa miila isaa jalatti kallachaan ni kufe, inni'llee nama biyya Samrya'aa ni ture.
17Yesus'llee akkana ni jedhe, «Namoonni waashayinna irraa fayyan kudhan hin turree? Eegaa, sgilan eessa jiran? 18Waaqa galateeffachu'uuf deebi'ee ka dhufe, nama alaga'aa kana malee, ka bira'aa tokko'llee hin argaminne?» 19Kanaan duubatti Yesus nama saniin, «Ka'iitii deemi, amantiin kee si fayyisee jira» jedheen.
Dhufaatii Mootummaa Waaqaa
(Mat 24:23-28, 37-41)
20Worri Fariisonni Yesusiin, «Mootummaan Waaqaa yoom dhuftti?» jechu'uun, ni gaafataniin, inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Mootummaan Waaqaa ka dhufittu bifa namoonni qophaayanii eegganiinii miti, 21akkuma kana, ‹kunoo, asi jirtti yookiin achi jirtti› ka jedhamtuu miti, kunoo, Mootummaan Waaqaa jidduu keessan jirtti.»
22Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Guyyoota Ilma Namaa keessaa tokko argu'uuf guyyaan itti hawwitan ni dhufa, garuu hin argitan.» 23Namoonni, kunoo, Kristos asi jira! Yookiin achi jira! isiniin ni jedhan, garuu hin deeminaa, isaan'llee hin horddofinna. 24Bakakkaan samii irratti yoo falaqqisu daanga'aa haga daanga'aa titti akkuma ifutti, Ilmi namaa'llee yeroo dhufutti akkuma kana ni ta'a, 25garuu Ilmi Namaa durssee rakkinna baayi'ee fudhachu'uuf, dhaloota kanatti'llee tuffatamu'uu fi ashamuun dirqama.
26Akkuma bifa bara Noohii ta'etti, Ilmi Namaa yeroo dhufetti akkuma bifa ta'ee titti Ilmi Namaa yeroo dhufutti'llee, akkanuma kana ni ta'a. 27Haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti namoonni uduu nyaata'aatii fi uduu dhugan, uduu fuudha'aatii fi wolitti fuusisan'llee ni turan, yeroo sanitti bishaan balleessa'aa dhufeeti, irra garagaleeti mara isaaniituu ni balleese.
28Akkuma kana ammoo akkuma bifa bara Looxii titti ta'een ni ta'a, yeroo sanitti namoonni uduu nyaatanii fi uduu dhugan, uduu bitanii fi uduu gurguran, biqilttuu uduu dhaabanii fi mana'llee uduu ijaaran ni ture. 29Garuu Looxi Sadoomii guyyaa itti bayetti, Ibiddaa fi dinniin sami'ii roobee marumaa ni balleesse,
30Guyyaa Ilmi Namaa itti muldhatutti'llee, akkuma kana ni ta'a. 31#Mat 24:17, 18; Mar 13:15, 16.Guyyaa sanitti naminni baaxii mana isaa irra jiru meeshaa mana keessa jiru fudhachu'uuf hin bu'in, naminni bakka qonnaa jiru'llee, gara mana isaa hin deebi'in. 32Haadha worraa Looxii yaadadhaa! 33#Mat 10:39; 16:25; Mar 8:35; Luq 9:24; Yoh 12:25.Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni dhabaan, lubbuu isaa dabarssee ka kennu marrinuu, ni fayyisaan. 34Halkan sanitti naminni lamaan siree tokko irra ni rafan, isaan keessaa'llee tokko ni fudhatama, kuun ni hafa, isiniin jedha. 35«Dubarttoonni lamaa bakka tokkotti woliin ni daakan, takkattiin ni fudhatamitti, tuun ni hafitti. [ 36Namoonni lamaan bakka qonnaa tokko ni hojjatan, tokko ni fudhatama, kuun ni hafa.»]
37Barattoonni isaa'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa, garamtti ka fudhataman?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Inni'llee, «Raqinni bakka jirutti rumichoonni wol ni gayan» jechu'uun isaanii ni deebise.
Currently Selected:
Wongeela Luqaas 17: ArsiDNT
Highlight
Share
Copy
Want to have your highlights saved across all your devices? Sign up or sign in